Siyaasa - ENA Afaan Oromoo
Siyaasa
Marii'ataan Mala Hin Dhabu!
Jul 22, 2026 70
Rakkoolee yeroo dheeraaf Itiyoophiyaa keessatti turan hundee irraa furuuf, Komishiiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Labsii Lakk. 1265/2014, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin ragga'een hundaa’e hojiitti galeera. Kaayyoo Guddaa Hundeeffama Komishenii Marii Biyyaalessaa · Marii Biyyaalessaan Waliigaltee Uumuu: Dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti hoggantoota siyaasaa, hayyootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuudhaan marii bal'aa fi hunda-galeessa ta'e gaggeessuu; ta'us waliigaltee biyyaalessaa waaraa bira gahuu dha. · Wal-dhabdeewwan Mariidhaan Furuu: Garaagarummaa fi wal-dhabdeewwan siyaasaa fi hawaasummaa kanneen seeraanis ta'e dhiyeenya kana uumaman karaa nagaa fi marii qofaaan furuu. · Duudhaalee Hawaasummaa Haaromsuu: Duudhaalee biyyaalessaa wal-kabajuu fi waliin hojjechuu cimsan suphuu, akkasumas wal-amantaa hawaasaa fi qaamolee adda addaa gidduutti ijaaruu dha. Komishiiniin kunis komishinaroota bilisaa fi walaba ta'an 11 qabatee kan hundaa’e dha. Haaluma kanaan, waldhabdee fi rakkoolee biyyattii keessatti yeroo dheeraaf turaan furuuf hojiin bal'aan eegalamee jira. Akkuma beekamu, Itiyoophiyaan seenaa sirna mootummaa yeroo dheeraa kan qabduu fi biyya saboota, sab-lammoota,Ummatoota, afaani fi aadaawwan hedduti. Ta'us, adeemsa sirna hundeeffama ishee keessatti dhimmootni seenaa, eenyummaa, abbaa biyyummaa fi haqaafi kanneen wal-qabatan hedduun utuu furmaata sirrii hin argatiin yeroo lakkoofsiisaniiru. Rakkooleen caasaa irraa furmaata dhaban kunniinis, yeroo baay’ee biyyattii gara walitti bu'iinsaa, tasgabbaa'uu dhabuu fi wal-waraansaatti galchuun gaaga’ama hama uumaniiru. Rakkoolee kanneen hundee irraa furuuf, walitti bu'iinsa siyaasaa fi hawaasummaa bifa mariitiin hiikuudhaaf Mariin Biyyaalessaarratti abdatameera. Haaluma Kanaan komiishiin marii biyyaaleessa Itiyoophiyaa haala duree hedduu keessa darbeera. Rakkoolee kanneen hundee irraa furuuf, walitti bu'iinsa siyaasaa fi hawaasummaa bifa mariitiin hiikuudhaaf Marii Biyyaaleessaa irratti abdatameera. Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Doktor Abiyyi Ahimad guyyaa jalqabbii Marii kana Irratti akka jedhanitti “Mariin kun salphaatti kan deebi’ee hin argamne, seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa keessatti kaayyoo fi galma guddaa kan qabudha.” Mariin biyyaaleessaa Itiyoophiyaa kun seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabuufi Afriikaaf fakkeenya guddaa kan ta’uu fi Marii hunda hirmaachise ta’uu ibsani turan. Itiyoophiyaanoonni rakkina gurguddaa bira darbaniiru kan jedhan Ministirri Muummeen; mariin kun furmaata waldhabdee akka ta’e ibsaniiru. Dhaloota dhufuuf biyyaa mijaata ta’e ijaaruuf eegeree tolchuuf mariin kun carraa gaarii ta’uu ibsuun; milka’ina isaaf hunduu akka tumsaan dhaamaniru. Komishinarri Ol'aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ara'ayaa gama isaaniitiin, 'Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaloota dhufuuf biyya cimtuufi nageenya amansiisaa taate qabdu ijaaruuf carraa guddaa kan uumuudha,' jechuun yeroo sana ibsanii turaan. Mariin kun keessattuu, gaaffileen siyaasaafi sirnaa walxaxaan waggoota dheeraaf kuufaman har'as nagaafi tokkummaa biyya keenyaa qoraa akka jiran yaadachiisaniiru. Garaagarummaan yaadaa rakkoo akka hin taaneefi ilaalchota adda addaa karaa tasgabbaa'aafi diimokiraatawaa ta'een mariin furuun murteessaa ta'uu isaa himaniiru. Rakkoolee hidda fageeffatan humnaan, furmaata yeroon yookaan adeemsa qoodinsaafi alatti hambisuutiin waaraatti furuun akka hin danda'amne seenaan kan nu barsiise ta'uu isaa irratti xiyyeeffannaa kennanii dubbataniiru. Furmaanni waaraafi tokkichis marii biyyaalessaa amanamummaa, hirmaachisummaafi karaa saayinsaawaa ta'een gaggeessuu qofa ta'uu isaa ibsaniiru. Mariin kun garaagarummaa jiru haala sodaa tokko maleefi karaa qaroomina qabuun waliin mari'achuun waan filannoo hin qabne ta'uu isaa ibsaniiru. Komishiiniin Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa haala dureewwan hedduu keessa darbee jira. Isaanis: · Ajandaa Walitti Qabuu fi Qooda Fudhattoota Adda Baasuu: Komishinichi kutaalee biyyaattii gara garaatti, akkasumas diyaasporaawwan ala jiraatan biratti socho'uudhaan waldaalee adda addaa, abbootii Gadaa, abbootii amantaa, dubartoota, dargaggoota, paartilee siyaasaa fi kutaalee hawaasaa irraa ajandaa marii walitti qabaa tureera. · Bakka Bu'oota Marii Adda Baasuu: Ummanni mataan isaa kallattiidhaan bakka bu'oota filachuun, sagaleen sadarkaa gadii irratti argamu gara waltajjii marii gidduugaleessaatti akka dhihaatu