Hawaasummaa - ENA Afaan Oromoo
Hawaasummaa
Magaalichatti uummata hirmaachiuun hojiiwwan misoomaa hojjetaman bu’aa argamsiisaniiru – kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 8, 2025 210
Onkoloolessa 29/2018(TOI)- Magaalaa Finfinneetti hojiiwwan misoomaa uummata hirmachisuun hojjetaman bu’aa argisiisuusaanii Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Leenjiin hoggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa bara 2018 mata dureewwan humna miseensota ijaaran irratti leenjiin giduu kana kennama jiraachuun ni beekkama. Leenjiin Miseensota hoggansa olaanaa paartichaa dameelee bu’uura diinagdee biyyaarratti, Qonnarratti, Tuurizimiirratti, industirii fi misooma magaalaarratti kan xiyyeeffatan ta’uun ibsameera. Hoggantoonni olaanoon paartichaa misooma koriidaraa fi qarqara Lagaa Magaalichaa, misooma manaa fi hojilee dhiheessii daawwatamaa jiru. Saganticharratti kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka jedhanitti, Magaalichatii uummata hirmaachisuun hojiiwwan misoomaa raawwataman bu’aa fidaniiru. Kanaanis bu’aan magaalaa Finfinnee Afriikaarratti akka eeramtu ishee taassisu argameera jedhaniiru. Misoomaa manneenii fi dhiheessiirratti damee dhuunfaa hirmaachisuun hojiiwwan hojjetaman dhiheessii guddisuu dandeessisuu ibsaniiru. Hojiilee hojjetamaniin manneen harka qal’eeyyii hedduun ijaaramuu kan ibsan kantiibaan kun, manneen barnootaatti sagantaa nyaataan bu’aan argameera. Magaalittiin daa’immanii fi dargaggoota kan giduugaleeffatte bakkeewwan shaakala Ispoortii Ijaaramanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru kan jedhan kantiibaa Adaanech, qajeeltoo uumuu fi saffisuu hordofuun hojjetamaa jira jedhaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Galmoota Misooma Fulla’aa 2030 milkeessuuf tattaaffiiwwan taasifaman akka ciman waamicha dhiheessan.
Nov 7, 2025 247
Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Itiyoophiyaan Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti Galmota misooma fulla’aa 2030 milkeessuuf imaamatawwan bahan cimanii akka itti fufan waamicha dhiheessite. Jilli Ministira Barnootaa pirofeesar Biraanuu Naggaan durfamu Yaa’ii waliigalaa ( UNESCO) 43ffaa Uzbeekistaanitti gaaggeeffame irratti hirmaachuusaa Itiyoophiyaatti sekreetariin jeneraalaa biyyaalessaa Yuneskoo Alamuu Geetahuun TOI’f ibsaniiru. Ministirichi yaa’icharratti Itiyoophiyaan Waggottan lamaan darban Barnootaan, Aadaan, Jijjiirama haala qilleensaa fi damee lubbuu qabeeyyii waliin wal qabatee hojiiwwan hojjechaa jirtu ibsuusaanii himaniiru. Imaammattoonni galmoota misooma egeree 2030 mootummoota gamtoomanii milkeessuuf bahan cimanii akka itti fufaniif waamicha dhiheessaniiru jedhaniiru. Yaa’ichaan cinatti Ministiroota biyyoota adda addaa waliin mariiwwan michummaa gam-lamee cimsuuf dandeessisan taassisuusaanii sakreetar jeneraaliin kun dubbataniiiru.
Aadaa fi Afaan Oromoo qorannoo fi qu’annoon deeggaruun caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira
Nov 6, 2025 369
Onkoloolessa 27/2018(TOI)- Aadaa fi Afaan Oromoo qorannoo fi qu’annoon deeggaruun caalaatti guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsame. Yunivarsiitii Ambootti jiddu galli qo’annoo fi qorannoo looreet Tsaggaayee Gabramadin waldaa qu’annoo Oromoo waliin hojjechuuf walii galtee mallatteessan. Walii galteen kun aadaa fi afaan hawaasaa qorannoon deeggaruun caalaatti guddisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa waldaa qorannoo Oromoo Dr. Tafarii Buzaayyoo wayita kana akka jedhanitti, aadaa fi afaan Oromoo qorannoo fi qu’annoon caalaatti guddisuuf xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru. Keessumaa Sirna Gadaa irratti hundaa’uun aadaa fi afaan ummata Oromoo beeksisuu fi guddisuuf akka hojjetamu eeraniiru. Walii galteen har’a mallatteeffame qaama tattaaffii kanaa ta’uu dubbatanii, dhimmoota sadiirratti akka xiyyeeffate ibsaniiru. Waliin ta’uun qorannoo fi qu’annoo gaggeessuu, yaa’ii qorannoo qopheessuu fi muuxannoo qooddachuu ta’uu dubbataniiru. Waldichi dhimma kanarratti jiddu gala qu’annoo fi qorannoo aadaa Yuunivarsiitii Amboo looreet Tsaggaayee Gabramadiniin alatti dhaabbilee barnootaa olaanoo biroo waliin qinaa’uun hojjechuuf karoorsuusaa ibsaniiru. Yunivarsiitii Ambootti itti aanaan pirezidaantii qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Dr. Salamoon Maashoo gamasaaniin, walii galtichi hojiiwwan qorannoo fi qu’annoo aadaa fi afaan guddisan waliin hojjechuu fi hojiirra oolchuu kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru. Walii galtichi jiddu galli qorannoo fi qu’annoo aadaa looreet Tsaggaayee Gabramadin caalaa akka guddatu carraa akka uumuuf ta’uu ibsaniiru. Daarektarri olaanaa jiddu galichaa Dr. Salamoon Leyikun, waliigalteen waldicha waliin taasifame qu’annoo fi qorannoo aadaa fi afaanii hunda galeessa taasisuuf ni deeggara jedhan. Jiddu galichi Seenaa, Afaan, Aadaa fi Artii irratti qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, walii galtichi hojiilee eegalaman si’achiisuuf ni gargaara jechuun ibsaniiru.
