Korporeeshinichi manneen carraan itti ba’e kuma 68 ji’oota 3 keessatti kennuuf hojjetaa jira

Sadaasa 3/2014((TOI) korporeeshiniin manneen magaalaa Finfinnee ji’oota itti aanan sadiitti manneen jireenyaa waliinii carraan itti ba’eef kuma 68 kennuuf hojjetaa akka jiru ibse.

Daayirektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Shimallis Taammirat magaalattiitti manneen jireenyaa waliinii carraan itti buufamee warra abbaa carraaf hin kennamne kuma 68 dabarsuuf hojii hojjetamaa jiru TOIf ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa bara bajataa kanatti manneen kuma 139 ijaaraa akka jiran eeraniiru. Dabalataan bu’uraalee misoomaa guutuuf qaama ilaallatan waliin walgargaarsaan hojjetamaa jira jedhan.

Manneen jireenyaa kun karoora qabameefitti xumuruuf hojjetamaa akka jiru obbo Shimallis dubbataniiru.

Itti gaafatamtuun bulchiinsa misooma manneenii magaalaa Finfinnee aadde yaasmiin Wahabirebii gama isaaniin bulchiinsi magaalicha manneen jireenyaa waliini karaa shariikaan, mootummaa fi deeggarsa dhuunfaan ijaarsisaa jira jedhan. Dabalataan lammiileen kuma 12 ol waldaan akka gurmaa’an gochuun filannoo mana argachuu uumuuf hojjetamaa akka jira eeraniiru.

Magalaa Finfinneetti namoonni mana jireenyaa barbaadan kuma 650 ol galmaa’anii qusataa akka jiran odeeffannoon korporeeshinii misooma manneenii ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015