taasisameera. · Ajandaawwan Gurmeessuu: Hawaasa adda addaa biraa ajandaawwan kumaatamaan walitti qabaman gosagosaan adda baasuu fi gurmeessuu hojiin isaa raawwatameera. Amma namootni marii irratti hirmaatan Kutaalee biyyattii adda addaarraa dhufaa kuma 4 akkasumas haala mijeessitootaan deeggaramuun mariin eegalameera. Haluma kanaan namootni marii irratti hirmaatan garee adda addaatti qoodamuun ajandalee adda baafaman irratti marii eegalaniiru. Marii biyyaalessaa – Egeree Waloof Waliigaltee Biyyaalessaa Uumuu Itiyoophiyaan seenaa ishee keessaatti adeemsa siyaasaa hiikkaa guddaa qabu keessa tokko kan ta’e Komishiinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeessuun erga hojii jalqabee wagga sadii ta’eera. Komishiiniin kun bu’uura labsii 1265/2014 Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa raggaaseen hundaa’ee hojii eegale. Kayyoon Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’eef inni ijoonis rakkoowwaan siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii keessa yeroo dheeraaf turan marii fi waliigaltee biyyaalessaan furuufidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti!
Jul 21, 2026 237
Adoolessa 14/ 2018(ENA): Wantoota ijoo Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Kaleessa Mari’attoonni gareedhaan qoodamanii marii kan jalqaban har’as garee isaaniitiin mari’achuu itti fufaniiru. Mari’attoota 50 kan hammate gareen 80’n kaleessa waaree booda irraa eegalee garee xiqqaa isaanii keessatti marii’achaa jiru. Adeemsi kun hanga boruutti kan itti fufu ta’a. Adeemsa kana keessatti mari’attoonni dhimmoota ajandaa irratti mari’achaa jiran irratti yaada fi ilaalcha hedduu dhiheessaa jiru. Adeemsi kun dhimmoota biyyaalessaa hunda caalaa bu’uuraa ta’an kanneen sababa waliigaltee dhabuu ta’an irratti ilaalchaa fi sababoota walii isaanii akka hubatan waltajjii uumuun ni eegama. Adeemsa kana galmaan gahuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa paanaalii ogeeyyii dhaabbilee adda addaa irraa dhufan, kanneen gama ogummaa, barnootaa fi ogeessota qaboo yaa’ii qabaniin gahumsa qaban walitti fidee Yaa’ii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiru. Yaa’ii kana irratti ogeessota gahumsa olaanaa qaban 80 walitti fidee marii kana akka deeggaran taasisaa jira. Ogeessonni kunneenis yaadota iftoomina barbaadan irratti ibsa kennaa mari’attoota deeggaraa jiru. Gama biraatiin, Yaa’ii Marii Biyyaalessaa kana keessatti, taajjabdoonni walaba ta’an 50 ol ta’an Tumsa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa, waldaalee ogummaa adda addaa, Mana Maree Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa irraa, akkasumas dhaabbileen biyya keessaa adda addaa , adeemsa marii kana taajjabaa jiru. Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 14, 2018 #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon gitaa isaanii Giiftii Duree Armeeniyaa waliin mari’atani
Jul 21, 2026 242
Adoolessa 14/2018 (ENA): Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Giiftii Duree Rippabiliika Armeeniyaa Aanaa Hakoobiyaan waliin marii bu’a qabeessa ta’e akka taasisan beeksisan. Giiftiin dureen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin, gita isaanii Armeeniyaa waliin wal arguun hojiilee adda addaa biyyoota isaanii keessatti raawwatamaa jiran irratti mari’ataniiru. Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoon ergaa isaaniin mariin Giiftii Duree lamaan gidduutti taasifame milkaa’aa fi bu’aa qabeessa ta’uu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Mari’attoonni ajandaawwan itti ramadaman irratti marii eegalaniiru-Komishinar ambaasaaddar Mahimud Diriir
Jul 20, 2026 318
Adoolessa 13/2018(ENA)- Mari’attoonni yaa’ii marii biyyaalessaa ajandaawwan itti ramadaman irratti marii eegaluusaanii Komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Mahimud Diriir ibsan. Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Mahimud Diriir, yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ilaalchisuun har’a miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Mari’attoonni yaa’ii marichaa gareewwan addaddaatti qoqoodamanii ajandaa irratti ramadaman irratti marii eegaluusaanii komishinarichi ibsaniiru. Adeemsi har’a eegalame qama ijoo marichaa ta’uu eeranii, yaadonni qaamolee garagaraarraa walitti dhufan hedduun akka ka’an eeraniiru. Komishinichi gorsitoota muuxannoo qaban ramaduudhaan adeemsa marichaa hordofaa akka jiru dubbataniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan Adoolessa 8 bara 2018 egalamuunsaa ni beekama.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammuud Diriir adeemsa marii biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa har’a kennaniin dhimmoota ijoo armaan gadii ibsaniiru.