Hospitaalli Rifaraala Goobbaa Qorannoo dursaa kaansarii harmaa bilisaan kennaa jira
Nov 6, 2025 210
Finfinnee,onkololeessa 27/2018(TOI) Hospitaalli Rifaraala Goobbaa qorannoo dursaa kaansarii harmaa bilisaan kennaa jiraachuu beeksise. Tajaajilamtoonni gama isaaniitiin qorannoofi gorsi ogeessota fayyaa Hospitaalichaatiin isaaniif kenname yaaddoo dhibee irraa bilisa akka taanu nutaasisee jira jechuun galateeffatan. Hojigeeggessaan Hospitaala Rifaraalaa Goobbaa hirmaataa Pirofeesaraa Muhammadamaan Maammaa akka jedhanitti, Hospitaalichi tajaajila yaala dhibee kaansarii idileen kennaa jiraachuu yaadachiisan. Tajaajila yaala hospitaalichaa daran dhaqabamaa taasisuufi hubannoo hawaasni dhibee kanarratti qabu gabbisuuf idoo gabayaafii dhaabbilee fayyaa hawaasni baay’inaan argamutti hojii hubannoo kennaa jiraachuu dubbatan. Keessattuu,dubartoota umriin isaanii 20 ol ta’an qorannoo dursaa kaansarii harmaa taasisuun mallattoolee adda baafachuun qorannoofi yaala dabalataatiif gara Hoospitaalichaatti kan ergaman ta’uus akeekan. Qorannoo yeroo ammaa geeggeffamaa jiru kanaanis dubartoonni mallatooleen dhibichaa irratti mul’achuun shakkaman qorannoo dabalataatiif gara Hospitaalaatti ergamuus dhugooman. Hospitaalichi yaala dhibee kaansarii dabalatee tajaajila city-scan,indoskooppiifii paatooloojii hawaasaaf kennaa jiraachuus eeran. Hawaasni Godina Baaleefii baroottan dabran keessa tajaajila yaalaa fooyyee kanneen argachuuf dadhabbii gara jiddugaleessa biyyaatti taasisaa ture kan hir’iseef ta’uu kan dubbatan ammoo Hospitaalichatti ispeeshaalistii dhibee yaala kaansarii Doktor Addisuu Gullilaati. Hawaasni dhibee Kanaan qabamee haalota walxaxaa keessa osoo hin galle yeroon gara dhaabbilee fayyaa dhufuun qorannoo taasisuu aadaa akka godhatus dhaaman. Tajaajiloonni kunneen namoonni dhibeen osoo hin miidhamne akka yaalamaniif kan tumsu waan ta’eef hunduu carraa kanatti akka fayyadamus Dr. Addisuun gaafataniiru. Hospitaalli Rifaraala Goobbaa hawaasa Godina Baalee fi naannawa isaa gara miliyoona afuritti tilmaamamuuf tajaajila yaalaa kennaa jiraachuu ragaan Hospitaalicharraa argame ni mul’isa.
