Siyaasa - ENA Afaan Oromoo
Siyaasa
Shororkeessaa Shanee Baha Itiyoophiyaatti gocha shororkeessummaa raawwachuuf ture irratti tarkaanfiin fudhatame
Nov 13, 2025 13
Sadaasa 4/2018 (TOI)-Shororkeessaa Shanee Baha Itiyoophiyaa bakkeewwan muraasatti gocha shororkeessummaa raawwachuuf ture irratti tarkaanfiin fudhatamuu raayyaa ittisaa bahaatti ajajni bahaa beeksise. Raayyaa ittisa biyyaatti hoogganaan qajeelcha maandisaa ajaja bahaa koloneel Tafarii Oliin shororkeessaan shanee Dirree dawaa fi naannawasheetti gocha shororkeessummaa raawwachuuf yaaluusaa yaadachuun TOI’f ibsaniiru. Kanaaf kaayyoo badii sochii shororkeessaa kanaa qorannoo fi hordoffii ragaarratti hundaa’e gochuun dursuun hubachuun tarkaanfiitti galamuu dubbataniiru. Raayyaan ittisaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun tarkaanfii cimaa garee shororkeessaa kanarratti fudhachuusaa yaadatanii, yeroo ammaa naannawichatti nagaan amansiisaan jiraachuu mirkaneessaniiru. Tumsii fi hirmaannaan hawaasa naannawichaa cimaa ta’uu fi ammas caalaa cimee akka itti fufu gaafataniiru. Misoomnii fi nageenyi fulla’aan naannawoota baha Itiyoophiyaatti akka jiraatu raayyaan yoomiyyuu caalaa qophii olaanaan bahachaa akka jiru mirkaneessaniiru. Hoogganaan qajeelcha poolisii harargee bahaa gargaaraan komishinaraa Naasir Mahaammad, nagaa fi tasgabbii naannawichaa gama mirkaneessuutiin tattaaffiin qindaa’aan taasifame bu’aa barbaadamu buuseera jedhaniiru. Keessumaa shororkeessaa shanee godinichatti gocha badiif socho’e irratti tarkaanfii fudhatameen bu’aan barbaadamu argamuusaa dubbataniiru.
Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa haala tokkummaa biyyoolessaa naannichaa cimsuun ni kabajama - Afyaa'ii Ayyaan Abdii
Nov 13, 2025 24
Sadaasa 04 /2018(TOI)-Guyyaan Saboota, Sab-lammootaafi Ummatootaa haala tokkummaa biyyoolessaa cimsuun qophiilee adda addaan akka kabajamu af-yaa’iin mana maree bulchiinsa mootummaa naannoo Somaalee Ayyaan Abdii ibsaniiru. Guyyaan saboota, sablammootaa fi ummatootaa kuni taateewwanii fi hojiilee misoomaa tokkummaa sabdaneessummaa cimsaniin akka kabajamu miidiyaaleef ibsaniiru. Sadaasa 17 bara 2018 sadarkaa naannootti akka kabajamu, Sadaasa 5 bara 2018 irraa eegalee godinoota naannichaa, aanaalee fi bulchiinsa magaalota naannichaa hunda keessatti mariin ni adeemsifamu, hojiiwwan misoomaa, fi hojiin tola ooltummaa naannicha hunda keessatti ni gaggeeffama; akkasumas heera mootummaa irratti hubannoo uumuu fi tokkummaa cimsuu irratti akka hojjettamu eeraniiru af-yaa’ii Ayyaan Abdiin. Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa 20ffaan Naannoo Giddu-galeessa Ityoophiyaa magaalaa Hosaanaatti dhaadannoo "Tokkummaa Biyyaaf Waliigaltee Dimokiraatawaa" jedhuun ni kabajama.
Humni qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa qaba-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Nov 13, 2025 19
Sadaasa 4/2018 (TOI)-Humni qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa kan qabu ta’uu ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Waggaan hundeeffama 90ffaan humna qilleensaa FDRI qophiilee garagaraan kabajamaa jira. Kana ilaalchisuun ajajaan olaanaa humna qilleensaa marii paanaalii har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffame irratti akka dubbatanitti, humni qilleensaa birmadummaa biyyaa gama kabachiisuutiin seenaa boonsaa kan qabuu fi dhaabbata gootota hedduu horatedha. Ayyaanni hundeeffama qophaa’ummaa guutuu humna qilleensaa akkasumas dandeettii uume beeksisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Maricharratti Ajajaa olaanaa dabalatee Qondaaltonni Olaanoon Humna Qilleensaa, miseensonni raayyaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Haayiluu Jaldee fi kanneen biroon argamuu miidiyaan raayyaa Ittisaa online odeeffannoo TOI’f erge ni hubachiisa. Ayyaanni hundeeffamaa mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo birmadummaa fi tokkummaa“ jedhuun Ekispoo aviyeeshinii humna qilleensaa sadarkaasaa eeggateen, agarsiisa qilleensarraa Xiqur Anbassaa adda ta’ee fi qophiilee adda addaan kan kabajamu ta’uun ibsameera.