Jul 20, 2026 253
Mari’attoonni ajandaawwan saddeet komishinichi labse irratti mari’achuu eegalaniiru; Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gareewwan saddeet tokkoon tokkoon isaanii mariisistoota 500 ta’aniin gurmaa’aniiru; Mari’attoonni hojmaataa fi adeemsa marii irratti hubannoo gahaa argataniiru; Mari’attoonni yaada mariin duraa irratti ibsa argataniiru; Tokkoon tokkoon garee xiqqaatti mari’attoonni 50 ramadamanii jiru; Har’a marii gaggeessitoonni ajandaa itti ramadaman irratti garee xiqqaadhaan mari’achuu eegalaniiru; Adeemsi marii har'a eegalame kun marii kana keessatti qaama ijoo ta'ee yaadonni adda addaa irratti mari'atama; Adeemsi kun kan mari’attoonni ajandaa ramadaman irratti yaada isaanii waliif qoodanii yaada walii dhaggeeffatanidha; Komishinichi mariisistoota muuxannoo olaanaa fi barnoota dhimma kanarratt qaban 160 ramadeera; Barreessitoonni Qaboo yaa’ii barreessan 256 ogummaa olaanaa qaban bobbaafamanii marii biyyaalessaa hoogganaa jiru; Walumaagalatti gareewwan xixiqqaa 80 ta’an yeroo ammaa ajandaalee ramadaman irratti mari’achaa akka jiran Komishinar Ambaasaaddar Mahaammuud Diriir ibsa isaanii keessatti eeraniiru.
Bakka bu'oonni ajandaa itti ramadaman irratti mari'achuu eegalaniiru - Komishinar Mahmuud Diriir
Jul 20, 2026 271
Adoolessa 13/2018 (ENA): Bakka buutonni Marii Biyyaalessaa ajandaalee itti ramadaman irratti har’a mari’achuu eegaluu isaanii Komishinarri Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammuud Diriir himaniiru. Komishinarri Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammuud Diriir Gumii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ilaalchisee har’a miidiyaaf ibsa kennaniiru. Komishinarri kun akka jedhanitti, bakka buutonni marii biyyaalessaa ajandaa ramadaman irratti, garee adda addaatti qoodamanii mari’achuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Adeemsi har’a eegale marii kana keessatti qaama ijoo ta’uu, akkasumas yaadonni kutaalee hawaasaa adda addaa irraa walitti qabamanii dhufan hedduun irratti akka mari’atamu hubachiisaniiru. Komishinichi gorsitoota muuxannoo qaban ramaduudhaan adeemsa marii hordofaa akka jiru himaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 akka eegale ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Caffeen Waggoottan Shanan darban hojii nageenyaa, hawaasummaa fi misooma dinagdee naannichaa akka milkaa'uuf deggarsaa fi hordoffii cimaa taasiseera
Jul 19, 2026 350
Adoolessa 12/2018 (ENA): Waggoottan shanan darban keessatti karoorawwan nageenya, hawaasummaa fi misooma dinagdee naannichaa akka milkaa'aniif deggarsaa fi hordoffii cimaa taasisuun milkaa'ina damee hedduu akka galmeeffamu gochuu isaa Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahimaan ibsan. Walga'iin Idilee 11ffaan Waggaa 5ffaa Bara Hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa har'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu jalqabeera. Af-yaa'iin Caffee Aadde Sa'aadaa Abdurrahimaan baniinsa yaa'ichaarratti akka ibsanitti; Caffichi waggoottan darban keessa fayyadamummaa waliigala uummata naannichaa guddisan hojiiwwan misoomaa akka karoorfametti akka raawwatamaniif gahee isaa ba'ateera jedhaniiru. Keessattuu bara baajataa xumurame keessa Caffichi amaanaa uummatni itti kenne sirnaan ba'achaa turuu isaa yaadachiisanii, mirga uummataa kan kabachiisan, nageenyaaa, misoomaa fi guddina kan ariifachiisan murteewwan hedduu dabarsuu isaa dubbataniiru. Seera baasuu qofaan galma yaadame bira gahuun waan hin danda'amneef, seeronnii