Tamsaasa Kallatti:
Siyaasa
Miseensonni Raayyaa Nageenyaa nagaa fi Tasgabbii Naannoosaanii eeguun  qoodasanii bahaa jiru
Oct 23, 2025 385
Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Miseensonni Raayyaa Nageenyaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun nagaa fi Tasgabbii Naannoosaanii eegsisuun qoodasanii bahaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa ibsan. Biiroon Bulchiinsa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinee Ayyaana Damaraa Masqalaa fi Irreecha dabalateetaateewwan adda addaa nagaan akka goolabamaniif miseensota nagenyaa qoodasaanii bahaniif sagantaan beekamtii fi galateeffannaa gaggeesseera. Itti Gaafatamtuun Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa wayita kana, ayyaanota adda baabaayii bara 2018 kabajaman akkasumas taateewwan adda addaa nagaan akka xumuramaniif raayyaan nageenyaa qooda gumaachaniif galateeffataniiru. Uummanni Abbaa nageenyaa akka ta’uu gochuurratti jiraattonni gurmaa’insa nagaa fi tasagabbii adda addaaratti akka hirmaatan gochuu danda’uu ibsaniiru. Kanaafis ummanni nagaa fi tasgabbii Magaalichaa mirkanaa’uuf qooda mataasaa bahaa jiraachuu hubachiisaniiru. Miseensonni Raayyaa nageenyaa qaamolee nagenyaa biroo waliin ta’uun nagaa fi tasgabbii naannoosaanii eegsisuuf qooda mataasaanii bahaa jiraachuu ibsaniiru. Taateewwan fuulduratti raawwataman nagaan akka xumuramaniif itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan bahuu akka qaban hubachiisaniiru. Ajajaan Qajeelcha poolisii waliigalaa Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw gamasaaniin, Raayyaan nageenyaa qaamolee nageenyaa waliin caalaatti qindoomuun hojii nagaa fi tasgabbii magaalichaa eegsisuu cimsuu akka qaban eeraniiru. Miseensonni raayyaa nageenyaas taateewwan fuulduratti ta’an rakkoo nageenyaa tokko malee akka raawwatamaniif qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Ayyaanni Sabaa fi Sab-lammootaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun  ni Kabajama. – Mana Maree Federeeshinii
Oct 22, 2025 446
Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa fi sab-lammootaa 20ffaan bara kanaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun akka Kabajamu Manni Maree Federeshinii ibse. Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammoota Itiyoophiyaa 20ffaa ilaalchisuun hoggantoonni dhaabbilee Barnootaa Ayyaanicharratti hubannaa akka argataniif waltajjiin marii Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Itti Aanaan waajjira Mana Maree Federeeshinii Obbo Balaayi Wuddishaa wayita kana akka ibsanitti, biyya ijaaruu fi guddisuuf hedduumina sirnaan qabachuu fi keessummeessuun qabna jedhaniiru. Guyyaan Ayyaana sabaa fi sablammootaa fi taatteewwan biroon tokkummaa cimsan keessummeessuun hedduumminaa fi tokkummaa sabdaneessummaa Sirnaan Idileessuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru. Ayyaanicha waggaa waggaan kabajuu qofa osoo hin ta’iin Lammiileen Barsiisa Heeraarratti hubannaa seera qabeessa akka argataniif hojiiwwan adda addaa raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan darban barsiisa Federaalisimii fi HeeraMootummaarratti xiyyeefatamanii hojiiwwanhojjetamaniin ittifufiinsa misoomaa fi guddina biyyaarratti, tokkummaa sab-daneeessummaa fi tokkummaa biyyaa cimsuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu eraniiru.Ayyaanni Sabaa fi sablammoota yeroo 20ffaa bara kana kabajamu tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf bal’inaan kan hojjetamu ta’uu ibsanaiiru. Akkasumas Barsiifata Federaalizimii fi Heera Mootummaarratti lammiileef hubannaa fooyya’aa uumuuf haala dandeessisuun akka kabajamu dubbataniiru. Ayaanicha haala karoorfameen kabajuun akka danda’amuuf hayyoonni, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiran fi qoda fudhattoonni qooda isaan irraa eegamu akka bahan hubachiisaniiru. Itti gaafatamaan waajjira Ministeera Barnoota Obbo Geetaachoo Tafarraa gamasaaniin, dhaabbilee olaanoorraa eegalee hoggantoonnii fi ogeeyyiin sadarkaa sadarkaan jiran adeemsa ayyaanicha kabajuuf taassifamu keessatti hubannaan akka guddatu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis Lammiileen dhaabbilee barnootaa keessatti argaman Federaalizimii fi barsiifata Heera Mootummaarratti hubannaa gahaa qabatanii tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf akka tattaafataniif ni gargaara jedhaniiru. Guyyaan Ayyaana sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaa 20ffaan qopheessummaa Naannoo Gidduugaleeessa Itiyoophiyaan akka kabajamu ibsamuun ni yaadatama.