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa qofa osoo hin taanee dhimma bu’uuraa nageenya riijiniiti
Nov 13, 2025 23
Sadaasa 04/2018(TOI)-Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane dhimma bu’uuraa nageenya riijinii ta’uu hogganaa olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsan. Akkaataan Itiyoophiyan ulaa galaanaa itti dhabde al seerummaa dalagamee fi daba biyyarratti raawwatame ta’uu ibsaniiru. Galaanni Diimaan waggoota kuma hedduuf kan Itiyoophiyaa ta’uusaa galmeen seenaa kan ibsu ta’uu eeruun, ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ta’ee tajaajilaa turuu dubbatu obbo Qajeelaan. Ulaan galaanaa kuni Itiyoophiyaaf akka qaroominaatti ilaalamaa kan ture ta’uus ibsaniiru. Bara mootii Aksumii jalqabee Galaanni Diimaan seenaa Itiyoophiyaa keessatti guddummaa fi qaroomina Itiyoophiyaa ibsaa kan ture ta’uusaa seenaan ragaadha. Galaana Diimaa Itiyoophiyaan waggoota kuma hedduuf abbummaan itti fayyadamaa turte bara 1983 A.L.I as shira siyaasa garee tokkoon irraa mulqameera jedhan. Shirri galaana Diimaa Itiyoophiyaan akka dhabdu taasifame kunimmoo hawaasa biyyattiirratti rakkoo hamaa fideera. Ummata obbolaa tokko, Itiyoophiyaa fi Eertiraa qoqqooduun shira diinonni seenaa Itiyoophiyaa hojjetaniin biyya adda addaa taateetti jedhan hogganaa olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) obbo Qajeelaa Mardaasaan. Ummanni obbolaa tokko ta’an Eertiraa fi Itiyoophiyaan karaan isaan adda bahanis alseerummaa qabaachuusaa galmeen seenaa kan ibsu ta’uu eeraniiru obbo Qajeelaan. Akkaataa Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa akka dhabdu itti taasifames shira dalagamee fi seeraan fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru obbo Qajeelaan. Buufanni doonii Asab qaama Itoophiyaa kan ture Asmaraa irraa kiiloo meetira 500 fagaatee kan argamu yoo ta’u, Itoophiyaatti dhihoo ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran waan guddaadha garuu naannoon Asaab hojii misoomaa tokko illee hin qaban, misoomni naannichaas akkanatti dhaabbatee arguunis dhimma yaaddessaa ta’uu ibsaniiru obbo Qajeelan. Gaaffiin mirga abbummaa karra Galaanaa Itoophiyaa dhimma dantaa biyyaa qofa osoo hin taanee dhimma bu’uuraa nageenya naannoo ta’uus dabaluun kaasaniiru obbo Qajeelaan. Gaaffiin mirga abbummaa karra galaanaa Itiyoophiyaa Qajeelfama kennuufi fudhachuu irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabus hubachiisaniiru. Kunis guddina diinagdee hunda galeessa Ityoophiyaa kan saffisiisu ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Nageenya naannoo keenyatti bu’een gaaffiin misoomaa keenya deebii argachaa jira - Jiraattota godina walllagga Lixaa Aanaa Beegii
Nov 13, 2025 24
Sadaasa 4/2018(TOI)-Nageenya Naannoo keenyatti bu’een gaaffiin misoomaa deebii argachaa jiraachuu jiraattonni Godina Wallaga Lixaa Aanaa Beegii ibsan. Gonichatti nageenya buusuu fi hojiiwwan misoomaa cimsuun cimanii akka itti fufan Bulchaan Godinichaa ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa yaadasaanii TOI’f kennan keessaa jiraataan Aanaa laaloo Asabii obbo Jireenyaa Indaalaa akka dubbatanitti, nageenya naannoosaaniitti bu’een gaaffiin misoomaa deebii argachaa jira. Abbaan nageenyaa hawaasa mataasaati kan jedhan obbo jireenyaan nageenya naannichatti bu’e cimsuuf tattaaffiin taassifamu qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Nageenyi Aanichatti bu’e hojiiwwan misoomaa dinagdee fi hawaasummaa saffisan akka raawwataman haala mijaataa uumuusaa kan dubbatan immoo jiraataan Aanichaa Biroo Obbo Mitikkuu Shuumaati. Rakkoon nageenya