fi karoorawwan misoomaa ba'an hojii irra akka oolan Caffeen hojiiwwan deggarsaa fi hordoffii cimaa gaggeessaa akka ture dabalanii ibsaniiru. Kanaanis naannichatti dameewwan nageenyaaa, hawaasummaa fi misooma dinagdeetiin milkaa'inawwan qabatamaan galmeeffamuu danda'uu isaanii eeraniiru. Yaa’ichi raawwii hojii bara baajataa xumuramee fi kallattiiwwan fuulduraa irratti, akkasumas hojiiwwan nageenyaa fi misoomaa bara baajatichaa keessa raawwataman irratti gadi fageenyaan mari'achuun kallattii akka kaa'us ibsaniiru. Kana malees, gabaasa Mana murtii Waliigalaa fi Odiitii naannichaa qoratee ni raggaasisa jedhamees akka eegamu dubbataniiru. Akkasuma Baajata raawwii karoora hawaasummaa fi dinagdee bara 2019 dabalatee ajandaawwan adda addaa irratti gadi fageenyaan mari'achuun kan raggaasisu ta'uu isaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Nuti Dargaggoonni Naannoo Tigraay nagaa fi misooma malee waraanaa garee ABUT seeraan alaa hin barbaannu.
Jul 19, 2026 300
Adoolessa 12 /2018 (ENA): Dargaggoonnii fi ummanni Naannoo Tigraay nagaa fi misooma amalee waraanaa garee ABUT seeraan alaa hin barbaannu jedhan dargaggoonni ukkaamsaa fi humnaan butamuu garee ABUT seeraan alaa jalaa baqatanii gara Finfinnee dhufan. Hiriira nagaa mata duree "Ukkaamsaan haa dhaabbatu; Nagaan haa jiraatu" jedhuun gaggeeffame kana irratti dhalattoonni naannichaa, dargaggoonni gara Finfinneetti baqatan, jaarmiyaaleen siivilii fi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamaniiru. Dargaggeessi ukkaamsaa fi humnaan butamuu irraa gara Finfinneetti baqate ENAtti akka himetti, Gareen ABUT seeraan alaa humnaan dargaggoota naannichaa gara mooraa waraanaatti dabarsaa jira jedhe. Gareen seeraan alaa kun dargaggoota naannichaa humnoota diigumsaa Sudaanii fi Shaabiyaatti gurguruun gocha hammeenya namummaa hin qabne kan kabaja dhala namaa sarbu raawwachaa jira jedheera. Namoota yaada kennan keessaa dargaggeessi Solomoon Imbaayee; gareen seeraan alaa waraana kaasu kun dogoggora darberraa osoo hin baratiin lola biraatiif qophaa’aa akka jiru dubbateera. Gareen daldaltoota waraanaa seeraan alaa kun, karaa gamtaa diigumsaa Tsimdoo jedhamu, dargaggoota mana amantaa, gabaa fi daandii hunda keessatti butamanii gabaa biyya alaattillee gurguruun haadholii boochisaa jira jedheera. Dargaggeessi kun, fedhiin ummata Tigraay nagaa fi misooma waaraa qofa akka ta’e kan dubbate yoo ta’u, itti dabaluunis haadholiin humnoota hidhatan waliin wal dura dhaabbachuun diddaa isaanii ibsaa jiru jedheera. Gareen seeraan alaa kun mootummaa federaalaa waliin Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa mallatteesse diiguun, humnoota farra nagaa waliin tumsa seeraan alaa taasisuun jeequmsaa fi gidiraa ummata irratti geessisaa jiru mootummaan Federaalaa akka dhaabsisu gaafateera. Immiruu Biraanuu Gareen seeraan alaa kun dargaggoota humnoota biyya alaatti gurguruun madda galii taasifachaa jiraachuun isaa iccitii ifa ta’e dha jedheera. Dargaggoonnii fi ummanni naannoo Tigraay biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan fedhii nagaa akka agarsiisan waraanni garee kanaa falmuudhaan akka mul’isan dhaameera. Dargaggoo Mabraatuu Kalaayyuu gama isaatiin, ukkaamsaan gareen kuni naannichatti raawwachaa jiru ummata irratti rakkoo hamaa fiduu fi dargaggoonni akka godaananiif kan dirqisiise ta’uu himeera. Itti dabaluunis, jeequmsa gareen kun dargaggoota butuun raawwachaa jiruun alattis qonnaan bultoonni qonna isaanii sirnaan akka hin gaggeeffanne dhiibbaa taasisaa jira jedheera.