Hirmaannaan ummataa marii biyyaalessaa irratti mul’achaa jiruu fi rakkoolee mariin fufuuf fedhiin jiru kan jajamudha-Komishinar Bileen Gabramadin
Oct 21, 2025 615
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Hirmaannaa fi tumsi ummataa marii biyyaalessaa irratti mul’achaa jiruu akkasumas rakkoolee mariin fufuuf fedhiin jiru kan jajamu ta’uu Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Bileen Gabramadin ibsan. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa mana mareen hundeeffamee boqonnaa qophiirraa kaasee boqonnaa marii ajandaa walitti qabuurratti argama. Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Bileen Gabramadin, hojiin marii ajandaa walitti qabuu amma ammaatti bu’a qabeessummaan raawwatamuu fi galteewwan rakkoolee biyyaalessaa furuu dandeessisan hedduun argamuu ibsaniiru. Kutaalee Hawaasaa garagaraa mariisisuun milkaa’ina marichaaf qoodasaanii akka bahan gochuun fi ajandaansaanii ka’anii akka irratti mari’atamu akka galteetti fudhatamuu isaanii yaadachiisaniiru. Deeggarsi qaamolee garagaraa adeemsa mariirratti mul’achaa jiru hirmaannaa fi tumsi ummataa akkasumas rakkoolee mariin furuuf fedhiin jiru kan jajamu ta’uu komishinar Bileen dubbataniiru. Hojii hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabuurratti hirmaannaan dubartootaa, dargaggootaa, paartilee siyaasaa fi waldaalee siviikii garagaraa hedduu nugargaareera jedhaniiru. Komishinichi mata duree “qooda dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa marii biyyaalesaa bu’a qabeessaaf” jedhuun naannolee garagaraatti waltajjiiwwan maree gaggeessaa akka jiru nibeekama.
Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuu qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu qaba
Oct 20, 2025 446
Onkoloolessa 10/2018 (TOI)-Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuuf qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah ibsan. Waltajjiin gamaaggama raawwii kurmaana waggaa paartii badhaadhinaa bara bajataa 2018 har’as itti fufeera. Waltajjii Kanaan raawwii hojiilee mootummaa irratti mariin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u galmoonni carraa hojii uumuuf, qaala’insa jireenyaa hir’isuuf hojjetamanii fi bu’aaleen argaman akkasumas irkattummaa jalaa bahuuf qabaman ajandaa marii dhihaatanidha. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah akka jedhanitti, ajandaawwan qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi carraa hojii uumuun xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadanidha.   Irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa guutuu mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsanii, Bifa qindaa’een dhimmicharratti hojjechuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru. Galmoota biyyaalessaa sadan karaa guutuu ta’een milkeessuuf qindoominni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu hubachiisaniiru.   Akka biyyaatti raawwiin jiru bu’aan argamuu eeranii, garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuuf hojechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Damee Kanaan bu’a qabeessummaa guddisuuf waloomaan karoorsuu fi raawwii ammoo waloomaa gamaaggamaa deemuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru.
Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman godheera-Obbo Adam Faaraah
Oct 19, 2025 592
Onkoloolessa 9/2018(TOI)- Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen milkaa’oon fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman gochuusaa sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan. Paartiin badhaadhinaa waltajjii gamaaggamaa hojiilee paartii fi sosochii ummataa kurmaana wagga bara bajataa 2018 irratti xiyyeeffate gaggeessaa jira. Hooggantoonni paartichaa waltajjicharratti hiraachaa kan jiran yoo ta’u raawwiin dame dameen dhihaatee mari’atamaa jira.   Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, gaggeessummaan bu’a qabeessi paartichi taasise hojiileen bu’a qabeessi ummata fayyadan akka hojjetaman godheera. Pirojektoonni gurguddoon faayidaa biyyaalessaa qaba eebbifamuusaanii eeranii gama hundaanuu bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii kaasaniiru. Paartiin, ummannii fi dameen dhuunfaa qindaa’anii ida’amuu jiddugaleessa gochuun qabeenyi biyyi qabdu hojiirra akka oolan godhamuunsaa sababoota milkaa’inni akka argamu taasisan keessa ta’uu ibsaniiru.   Adeemsa hojiirra oolmaa hordofuun hojiileen dilbii fi qabeenya bakka garagaraa jiran irratti hundaa’an hojjetamaniiru kan jedhan obbo Adam Faaraah, aadaan qormaata gara carraatti jijjiiru guddachaa dhufuu dubbataniiru. Bara bajataa kanas milkaa’inoota argaman itti fufsiisuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru.   Waltajjiin gamaaggamaa har’aas raawwii dhimmoota waliin karoorfaman gamaaggamuu fi hojiilee itti aanan dhimmoota tumsa gaafatan adda baasuun kallattii kaa’uuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin gamaaggamaa kun naannolee jidduu muuxannoo qooduun akka jiraatu gochuun raawwiin walfakkaatu akka jiraatu gochuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa keenyaa nibaana
Oct 17, 2025 587
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)- Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa ga’umsaan akka bahatan hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila duu Itiyoophiyaa waadaa galuun mirkaneessan. Hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa mata duree “faayidaa biyyaalessaa fi dhaabbii Ji’oostiraateejii” jedhurratti mari’ataniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seyifee Darribee akka jedhanitti, gaazexessoonni mata dureewwan faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf dandeessisanirratti hojjechuu qabu. Hojiiwwan seenessa waloo ijaaruu fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf gargaaran hojjechuun ittigaafatama ogummaa bahuun akka isaan irraa eegamu dubbataniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa seenesa duraanii jijjiiruu akka dandeessise kaasanii, pirojektoonni toora Itiyoophiyaa boruu jijjiiran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan ummata hedduu fi dinagdee guddaa qabaattus Ulaa galaanaa akka hinqabne kaasanii, ogeeyyonni sabquunnamtii Tattaaffii Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf ittigaafatama ogummaasaanii gahumsaan akka bahan ibsaniiru.   Hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa dhageettii fi dandeettii dhiibbaa geessisuu Itiyoophiyaan qabdu mirkaneessuuf lammummaan gamatti ittigaafatama ogummaa akka qaban ibsaniiru. Itti aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa Nagaasii Ambaayee, barreeffama maree wayita dhiheessan akka ibsanitti, bara dhugaan boodaatti badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf sadarkaa yeroo madaaluun itti gaafatama ogummaa sirriitti bahachuun nibarbaachisa. Faayidaan biyyaalessaa dhimma jiraachuu biyyaa, nageenyaa fibadhaadhinaa ta’uu eeranii, dhaabbiin faayidaa biyyaalessaa fi ji’oostiraatejikaawii ajandaa ummataa fi dhalootaa gochuuf qooda keenya bahuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaan boqonnaa bayyanachuurra kan jirtuu fi pirojektoota gurguddoo raawwachaa jiraachuushee kan kaasan ammoo itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Tafarraa Baqqalaati. Hojiilee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan hojjechuun miidiyaaleerraa kan eegamu ta’uus kaasaniiru. Hojjettoon TOI gamasaaniin, hojiileen misoomaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran akka milkaa’anii fi seenessa waloo ijaaruuf qoodasaanii cimsanii akka itti fufan dubbataniiru. Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti itti gaafatama ogummaasaanii cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaadha
Oct 17, 2025 591
Onkoloolessa 7/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa, sanadoota seera qabeessa, teessuma lafaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaa ta’uu barsiisaan ogummaa hooggansaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee ibsaniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa kan qananii osoo hintaane dhimma jiraachuu ta’uu Yuunivarsiitii Yuunitiitti barsiisaan ogummaa hooggansaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee TOI’f ibsaniiru. Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa, sanadoota seera qabeessa, teessuma lafaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru. Adeemsa amma ammaatti jiruun ulaagaalee hedduutiin fudhatama idil addunyaa akka qabu hubachuusaanii ibsaniiru. Bu’a qabeessummaasaaf Itiyoophiyaan bu’ura seeraa qabdu, seena qabeessummaa fi ragaan sanadaa qabdutti fayyadamuun mala olaantummaa dippilomaasii karaa nageenyaatiin tattaaffii itti jirtu cimsuun akka irraa eegamu gorsaniiru. Kanaaf ammoo waanti gargaaru ejjennoonshee sirrii ta’uu biyyoota ollaa, gamtaa Afriikaa, IGAD, dhaabbilee idil addunyaa fi biyyoota dhiibbaa uuman kan guddina waloo deeggaraniif amma barbaadamu hubachiisuu ta’uu hubachiisaniiru. Ulaan galaanaa guddina hunda galeessa fooyya’aaf ijoo ta’uu hubachiisanii, Ulaa galaanaa karaa seeraan alaa fi fedhii ummataan alatti dhabde argachuu akka qabdu dubbataniiru.
Gamtaan Afriikaa fi mootummoonni gamtoomanii tumsa waloo  agama nagaa fi tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoosaanii ibsan
Oct 17, 2025 466
Onkoloolessa 7 /2018 (TOI)- Gamtaan Afriikaa fi mootummoonni gamtoomanii tumsa agama nagaa fi tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoon akka hojjetan beeksisan. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf miseensota mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii teessoo muummee gamtichaa Finfinneetti dubbisaniiru. Dura taa’ichi tasgabbii, nageenyaa fi misooma dabalatee dameelee xiyyeeffannoo gamtaa Afriikaa ilaalchisuun miseensota mana marichaaf ibsaniiru. Tumsi gamtaa Afriikaa fi mana maree nageenyaa Dh.M.G Afriikaa karaa hammattoo biyyoota Afriikaa bakka bu’uun mana maree nageenyaa Dh.M.G miseensa jjjiiramaa ta’uun tajaajilaa jiranii (A3) cimsuun akka barbaachisu dubbataniiru. Afriikaan mana maree kana keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa argachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru. Manni maree nageenyaa ergamoota nagaa kabachiisuu Afriikaan durfamu ilaalchisee yaada murtoo raggaase lakk. 2719 eeruun hojiin naggaa kabachiisuu tasgabbii fulla’aa Afriikaaf guddaa murteessaa akka ta’e dubbataniiru. Miseensonni mana maree tasgabbii gaggeessummaa gamtaa Afriikaa dinqisiifateera. Miseensonni gamtaan Afriikaa fi tasgabbii, nageenyaa fi misooma fulla’aa mootummoota gamtoomanii dabalatee ajandaawwan Afriikaa kan waloo ta’an irratti tumsa qaban cimsuuf kutannoo qaban ibsuusaanii odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa. Manni maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa fi manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii marii waloo kaleessa Finfinneetti kan eegalan yoo ta’u mareen kun har’as itti fufa.
Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan
Oct 16, 2025 503
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan Leenjiin gabbisa dandeettii miseensota damee dargaggootaa fi dubartootaaf Paartii badhaadhinaatti waajjirri damee Dirreedawaa qopheesse xumurameera. Dargaggoonni leenjii mata duree “Ijaarsi dhaloota ida’amuu guddummaa Itiyoophiyaa” jedhuun kenname irratti hirmaatan akka jedhanitti, pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman dhugoomsuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahachaa jiru. Hirmaattota leenjichaa yaada kennan keessaa dargaggoo Ramadaan Dastaa akka jedhetti, hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii Dirree Dawaatti eegalaman akka milkaa’an qoodasaa bahaa akka jiru ibseera. Beekumsaa fi humna qabduun badhaadhinni biyyaa akka mirkanaa’u qoodashee bahaa akka jirtu kan ibsite ammoo shamarree Tsiyoon Wubisheeti. Pirojektoonni biyyaalessaa akkaataa karoorfameen akka milkaa’an nagaan jiraachuun bu’ura waan ta’eef hojiirra oolmaa isaaf hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu eerteetti. Dargaggii Ibsaa Ahimad gamasaan, pirojektoonni biyyaalessaa gurguddoon eegalaman sadarkaa sadarkaan fayyadama misoomaa dargaggootaa akka guddisan dubbateera. Paartii badhaadhinaatti itti aanaan hoogganaa waajjira damee Dirree Dawaa obbo Shaakir Ahimad, dargaggoon hirmaannaa misooma biyyaarratti qabu guddisuuf bulchiinsichi deeggarsa walirraa hincinne taasisa jedhaniiru. Biyyi akka misoomtu nageenyi bu’ura waan ta’eef dargaggoon mootummaa waliin qindaa’uun caalaatti hojjechuu qaba jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti Ogummaan Gaazexeessummaa Faayidaa biyyoolessaa, tokkummaa Sab-daneessummaa, Seenessa waloo fi Badhaadhina biyyaa giddugaleeffachuu qaba
Oct 16, 2025 433
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaatti Ogummaan Gaazzexeessummaa Faayidaa biyyoolessaa, tokkummaa Sab-daneessummaa, Seenessa waloo fi Badhaadhina biyyaa karaa gidduugaleeffateen hojiirra ooluu akka qabu ministirri Gorsaan Minsitira Muummee Damee Hawaasummaa Mu’aze xibebaati Diyaaqon Daani’eel Kibrat ibsan. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Sagantaa jalqabsiisa giddugala gahumsa Miidiyaa Mooraa Yuunvarsiitii Finfinneetti gaggeesseera. Gidduugalli Gahumsa Miidiyaa Itiyoophiyaa Miidiyaa fi damee Beeksisaa ogummaa fi teekinooloojii yeroon gaafatuun deeggaramuun akka hojjetuuf gahumsa ogeeyyii fi dhaabbiilee Miidiyaa dagaagsuuf kan kaayyefatedha. Giddu galli Gahumsaa kun Yuunvarsiitii Finfinnee waliin wal-tumsuun faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachjiisuuf Naamusa ogummaa Gaazzexeessummaa, seerotaa fi dhimmoota biroo wal qabatan irratti leenjii kenna jedhameera. Ministirri Gorsaan Ministira Muummee dhimma Hawaasummaa Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, Gaazexeessummaan biyya keenya jiru Itiyoophiyaa fakkaachuu qaba. Miidiyaawwan Itiyoophiyaa keessa jiran, kan dhuunfaas ta’e kan uummataa, Kan Amantaa, dhimmooota Afur irratti garaagarummaa qabaachuu hin qaban jedhaniiru. Faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa eegsisuurratti gaazexeessaan Miidiyaa kamirrattiyuu hojjetu dhimma dagachuu hin qabne ta’uu ibsaniiru. Miidiyaan Tokkummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan cimsan, tokkummaa fi tumsa hawaasaa kan agarsiisan ta’uu qabu jedhaniiru. Seenessa waloo ijaaruu fi yaadama Itiyoophiyaan Badhaadhuu qabdi jedhu giddu galeeffatee hojjechuu akka qaban xiyyeefannoo kennaniiru. Daarekteerri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Dr.Saamsoon Mokonnin gamasaaniin, Miidiyaan Guddina hunda galeessaa biyyaa fi faayidaan biyyoolessaa qooda bakka hin bu’amne akka qaban ibsaniiru. Giddu galli Gahumsaa kun faayidaa biyyoolessaa kan bu’uureffatee fi Gaazexeessummaa Itiyoophiyummaa gonfate ga’oomsuuf ni gargaara jedhaniiru. Giddu galli gahumsaa kun humna namaa gahoomee fi teekinooloojiin kan gurmaa’e ta’uu ibsuun, Imaammata baastotaa fi dhaabbilee Barnootaa olaanoo waliin tumsaan hojjeta jedhaniiru. Saganticharratti Afayaa’iin Mana Maree bakka bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Qondaaltonni Olaanoon Federaalaa, Miidiyaalee adda addaa fi Hoggantoonni Yunvarsiistii Finfinnee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef hirmaataniiru.