Tajaajilli tola ooltummaa dargaggootaa walooma caalaatti cimsuun bu’aa abdachiisaa fideera – Ministeera Nageenyaa
Nov 5, 2025 200
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Tajaajilli tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’u walooma caalaatti dagaagsuun bu’aa abdachiisaa fiduusaa Ministeerri Nageenyaa ibse. Sirni eebbaa leenjii tola ooltummaan waloomaafii dargaggoota marsaa14ffaa ministeerichi Yunivarsiitii Jimmaan wal ta’uun qopheesse har’a magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera. Saganticharratti Ministeera Nageenyaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan hoggansa hojii Mabiraatuu Kaasaa akka dubbatanitti, leenjiin tola ooltummaan waloomaaf jedhu dargaggoota naamusa gaariin ijaaruun jaalala biyyaan akka guutaman haala mijataa uumeera. Hanga ammaatti dargaggonni kuma 60 ol leenji’anii biyyittii Naannoowwan adda addaatti bobbaa’uun hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa raawwatan walooma caalaatti cimsuun bu’aa jajjabeessaa fiduusaa ibsaniiru. Dargaggoonni kun naannoo ramadamanitti Ambaasaaddara nageenyaa ta’uunii fi hojii tola ooltummaarratti bobba’anirratti dhiibbaa uumuu danda’uusaanii kaasaniiru. Dargaggoonni kun Afaanota adda addaa fi duudhaalee aadaan wal baruun hedduummina dagaagsuun walii galtee biyyoolessaaf qooda olaanaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Marsaa Kanaan gidduu gala leenjii shanitti kan hirmaatan dargaggoonni kuma 5 ol gara naannoolee biyyittii adda addaatti bobba’uun hojii tola ooltummaa akka kennan beeksisaniiru. Yunvarsiitii Jimmaatti Itti Aanaan pirezidaantii dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Taaddasaa Habtamuu gamasaaniin, Yunvarsiitiin Jimmaa hojiiwwan tola ooltummaarratti hirmaachuun qoodasaa bahaa jira jedhjaniiru. Ministira nageenyaa waliin qindaa’uun leenjii dargaggoonni fudhataniif turtii gaarii akka dabarsaniif deeggarsa barbaachisaa taassisuusaa dubbataniiru. Naannoolee biyyattii adda addaarraa dhufuun dargaggootni lenjii fudhatan turtiisaaniin beekumsaa fi dandeettii bu’uura jireenyasaaniif ta’u akka argatan taassifamuu dubbataniiru.
Godina Gujiitti Sooranni mana barnootaatti hojiirra oolaa jiru baay’ina barattoota barnoota addaan kutanii hir’isuuf gargaaraa jira
Nov 5, 2025 151
Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa godina Gujiitti sooranni mana baakka jiru waajjirri barnootaa godinichaa ibse. Hoogganaan Waajjirichaa Saatanaa Roobee, bara barnootaa kana barattoonni kuma 439 ol galmaa’anii barnoonni kennamaa akka jiru ibsaniiru. Godinichatti tattaaffii qaqqabamaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamuun cinaatti baay’ina barattoota addaan kutanii hir’isuuf gargaarsa guddaa gochaa jira jedhaniiru. Godinichatti Barattoonni kuma 75 sagantaa kanatti fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaa kana itti fufsiisuuf tola ooltotaan alatti qooda fudhattootarraa qabeenya walitti qabuun itti fufuu ibsaniiru. Hoogganaan waajjira Buusaa Gonofaa godinichaa Abbaayinee Sharqichaa sagantaa kana godinichatti cimsuuf tola ooltotarraa birriin callaa mil. 4 tuqaa 2 ol argamuu ibsaniiru. Shukkaaraa fi zayita nyaataa dabalatee midhaan nyaataa kuntaala kuma 3 fi 250 ol tola ooltotarraa walitti qabamuu dubbataniiru. Saganticha fullaasuuf deeggarsi ummataa, tola ooltota fi dureeyyii cimee itti fufa jedhaniiru. Manneen barnootaa godinichaa sagantichi itti hojeeffamaa jiru keessaa manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Oddoo Qarsaa isa tokko yoo ta’u, sagantichi hojiirra ooluunsaa barnoota bu’a qabeessa gochuun alatti barattoonni barumsa addaan kutan hir’achaa dhufeera kan jedhan dursaa mana barumsichaa Dirribaa Hundeessaati. Sagantaan soorataa kun dhiibbaa maatii hir’isaa fi fedhiin daa’imman barattootaa dabalaa dhufuu eeraniiru.
Hojiiwwan qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojjetaman muxannoon kan fudhatamanidha-Dhaabbata fayyaa Addunyaa
Nov 3, 2025 220
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Hojiileen Itiyoophiyaan Qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa babal’isuuf hojjete kan dinqisiifatamanii fi kan muuxannoon irraa fudhataman ta’uu dhaabbanni fayyaa Addunyaa beeksise. Dhaabbata fayyaa Addunyaatti bakka bu’aan Itiyoophiyaa, Gamtaa Afriikaa fi kommishinii dinagdee Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Piroofeesar Firaansis chiisakat akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waliin gahiinsa tajaajila fayyaa qulqulluu lammiilee babal’isuuf hojiin hojjette kan dinqisiifatamuu fi kan muuxannoon irraa fudhatamudha. Piroofeesar Firaansis chiisakat TOI’f akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban Itiyoophiyaan damee fayyaan milka’ina guddaa galmeessisteetti. Itiyoophiyaatti lammiileen tajaajila qulqullina qabu akka argataniif dhiheessii meeshaalee wal’aansaa adda addaa dhaqabsiisuun, akkasumas biyya keessatti qoricha omishuurratti hojii milkaa’ina qabu hojjechaa jirti jedhaniiru. Dhaabbanni fayyaa Addunyaa Mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal tumsuun tajaajila fayyaa fayyummaansaa mirkanaa’e dhaqqabamaa akka ta’uuf deeggarsa taassisu cimsee akka itti fufu mirkaneessera. Dhibeewwan tasaaf deebii kennuuf hojiiwwan hojjetaman cimsinee itti fufna jedhaniiru . Dhaabbatichi damee Fayyaan Itiyoophiyaa waliin dhiheenyatti kan hojjetui ta’uu eeruun, kunis cimee akka itti fufu dubbataniiru. Keessumaa dhukkuboota wal’aansa hatattamaa barbaadanii fi weerara to’achuuf Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf Covid-19 ittisuuf Mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojiin milkaa’inaa hojjetamuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Afriikaatti gidduugala Omisha Qorichaa akka taatuuf deeggarsa taasisuun haala danda’amurratti argamna jedhaniiru.