Ergaa Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa lammiilee Itoophiyaa hundaaf dabarse.
Jul 19, 2026 261
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa lammiileen odeeffannoo sobaa irraa of eeguu fi Komishinicha irratti amantaa guutuu qabaachuun deeggarsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiheessa. Komishinichi Konfiraansii Marii Biyyaalessaa seena qabeessa Adoolessa 8, 2018 eegale ilaalchisee namoonni dhuunfaa fi gareewwan tokko tokko karaa miidiyaa hawaasaatiin odeeffannoo dhugaa hin taane facaasaa akka jiran irra gaheera. Komishinichi akka dhaabbata walaba ta’ee fi bilisummaa dubbii guutummaatti kabajuutti, yaadotaa fi marii ijaarsaa kan simatu ta’us, ummanni bal’aan Itiyoophiyaa odeeffannoo sobaan akka hin dogoggorre hordofuu fi beeksisuuf dirqama qaba. Yaa’iin Marii Biyyaalessaa kan lammiilee Itiyoophiyaa hundaati. Milkaa’inni adeemsa kanaa lammiileen obsa, ogummaa fi miira itti gaafatamummaa waliiniitiin hirmaachuuf kutannoo waloo irratti hundaa’a. Kun ta'aa jira. Adeemsi kun jalqabameera, malee bu'aan isaa ammallee hin xumuramne. Bu'aa kana obsaan eeggachuun ummata Itiyoophiyaa guutuu irraa eeggama. Konfiraansiin Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 eegale bu’uura hojmaata Komishinichi baaseen gaggeeffamaa jira. Haaluma kanaan, guyyoota afran darbanitti hirmaattonni konfiraansichaa akka wal beekanii fi adeemsa kanaaf qophii sammuu fi xiinsammuu faayidaa qabu akka godhan haala mijeessuun, itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa imaanaa itti kenname sirnaan akka ba’an wal baruu dabalatee; kunis qaama Konfiraansii Marii Biyyaalessaa ta’uun hubatamuu qaba. Osoo kun ta’aa jiruu namoonni dhuunfaa fi gareewwan tokko tokko Komishinichi marii kana jalqabuu irratti rakkoon akka isa mudate miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoo dogoggoraa tamsaasuun isaanii irra gahameera. Kanaafuu, odeeffannoon dogoggoraa akkasii namoota dhuunfaa fi gareewwan ajandaa mataa isaanii qabaniin daran guddachuu waan danda’aniif, ibsa Komishinichaa fi miidiyaaleen lafa irratti argamaniin adeemsa marii kana gabaasuuf kennaniin qofa marii guyyaa guyyaan gaggeeffamu hordofuun odeeffannoo dogoggoraa irraa of eeguun adeemsa marii kana akka deeggaran Komishinichi waamicha dhiyeessa. Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 12, 2018
Gaaffiilee miseensoonni Caffee kaasan muraasa
Jul 19, 2026 257
Adoolessa 12/ 2018 (ENA) : Caffeen Oromiyaa Yaa'ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira. Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora of danda'uu bara 2019 dhiyeessaniiru. Yaa’ii idilee kana irrattis Miseensonni Caffee gaaffilee dhiyeessaniiru. • Rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa walisoo, • Daandii magaalaa fi Liibanii ammayyaa furmaata akka argatu • Rakkoo daandii keessoo magaalaa walisoo, • Daandiin asphaaltii keessoo Magaalaa Gimbii bara 2018 caalbaasiirra ture hanga ammaatti xumuramuu dhabuun sababa akkamiin akka ta’e ibsa gaafataniiru. • Babal'inni Hospitaala Baabboo Gambeel, Piroojketiin Jaallisii Baabboo Gambeelii fi raawwiin Piroojektootaa kanneenii xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu. • Hanqina kitaabaa furuu fi dandeettii barsiisootaa guddisuurratti hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisee • Harkifachuu Daandii Asfaaltii Magaalaa Maayaarraa Harar Kombolchaa, • Rakkoon Bishaan dhugaatii magaalaa Maayaa fi Aanaa Meettaa gaaffii ummataa ta’aa jiraachuu kaasan.