Pirojektoonni gurguddoon biyyoolessaa kabajaa fi jaalala Alaabaan guddatanii akka dhugoomaniif dirqama  ogummaa keenyaa cimsina
Oct 13, 2025 535
Onkoloolessa 3/2018(TOI)- Pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti qabaman kabajaa fi jaalala Alaabaan guddatanii akka dhugoomaniif dirqama ogummaa saanii akka cimsan hoggantoonnii fi ogeessonni Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Mirkaneessan. Hoggantoonnii fi ogeessonni TOI Guyyaa kabaja Alaabaa Biyyoolessaa 18ffaa mataduree “Alaabaan keenya bara gammachuu Guddummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa sabdaneessummaa keenyaaf ,Birmadummaa keenyaa fi Haaromsa Itiyoophiyaatiif ” jedhuun Marii paanaalii fi Sirna Alaabaa boonsuun kabajaniiru. Hoggantoonnii fi ogeeyyiin guyyaa Alaabaa yeroo kabajan pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti qabaman dhugoomsuuf kabajaa fi jaalala Alaabaan guddaan dirqama ogummaasaani bahuun ta’uu ibsaniiru. Alaabaan keenya Itiyoophiyaanonni Qormaatilee baroota keessa ishee mudate Injifannoon darbuun daangaa biyyaa eegsisuuf aarsaa dhiigaa kaffaluun Aasxaa birmadummaa argatan ta’uu dubbataniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaan TOI Seyifee Darribee Itiyoophiyaan isheerra darbee Afrikaa kan boonsu yerootti pirojektoota gurguddoo biyyoolessaa dhugomsaa jirtu kabajnii fi jaalalli Alaabaa caalaatti guddata jedhaniiru. Pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman caalaatti tokkummaa cimsuun galmaan gahuuf waadaa keenya haaressuu qabna jedhaniiru. Hojiiwwan Misoomaa gurguddoon akka biyyaati eegalaman gara duubaatti akka hin deebineef waliin tumsuu qabna jedhaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Itti AanaanQopheessaa Olaanaa Deeskii Naannoolee Ballaxaa Adinoo Pirojektoota gurguddoo biyyoolessaa qabaman kabajaa fi jaalaala Alaabaa guddaan raawwachuuf dirqama ogummaa keenyaa cimnee ni baana jedhaniiru. Keessumaa jijirama biyyoolessaa booda Itiyoophiyaanonni caalaatti Tokkummaasaanii Cimsuun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa dhugoomsaniiru jechuun kan kaasan immoo TOItti Itti AanaanQopheessaa Olaanaa Deeskii Naannoolee Habtaamuu Akliiluuti. Kunis Kabaja Biyyaa fi Alaabaa caalaatti kan guddisuu fi humna ofiin raawwachuu kan argisiisedha jedhaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Dursaan garee Qunnamtii Naannoolee Yohaannis Wandiraad barreeffama ka’umsa marii yeroo dhiheessan TOI ergama waliigaltee biyyoolessaa fi ijaarsa biyyaa gahumsaan bahuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Itti Aanaa hojii raawwachiisaa Olaanaa Nagaasii Ambaayee yaada gudunfaa kennaniin Itiyoophiyaa fi uummannishee Abbootii keenya duriin Abbaa Alaabaa seenaa barreeffameeti jedhaniiru. Dhaloonni Seenaa Boonsaa Abbootii keenyaa eegee ashaaraasaa kaa’uun carraawwan jiran duguugee fayyadamuu qaba jedhaniiru. Itiyoophiyaan Afriikaaf akkasumas Addunyaaf seenaa boonsaa kan qabdu ta’usheen seenaa kana eeguun tursiisuu fi kabaja Alaabaa ol kaasuun dirqama hundaa ta’uu kaasaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015