Lammiileen Waliin dhooftota kanneen hojiif biyya alaatti ni ergina jedhanirraa akka ofeeggatan gaafatame
Oct 31, 2025 349
Onkoloolessa 21/2018 (TOI)-Lammiileen qaamolee waliin dhooftota bu’ura seeraa fi biyyoota alaa waliin walii galtee osoo hin qabaatiin ‘hojjetaa biyya alaatti ni ergina’ kanneen jedhaniin akka hin gowwoomne ofeeggachuu akka qaban ibsame. Namni hojiif biyya alaatti kan ergamu karaa ministeera hojii fi ogummaa qofa ta’uun ibsameera. Haala Kanaan namoonni bakka jiranirraa hojii biyya alaaf galmaa’uu akka danda’an sirni odeeffannoo gabaa Itiyoophiyaa https://lmis.gov.et/ diriirfamee hojjetamaa akka jiru eerameera. Kana hordofuun biyyoota jiddu galeessa bahaa jaaha Itiyoophiyaan walii galtee mallatteessitetti deemuuf kan dandeessisu leenjii fi madaalliin erga raawwatamee booda hojiif akka ergaman beekameera. Kun osoo Kanaan jiruu beekamtii eyyama mootummaan ala namni hojiif biyya alaatti ergamu akka hin jirre hubachuun, namoonni lubbuusaanii, yeroosaanii akkasumas maallaqasaanii akka hin dhabne gaafatameera. Karaa faddaaltota seeraan alaa namoota deddeebisaniin biyya alaa deemuun jireenya ofii akkasumas jireenya maatii rakkoo hammaataaf akka saaxilu hubachuun adeemsa balaafamaa akkasuurraa akka of qusatu gorsaniiru. Ministeera hojii fi ogummaatti hojii raawwachiisaan hariiroo ummataa fi komunikeeshinii Abbabaa Alamuu Turtii TOI waliin taasisaniin, fayyadama carraa hojii dilbii biyya keessaa irratti bu’uureffate guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojiif biyya alaa deemuun yoo barbaachises karaa hojmaata ministeerichaan diriirfamanii mana leenjii teekiniikaa fi ogummaa aanaa isaaniitti argamutti leenji’uun nageenyisaanii akkasumas fayyadamummaan isaanii eegamee haalli hojiif ergaman akka jiru himaniiru. Hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee odeeffannoo argachuuf karaa toora bilbilaa 9138 tolaan bilbiluun akka danda’amu dubbataniiru.
Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaa jiru
Oct 28, 2025 422
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaaakka jiran ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Walgahiin idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti miistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2018 walgahii waloo mana maree lamaaniirratti haasaa baniinsaa taasisan ilaalchisuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota mana mreerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri muummee ibsa taasisaniin akka jedhanitti, bu’ura misoomaa fayyaa Itiyoophiyaa keessatti babal’isuuf hojjetamaa jira. Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an inshuraansii fayyaa fayyadamaa akka jiran ibsaniiru. Kunis lammiileen hedduun fayyadamaa tajaajila fayyaa akka ta’an gochuu ibsanii, hojiileen yeroo ammaa hojjetamaa jiran fuulduras ciminaan akka itti fufan dubbataniiru. Dhiheessii qorichaa ilaalchisee qoricha biyya alaarraa galfamu hir’isuu fi oomisha biyya keessaan bakka buusuuf yaaliin taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Damee fayyaa bal’isuu fi fedhii tajaajila fayyaa ummataa guutuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf Hoospitaalli qiddus Phaawuloosijaarsi bu’ura misoomaa siree kuma 1 qabu gochuusaa ibsanii, fuulduratti galteen barbaachisu guutameefii tajaajilaaf akka banamu ibsaniiru.
Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii itti ni fufu- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 348
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii akka itti fufan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Walgahiin idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera. Sirna haqaa ilaalchisuun gaaffii miseensota mana maree irraa ka’aniif ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniin, mootummaan sirna haqaa ammayyeessuu fi fooyyessuuf hojjechaa jira jedhaniiru. Sirni haqaa bilisummaasaa akka eeguu fi sirna hojmaatasaa akka fooyyessu mootummaan hojiilee garagaraa kutannoon raawwachaa jiraachuu dubbataniiru. Hanqina dandeettii damee kanarratti mul’atu furuuf dandeettii ogeeyyotaa gabbisuu fi hojmaata teeknooloojii hubachiisuuf hojiiwwan eegalaman kan jajjabeeffamanidha jedhaniiru. Walumaa gala sirna haqaa fooyyessuuf fooyyessi hojmaataa manneen murtiin eegalaman guddaa kan jajjabeeffamanii fi cimanii kan itti fufan ta’uu ibsa isaaniitiin eeraniiru.
Bara bajataa kana baay’inni tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 100’n gahuuf hojjetamaa jira – ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 383
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Bara bajataa kana baay’inni tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 100’n gahuuf hojjetamaa akka jiru ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Bu’aa bahii kenniinsa tajaajilaa irratti mul’atu hir’isuuf kan eegalame tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sadarkaa biyyaatti bal’achaa jira jedhaniiru. Yaadiin idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa kan gaggeeffame yoo ta’u ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’ootarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri muummee riifoormii dhaabbatummaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, bu’aa bayii kenniinsa tajaajilaa hir’isuuf kan eegalame tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sadarkaa biyyaatti bal’achaa jira. Yeroo ammaa wiirtuuwwan 18 tajaajila kennaa akka jiran dubbatanii, wiirtuuwwan sadii ammoo yeroo dhihootti hojii eegalu jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Bara bajataa kana baay’ina kana 100’n gahuuf hojjetamaa akka jiru eeranii kunis kenniinsa tajaajilaarratti jijjiirama olaanaa akka fidu ni eegama jedhan ibsa kennaniin.
Hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran hojjetamaa jiru – Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 249
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaatti hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran bal’inaan hojjetamaa akka jiran Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsann. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a walgahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti argamuun gaaffilee fi yaada miseensota mana maree bakka bu’ootaarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin akka jedhanitti, qulqullina barnootaa eegsisuuf sadarkaa barumsaa gadiirraa eegaluun hojiileen dhaloota ijaaran hedduun hojjetamaa jiru. Kanneen keessaa gochoota naannawa manneen barnootaa jeeqan qulqulleessuu akkasumas pirojektii barnoonni dhalootaaf jedhuun hojiileen garagaraa hojjetamuu dubbataniiru. Qulqullina barusaa fiduuf leenjiiwwan dandeettii gabbisan garagaraa kennuun alatti barumsaa fi qorumsa kennuurratti jijjiiramni akka dhufu taasifamuu ibsaniiru. Manneen barumsaattis bakkeewwan ispoortii fi bashannanaa ijaaruun dhaloota fayyaalessa ijaaruun eegalamuusaa dubbataniiru. Bara barnootaa baranaas kitaaba barumsaa barnoota sadarkaa lammaffaa miiliyoona 43 caalu qoodamuusaa fi kunis qulqullina barumsaa fiduuf hojiilee hojjetaman keessaa ta’uu ibsaniiru. Soorata barattootaa ilaalchisuun hojiilee hawaasa fayyadan dinqisiisoo hojjechuun Itiyoophiyaa namni hundi hawwu akka taatu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Xiyyeeffannoo Mootummaan kenneen al-seerummaan paarkii biyyoolessa Awwaashirratti ga’aa turan hir’ataniiru
Oct 28, 2025 132
Onkoloolessa 18/2018(TOI)-Xiyyeeffannoo addaa Mootummaan kenneen rakkoowwan dheedicha gadhisii fi Al-seerummaa biroon paarkii biyyoolessaa Awwaash irratti uumamaa turan hir’achuusaanii waajjirri paarkichaa beeksiseera. Itti gaafatamaan waajjirichaa Adam Mahaammad TOI waliin turtii taassisaaniin akka ibsanitti, paarkichi dheedicha seeraan alaaf, bineesonnis Adamoo seeraan alaa fi biqiltuu nyaatan dhabuun balaarra akka ture dubbataniiru. Mootummaan jijiiramaa xiyyeeffannoo adda kenneen bineensota bosonaa paarkicha keessatti argaman bakki hormaataa fi jireenyaa isaanii tuttuqaa namaa fi bineensota manaarraa bilisa akka ta’u paarkichatti kutaa bahaa fi dhihaan dallaa shiboon ijaaruu ibsaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun to’annoof akka toluuf daandiin km 50 kan dheeratu hojjetamuu kaasaniiru. Daallaan paarkichaa ijaaramuun jiraachuu paarkichaa eegeera kan jedhan hogganaan kun fakkeenyaaf Adamoo seeraan Alaa, dhiibbaa bineensota Manaa, Mancaatii Bosonaa, Marga haamuu akkasumas