Qaama karaa nagaa nan qabsaa'a jedheef balballi nagaa banaadha- Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO
Jul 19, 2026 207
Adoolessa 12/2018(ENA): Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, gabaasa raawwii hojii bara 2018 Caffee Oromiyaaf yeroo dhiyeessanitti, mootummaan nageenya mirkaneessuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kana keessatti, qaama qalbii jijjiirratee karaa nagaa qabsaa'uuf fedha qabu hundaaf balballi nagaa ammas banaa ta'uu dubbatan. Nageenya dhabuun boqonnaa sammuu, tasgabbii fi carraa guddina dhala namaa kan danqu ta'uu kan kaasan Obbo Shimallis, humnoonni nagaa ummataa booressan hafuura seexanaa fi kufaatii xinsammuutiin kan guutaman ta'uu ibsan. Dabalataanis, humnoonni kunneen deeggarsa diinota alaa fi keessaa fudhachuun lubbuu fi qabeenya lammiilee irratti miidhaa geessisaa akka jiran addeessaniiru. Humnoonni kunneen ergamaafi deeggarsa diinota biyya alaafi keessaarraa kennamuuf fudhachuun lubbuu namoota nagaa, lammii irraa dhalateefi keessatti guddate qumaara godhachuu, qabeenyasaa saamuufi barbadeessuun seenaa gurraacha ofirratti galmeessanii jiru jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee keessatti milkaa’inoota hedduu galmeesse – Pir. Shimallis Abdiisaa
Jul 19, 2026 147
Adoolessa 12/ 2018 (ENA) : Caffeen Oromiyaa Yaa'ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira. Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajata 2018 dhiyeessaa jiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2018 keessa rakkoolee adda addaa keessatti milkaa'inoota galmeessera jedhan. Barii 2018 bara biyyattiin badhaadhina lammiilee milkeessuuf mataa ol qabachuu eegaltee fi olkaa'insa itti jalqabdee ta'uu ibsaniiru. Akkasumas filannoo marsaa 7ffaa dimookiraatawaa fi haqa qabeessa ta'e gaggeeffameen sagaleen ummataas akka kabajamu taasisuun shaakalli diimookiraasii biyattiitti mul'achuu himaniiru.
Caffeen Oromiyaa imaanaa uummanni itti kenne bahachaa jira- Aadde Sa'aadaa Abdurrahamaan
Jul 19, 2026 137
Adoolessa 12/2018(ENA): Yaa'ii Caffee idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa geggeeffamaa jiru irratti haasawaa baninsaa kan taasisan Af-Yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahamaan Caffeen Oromiyaa imaanaa uummanni itti kenne sirnaan bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Caffeen seerotaafi dantaa ummataa kabachiisan, fayyadamummaa ummataa mirkaneessan, raggaasuun hojiirra oolchaa jiraachuu eeranii, hojii qindoomina qabuun hojjatameen milkaa'iinni olaanaan argamuus himaniiru
Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa idilee har'a gaggeessuu eegaleera!
Jul 19, 2026 111
Adoolessa12/2018(ENA): Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa har'a Galmaa Caffeetti gaggeessuu eegaleera. Yaa'iicharratti gabaasni raawwii hojii qaama raawwachiiftuu kan bara 2018 fi kallattiin karooraa bara 2019 akkasuma gabaasni raawwii hojii qaama seera hiiktuu miseensota Caffeef dhiyaachuun irratti ni mari'atama. Wixineen labsii baajata dabalataa bara 2018 qarshii biliyoona 84 fi baajata bara 2019 qarshii biliyoonni 700 fi biliyoona 4 Caffeef ni dhiyaata Muudamni abbootii seeraas Caffeef dhiyaachuun ni raggaasifama.
Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa idilee har'a gaggeessuu eegala!
Jul 19, 2026 56
Adoolessa12/2018(ENA): Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa har'a Galmaa Caffeetti gaggeessuu eegala. Yaa'iicharratti gabaasni raawwii hojii qaama raawwachiiftuu kan bara 2018 fi kallattiin karooraa bara 2019 akkasuma gabaasni raawwii hojii qaama seera hiiktuu miseensota Caffeef dhiyaachuun irratti ni mari'atama. Wixineen labsii baajata dabalataa bara 2018 qarshii biliyoona 84 fi baajata bara 2019 qarshii biliyoonni 700 fi biliyoona 4 Caffeef ni dhiyaata Muudamni abbootii seeraas Caffeef dhiyaachuun ni raggaasifama.
Caffeen Oromiyaa hojiilee nagaa fi misoomaarratti gadi fageenyaan mari’achuun kallattii hojii itti aanuu ni kaa’a
Jul 18, 2026 217
Adoolessa 11/2018(ENA)- Caffeen Oromiyaa hojiilee nagaa fi misoomaarratti gadi fageenyaan mari’achuun kallattii hojii itti aanuu ni kaa’a jechuun ibsan af-yaa’iin Caffee Oromiyaa adde Sa’aadaa Abduraahimaan. Yaa’iin idilee 11ffaa wagga 5ffaa bara hojii 6ffaa Caffeen Oromiyaa boru Adaamaa galma Caffeetti n eegalama. Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa adde Sa’aadaa Abduraahimaan yaa’icha ilaalchisuudhaan ibsa kennaniin caffichi turtiisaatiin raawwii hojii bara bajataa 2018 mootummaa naannichaa, karoor bara 2019 fi kallattii hojiirratti gadi fageenyaan ni mari’ata jedhaniiru. Kana malees gabaasa mana murtii walii galaa fi odiitii walii galaa irratti mari’atee, bajata bara bajataa 2019 misooma hawaasummaa fi dinagdee raawwachiisuuf oolu akkasumas bajata dabalataa ni raggaasa jedhameetu eegama jedhaniiru. Caffeen kun muudama abbootii murtii ni raggaasa kan jedhan af-yaa’iin kun, yaa’ichi filannoo walii galaa 7ffaa yeroo gaggeeffamee fi marii biyyaalessaatti gaggeeffamuunsaa seena qabeessa isa taasisa jedhaniiru. Caffeen kun bara bajataa xumurametti hojiiwwan hawaasummaa, dinagdee akkasumas hojiiwwan nagaa fi tasgabbii fi bu’aa argamanirratti gadi fageenyaan akka mari’atu beeksisaniiru. Ajandaawwan kenniinsa tajaajila haqaa, hojiiwwan odiitii walii galaan hojjetamanii fi bu’aa argamanirratti gadi fageenyaan akka mari’atamu eeraniiru. Bajanni hojiiwwan misooma hawaasummaa fi dinagdee fi bara bajataa 2019 raawwachiisuuf oolu Caffeef dhihaatee ni raggaafama jedhameetu eegama jedhaniiru. Qaqqabummaa haqaa mirkaneessuu fi damee kana humna namaa ga’umsa qabuun gurmeessuun akka danda’amu muudamni abbootii murtii leenjii xumuranii Caffeedhaan akka raggaafamu dubbataniiru. Yaa’iin Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamu boru irraa eegalee guyyoota lamaaf akka turu af-yaa’iin kun dabalanii dubbataniiru.
Gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayi misoomarraa boodatti hambisaa jira-obbo Geetaachoo Raddaa
Jul 18, 2026 195
Adoolessa 11/2018(ENA)- Gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayi misoomarraa boodatti hambisaa jiraachuu dura taa’aan paartii Simrat obbo Geetaachoo Raddaa ibsan. Hiriirri nagaa ukkaamsaa fi cunqursaa gareen seeraan alaa ABUT’n ummata naannoo Tigraayirraan gahu balaaleffatu adda babayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira. Obbo Geetaachoo Raddaa wayita kana dubbii dubbataniin, gareen seeraan alaa ABUT waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa guutummaan hojiirra akka oolchu gurmoofnee qabsaa’uu fi sagalee keenya dhageessifachuu qabna jedhaniiru. Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota Sudaanitti gurguruu haa dhaabu kan jedhan yoo ta’u gareen seeraan alaa kun ummata Tigraayi misoomarraa boodatti hambisaa jira jechuun ibsaniiru. Aara galfiin walii galteen Piriitooriyaa ummata Tigraayiif fide yeroo ammaa gufachuusaa yaadachiisanii jijjiirama argame maqsuudhaan bulchiinsa yeroo fonqolcha mootummaatiin buusuusaa fi of muuduusaa kaasaniiru. Gareen seeraan alaa ABUT Kanaan osoo hin dhaabne dargaggoota dirqamaan loltummaaf qopheessaa jira jedhaniiru. Gareen seeraan alaa ABUT ijoollee haadha jalaa baasuun gara kaampii waraanaatti galchuunii fi haadholii hidhuudhaan gocha alnamoomaa raawwachaa jira jedhan. Seeraan ala kan ta’e ABUT aangoo fi qabeenya qofarratti xiyyeeffachuun dargaggoota gidiraaf saaxilaa akka jiru ibsanii, badii gareen kun raawwachaa jiru dhaabsisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Gareen kun dargaggoota fedhiisaanii malee walitti qabuun kaampii waraanaa galchuurra darbee Sudaanii fi Ertiraatti gurguraa akka jiru ibsanii, kunis mirga namaaf kan hindhimmamne gara jabeessa ta’uusaa agarsiisa jedhaniiru.