dheedichi gadhiisiin hir’achuu mirkaneessaniiru. Dabalataanis ammaan dhura dhiibbaawwan paarkicharra ga’aa turaniin bineensonni paarkicha keessaa baqachaa turan yeroo amma tasgabbaa’anii jiraachuu fi lakkoofsisaanii dabalaa dhufuu kaasaniiru. Abbaa Ikooloojii kan ta’e Paarkiin Awwaasha, Saalaahii, Borofa Dirree, Gadamsa, Jaldeessa, leenca, Bosonuu fi kanneen biroo akkasumas laga Awwaash keessa Azoon, roobii fi kanneen biroon akka jiran ibsaniiru. Xiyyeeffannoo mootumman kennen bu’aa qabatamaan argamuusaanii hubachiisuun, fuuldurattis paarkichi misoomaa fi daawwattootaaf mijataa taassisuuf hojii cimaa akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Jiddu galli oksijiinii oomishu dhaabbilee wal’aansaa naannawichaaf oksijinii dhiheessuun qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessaa jira
Oct 27, 2025 136
Onkoloolessa 17/2018(TOI)- Jiddu galli oksijiinii oomishu jiddu gala Wal’aansaa Yuunivarsiitii Jimmaatti ijaarame dhaabbilee wal’aansaa naannawichaaf oksijinii dhiheessuun qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessaa irratti gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru darektarri olaanaa Hoospitaala Ispeeshaalaayizdii walii galaa Yuunivarsiitii Jimmaa fi inistiitiyuutii fayyaa Piroofeesar Ahimad Zayinuddiin ibsan. Jiddu galli oksijinii oomishu jiddu gala wal’aansaa Yuunivarsiitii Jimmaatti haaraa ijaarame hojiitti galuun oksijiinii dhiheessuu eegaleera. Piroofeesar Ahimad Zayinuddiin TOI’tti akka himanitti, Oksijijiin michii sombaa cimaaf, kutaa dhukkubsattoota dhibeen itti caalleef(ICU), daa’imman rakkoo qaama argansuu qabaniif fi yeroo baqaqsanii hodhuutti wal’aansa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Jimmaa yeroo wal’aansi taasifamu hanqinaa fi addaan cituu dhiheessii Oksijinii mudatuu fi dhukkubsattoota miidhaa olaanaa akkasumas du’aaf akka saaxilu dubbataniiru. Hoospitaalichi dhiheessitoota biyya alaa fi amma Finfinneetti maxxantummaa keessa turuusaa yaadachiisanii, jiddu galli oksijinii addaan ciccituu fi boodatti harkifannaa dhiheessii oolcheera jedhaniiru. Jiddu galli Oksijinii kun dandeettii jiddu gala wal’aansaa Yuunivarsiitichaa akka guddisu ibsanii, fooyya’insa damee fayyaa Itiyoophiyaaf qooda gaarii akka qabaatu dubbataniiru. Jiddu galli wal’aansaa Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaatti oksijiinii siliindara 100 ta’u akka isa barbaachisu eeruun, jiddu galichi guyyaatti siliindarii 200 Kan ta’u oomishuun dhaabbilee fayyaa biroof kan dhiheessu ta’a jedhaniiru. Jiddu galli Oksijinii kun qajeelfama “ rakkoo ofii, ofiin furuu” jedhuun baasii Yuunivarsiitichaa hir’isuuf akka gargaare dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan hawata Turiizimii misoomsuu fi beeksisuurra darbee madda galii dhaabbataa taassissuuf cimanii itti fufaniiru.
Oct 24, 2025 358
Onkoloolessa14/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan hawata Turiizimii misoomsuu fi beeksisuurra darbee madda galii dhaabbataa taassissuuf hojiileen hojjetaman cimanii itti fufuusaanii Biiroon Aadaa fi Turizimii Naannichaa beeksise. Biirichatti Daarekterri misooma Tuurizimii fi Piromooshinii Fantaahun Taaddasaa TOI’f akka dubbatanitti waggoottan jijiiramaa asitti naannichatti bakkeewwan Tuuristii babal’isuuf hojiin qabeenya Tuurizimii adda baasuu, misoomsuu fi beeksisuu bal’inaan hojjetamaa jira. Kanaanis naannichatti toora Tuurizimii adda baasuun haala qabiyyee fiakaakuu isaaniin hawaasaa naannoo fi qooda fudhattoota hirmaachisuun hojiiwwan raawwataman jiraachuusaanii ibsaniiru. Sochii taasifameenis misoomicha saffisiisuun olitti turtiinTuuristotaa akka dheeratu taassisuuf bu’aan guddaan argamaa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa 2017/18tti tokkoo tokkoo Aanaatti bakka turizimii tokko tokko adda baasuun haala Innisheetifichaan misoomaa jiraachuu kaasuun kanaanis bu’aan fooya’aan argamuu kaasaniiru. Damicha guddisuun madda galii dhaabbataa taassisuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu eeruun uummanni kaka’umsa mataasan hojjechaa akka jiru eeraniiru. Damichi misooma babal’isuurra darbee lammiilee hedduu fayyadamoo carraa hojii taassisuun madda galii dhaabbataa akka qabaataniif hojjetamaa jira jedhaniiru. Haroo danbal, Abijaattaa shaalaa, bakka bashannanaa Laangaanoo misoomsuurra darbee beeksisuurratti hojiin bal’aan hojjetamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Iluu Abbaaboorii fi naannoosheetti waggoottan lamaan darban qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojii hojjetameen bu’uuraaleen misoomaa Fincaa’aa Soor guutamanii tajaajila kennaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma babal’isuun Hawaasni naannichaa Dinagdeen fayyadamoo ta’uurra darbee jireenya hasaasummaaf qooda guddaa gumaachaa jira jedhaniiru. Fuuldurattis damicha cimsuun bu’aa fooyya’aa fiduuf qindoominaan akka hojjetan dubbataniiru. Deeggarsa Mootummaa Federaalaan kan misoomaan Haroo Wancii, Gaarreen Baalee dabalatee Holqi Soof Umar bakkeewwan Turizimii damee Tuurizimii Naannichaaf humna guddaa dabaluusaanii Daarekteerichi ibnsaniiru.