Hiriirri nagaa ukkaamsaa fi cunqursaa gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayirratti raawwatu balaaleffatu Finfinnee adda babayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira
Jul 18, 2026 175
Adoolessa 11/2018 (ENA) - Hiriirri nagaa ukkaamsaa fi cunqursaa gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayirratti raawwatu balaaleffatu Finfinnee adda babayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira. Hiriira nagaa mana maree nagaa fi jijjiiramaa Tigraayiin mata duree “dhiiga dhangalaasuun haa dhaabatu, nagana haa bu’u” jedhuun qophaa’erratti dhalattoonni Tigraayi Finfinnee fi naannawashee jiraatan, waldaaleen Siviikii, kutaaleen hawaasaa garagaraa hirmaachaa jiru. Hiriirri kun gareen seeraan alaa kun dargaggoota Tigraayi dirqamaan loltummaaf qopheesaa jiruu fi miidhaa namoomaa ga’aa jiru akkasuma dhiibbaa xiinsammuu cimseetu balaaleffata. Lammiilee badii tokko malee naannichatti hidhamanii jiran keessumaa haadholiif sagalee ta’uudhaan gocha namoomaa isaanirra ga’u hawaasa addunyaaf hubachiisuun kaayyoo hiriira kanaa ta’uun ibsameera.
Yaa’iin idilee mana maree naannoo Hararii wixineewwan labsii fi muudamoota raggaasuun xumurame
Jul 17, 2026 242
Adoolessa 10/2018(ENA)- Yaa’iin idilee 10ffaa marsaa 6ffaa wagga 5ffaa mana maree naannoo Hararii wixineewwan labsii fi muudamoota raggaasuun xumurame. Manni marichaa yaa’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii Hararii moggaasa Biroodkaastiingi Netwoorki jedhuun irra deebi’uun hundeessuuf bahe raggaaseera. Labsiin fooyya’e kun dhaabbatichi Kanaan dura kan ittiin waamamaa ture moggaasa ejensii quunnamtii hawaasaa jijjiiruurraa eegalee jijjiiramni taasifameeraaf. Aangoo fi hojii dhaabbatichaa sadarkaa tajaajilli dhaabbilee biroodkaastii ummataa yeroo ammaa irra gahan waliin akka wal simu gochuun, ga’umsa, qulqullinaa fi bu’a qabeessa akka ta’u gochuudhaaf sadarkaa Biroodkaasiingi Neetwoorkiitti hundeessuun waan barbaachiseef fooyyessuun ibsameera. Har’a guyyaa labsichi raggaafame irraa eegalee itti waamamni Hararii Biroodkaastiingi Neetwoorkiin mana maree naannichaaf akka ta’u labsicharratti ibsameera. Manni Marichaa labsii sirna bulchiinsaa dhihaateefis raggaaseera. Labsichi lammiileen mirgaa fi dirqamasaanii hubatanii rakkoolee bulchiinsa gaarii isaan mudatuuf deebii malu akka argataniif akka gargaaru ibsameera. Akkasumas manni marichaa muudama abbootii murtee mana maree walii galaa sadii raggaaseera. Manni marichaa yaa’ii idilee kurnaffaa wagga shanaffaa marsaa jahaffaa guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumureera.
Magaalaa Finfinnee waggoota shanan darban keessatti gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiruun danda’ameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 17, 2026 233
Adoolessa 10/2018 (ENA): Magaalaa Finfinee waggoota shanan darban keessatti rakkoolee hidda fageeffatanii turan furuun gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti guddisuun danda’ameera jedhan kantiibaan magaalittii aadde Adaanech Abeebee. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojii xumurabara baajata 2018 gaggeessuu eegaleera. Haasaa baniinsaa kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee taasisaniin galmoota bara baajataa fi raawwii karoora tarsiimoo waggaa shanii gamaaggamamuu ibsaniiru. Waggoota shanan darban keessatti galmoota tarsiimoo kaa’aman guutummaatti hojiirra oolchuun bu’aawwan hedduun galmaa’uu kantiibaan magaalattii himaniiru. Finfinneen rakkoolee hundee gadi fagoo qaban furuun jijjiirama hundee yaadaa uumuun gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiramuu dandeesseetti jedhani. Magaalaa Finfinnee magaalaa qulqulluu,magariisaa fi miidhagduu taasisuun hojjetameen xiyyeeffannoo addunyaa ta’aa jirti jedhani. Bu’aafi milkaa’inni hedduun jiraatus, ammas hojii kanaan ol hojjechuuf kutannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhani. Qaawwi raawwii hojii hooggansaa fi dhimmi qaala’insa jireenyaa ni gamaaggama jedhaniiru kantiibaan kun. Gama fedhii ummataa misoomaafi galma badhaadhinaatiin hojiin hojjetamuu qabu hedduun akka jiru eeruun, milkaa’inoota babal’isuun qormaata jiru adda baasuun hiikuu fi raawwii olaanaa galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#