Yaa’ichi murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darbanidha-Dr. Darajjee Dhugumaa
Oct 23, 2025 372
Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Yaa’iin waggaa 27ffaa damee fayyaa murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darban ta’uu de’eetaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa ibsan. De’eetaawwan ministira fayyaa, Biiroon fayyaa naannoo fi hooggantoonni olaanoon yaa’icha ilaalchisuun gareen mari’achaa jiru. De’eetaan ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa ibsa kennaniin akka dubbatanitti, yaa’iin kun mata duree “Invastimantii fi Innoveeshiniin egeree sirna fayyaa cimaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojiiwwan ciccimoo waggoottan darban argaman bal’isuu fi itti fufsiisuu akkasumas rakkoolee xiqqeessuun haala danda’amurratti mariin taasifamuu eeraniiru. Dhimmoota kenniinsa fayyaa fooyyessanirratti muuxannoo walii qooduunii fi mareen gaggeeffamuu eeraniiru. Doktar Darajjeen Itti dabaluun, invastimantiiwwan fayyaan lammiilee akka fooyya’u gargaaran maallaqa kennuurratti haala dandeessisan irratti murtoon ni darbu jedhaniiru. Tumsa mootummaa fi dhuunfaa cimsuun dhimma yaa’ichaa isa murteessaa ta’uu dubbatanii, qaqqabummaa tajaajila fayyaa damee dhuunfaa hojiileen garagaraa hojjetamaa akka jiran eeraniiru. Murteewwan sirna faayinaansii damee fayyaan jiru fooyyessuu gargaaran yaa’ii Kanaan akka darban ibsaniiru. Murtoowwan qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, kenniinsa tajaajila dijitaalaa bal’isuu fi sirna fayyaa Invasumantii fi Innoveeshinii biyyaalessaa egereen deeggaruun akka darban dubbataniiru.
Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumudha – Buchlituu Alamituu Umood
Oct 22, 2025 493
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood ibsan. Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo naannoo Gambeellaa qoddaltonni olaanoon federalaa fi nannoo bakka argamanitti har’a eegaleera. Wayita kana bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood akka dubbatanitti , misoomaa fi guddina naanichatti karoorfame saffisiisuun tajaajila hawaasaaf kennamu si’ataa fi ammayyaa’aa taassisuun barbaachisaadha. Tajaajila dhaabbilee gidduugala tokkotti kennuuf kan dandeessisu Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo immoo deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatu diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Imala dijiitaala Itiyoophiyaaf qooda olaanaa akka qabaatu ibsuun malaammaltummaa fi hojmaata badaa hanbisuurratti faayidaa guddaa waan qabuuf milkaa’inasaaf xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru. Saganticharrtti kan argaman Komishineerri Komishinii Sivilsarbvisii Dr.Makuriyaa Haayilee milkaa’inni misoomaa akka biyyaatti argame caalmaatti cimsuun itti fufsiisuuf dandeettii keenya tajaajiloota namarratti xiyyeefatan guddisuu qabna jedhaniiru. Ijaarsi Hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddicha, gidduugalaawwan hawwata Turiizimii, Misoomni koriidaraa magaalotaa, sagantaa Maaddii guutuu fi milka’inoonni misoomaa biroon ibsituuwwan Bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Dhiheessii Kenna tajaajila gaariitiin jijiirama bu’uuraa galmeesisuun qormaata ta’ee turuu kaasuun, masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuun dandeetti tajaajiloota hawasarratti xiyyeefatanii hojjechuun lammiileef tajaajila si’ataa fi ammayyaa kennuun eegalameera. Kanaaf Imala badhaadhimaa akka biyyaatti qabame dhugaamsuuf tajaajila lammiileef kennamu ammayeessuun dhimma yeroon gaafatu ta’uu komishinarichi dubbataniiru. Naannichatti tajaajilli hawaasaaf kennamu hojiin Ammayyeessuu cimee itti fufa kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Biiroo Pabilik sarvisii fi misoona namaa naannichaa Laakider laakiibaak dha. Sadarkaa naannootti masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo eegalame bulchiinsa magaalaa gambeellaattii fi caasaalee godinaattis hojiin babal’isuu cimee itti fufa jedhaniiru. Sadarkaa naannootti har’a kan eegale Masoob tajaajila wiirtuu tokko dhaabbileen 8 dameelee 29n ta’uu saganticharraa hubatamuun danda’ameera
Tajaajiloota garagaraa tola ooltummaan kennamaniin dhiibbaa jireenyaa harka qalleeyyii hir’isuun danda’ameera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Oct 21, 2025 372
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Tajaajiloota garagaraa tola ooltummaan kennamaniin dhiibbaa jireenyaa harka qalleeyyii hir’isuun danda’amuusaa Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeeibsan. Sagantaan beekamtii tola ooltotaa bara 2017 gaggeeffamaa jira. Kantiibaa Adaanech Abeebee saganticharratti akka ibsanitti, mootummaan fayyadama lammiilee haqa qabeessa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjeteera. Keesumaa hojiileen misoomaa haala jireenyaa harka qalleeyyii fooyyessan bal’inaan hojjetamuu ibsanii, kana keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa akka ture ibsaniiru. Guddina biyyaa fi gaaffii hawaasaa garagaraa hojii mootummaan hojjetuun qofa deebisuun hin danda’amu kan jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa namarratti xiyyeeffatu kan mootummaan jijjiiramaa boceen hojiileen hammatoo fi hirmaachisaan hojjetamuusaanii dubbataniiru. Keessumaa yaadama tola ooltummaa ummata qabsiisuun hojiinn hojjetaman faayidaa guddaa akka qaban kaasaniiru. Tajaajiloota tola ooltummaa dargaggoota tola ooltotaan, ogeeyyota dameelee hojii garagaraa irratti bobba’anii fi dureeyyiin raawwatamaniin lammiilee hedduu fayyadamoo taasisuun danda’ameera jedhan. Yeroo ammaa tola ooltummaan aadaa ta’aa dhufuurra darbee tokkummaan, waloomnii fi waldeeggaruun hawaasa biratti akka baratamu carraa uumuusaa ibsaniiru. Lammiileen harka qalleeyyiin tajaajila tola ooltummaan fayyadamaa akka jiran eeraniiru. Dargaggootaa fi dureeyyii tajaajila tola ooltummaa raawwatan kan galateeffatan yoo ta’u beekamtiin kun hojii fuuldura hojjetaniif kaka’umsa uumuuf kan akeekamedha jedhaniiru.
Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii hojjetu ittifufa- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 21, 2025 304
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii itti jiru cimsee akka itti fufu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Hoggantoota durii fi amma hojiirra jiran waliin marii’ataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad nageenyi bu’uuura misoomaa ta’uu amanuun nageenyi akka bu’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Nageenyi amma dhufutti caallisnee hin teenyu naheenyi hanga dhufutti ni misoomsina, filannoon keenya nageenya cimsaa misoomsaa itti fufuudha jechuun dubbataniiru. Harka tokkoon nageenya eegsisaa isa biroon misoomsuu yoo hin dandeenye nageenya hawwinu cimsuu fi fiduu hin dandeenyu jedhaniiru. Nageenyi misoomaan ala hin cimu kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, lammiin hundi misooma biyyasaaf akka tumsu waamicha dhiheessaniiru. Gama kanaan dilbii naannichaa baasnee yeroo fayyadamnuu fi bu’aan hojii keenyaa yeroo itti ida’amu Itiyoophiyaa baay’ee miidhagdee fi badhaate arguu dandeenya jedhaniiru Ministirri Muummee.
Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee bakka argamanitti galma barkumeetti gaggeeffamaa jira
Oct 20, 2025 356
Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqasillaasee bakka argamanitti galma barkumeetti gaggeeffamaa jira. Sirna gaggeessa galma Barkumeetti raawwatamaa jirurratti Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee dabalatee, pirezidaantiin Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Hajii Ibraahim Tufaa, Mana Amantaa Ortoodooksii Itiyoophiyaa Paatiraarikii bitsuh weqidus Abuunemaatiyaas, Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis, Ministirri Gorsaa Ministira Muummee dhimma Hawaasummaa Mu’aaze Xibebaat Daaqon Daani’eel Kibrat, Qondaaltonni mootummaa olaanoo fi Abbootiin Amantaa akkasumas hawaasni Musiliimaa hedduun argamaniiru. Reeffi Pirezidaantii mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa duraanii dursaan Muftii Hajjii Umaar Idriis Masjiida Nuur piyaassaatti argamutti sagantaa kadhannaa fi sirni gaggeessaa taassifamuun ni beekama. Reeffii dursaan Muftii Hajjii Umaar Idriis masjiida Nuur waggaa 40 keessatti barsiisaniitti kadhannaan solaatel Janaazaa kadhatameera. Sirni gaaggeessaa reeffaa Galma barkumeetti raawwatamu yeroo xumuramu sirni Awwaalchaa ni taassifama.