uumamee ture hojii misoomaa bakka jiranitti dhaabatanii akka turan kaasuun, nageenya amma bu’een, jiraattonni hojii misoomaarratti dammaqinaan hirmaacha jirachuu ibsaniiru. Jiraattuu Aanaa Beegii Aadde Aannanee yaaddessaa gamasaaniin nageenya naannoosaaniitti bu’een ijoolleensaanii sodaa malee barnootasanii akka hordofan danda’uu kaasaniiru. Nageenya malee sochiin hawasummaa fi diinagdee hin jiru kan jedhan aadde Aannaneen nageenyi bu’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. jiraataan Obbo Yenuus Oljirraa nageenya naannoosaaniitti bu’een sochii daldalaa fi hawasummaa saffisiisuuf haala mijataa uumuusaa dubbataniiru. Itti gaafatamaan waajjira bulchinsaa fi nageenyaa Aanaa Beegii Tasfuu Biraanuu gamasaniin, Aanichatti qindoomina qaamoleen nageenyaa fi hawaasni nagaan bu’uu eeraniiru. Nageenya itti fufsiisuuf hojii misooma eegalame akka itti fufan hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoomee sochii eegale cimsuu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan Aanaa Laaloo Assabii Mulatuu Dhinsaa gamasaaniin, nageenyi aanichatti bu’e gaaffii misooma hawaasaaf deebii kennuu dandeessisuu dubbataniiru. Nageenya argameen aanichatti misooma bunaa babal’isuu fi daldal buna seraan alaa to’achuun hawaasni misoomarraa fayyaddama akka ta’u hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Manni Marichaa Obbo Xiraatuu Bayyanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Hawaasaa Taasisee Muude
Nov 12, 2025 198
Sadaasa 03/2018 (TOI)-Manni Maree bulchiinsa magaalaa Hawaasaa walgahii ariifachiisaa har’a taa’een obbo Xiraatuu Bayyanaa kantiibaa magaalaa Hawaasaa taasisee muudeera. Manni marichaa marsaa lammaffaa bara hojii waggaa kurnaffaa walgahii idilee lammaffaa taa’een obbo Xiraatuu Bayyanaa kantiibaa magaalaa Hawaasaa taasisee muude. Paartii badhaadhinaatti itti gaafatamaa waajjira damee Sidaamaa obbo Abrihaam Maarshaalloo mana marichaaf muudama dhiyeessan manni marichaas sagalee guutuun mirkaneesseera. Kantiibaa magaalichaa ta’uun kan muudaman obbo Xiraatuu Bayyanaan misooma magaalaa Hawaasaa gara fuula duraatti ciminaan itti fufsiisuufi guddina magaalittiis jirattota ishee waliin ta’uun magaalaa mijattuu uumuuf akka hojjetan ibsaniiru. Nageenya magaalittiin qabdu itti fufsiisuu fi magaalittiis magaalaa turizimii taasisuuf akka hojjetan dubbataniiru. Akasumas gaaffiilee bulchiinsa gaarii deebisuu, qaala’insa jireenyaa fi rakkoolee carraa hojii uumuu waliin kan wal qabatan furuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira
Nov 11, 2025 293
Sadaasa 2/2018(TOI)-Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiraachuu ajajaan humna qilleensaa FDRI Itiyoophiyaa Letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ayyaana hundeeffama humna qilleensaa EDRI waggaa 90ffaa ilaalchisuun ibsa gaazexessummaa kennaniiru. Ayyaana hundeeffamaa kana sababeeffachuun fiigichi km. ilaalchisuunis kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Alamaayyoo Asaffaa, pirezidaantiin federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Silashii Sihin fi hoogganaan waajjira federeeshinii atileetiksii Oromiyaa inistiraaktarri intarnaashinaalaa Shimallis Daawit ibsa kennaniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa humna qilleensaa FDRI mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa asxaa tokkummaa fi bilisummaa” jedhuun kabajama. Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsa kennaniin, humni qilleensaa seenaasaa waggaa 90 keessatti carraa ol ka’uu fi gadi bu’uu keessa darbuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa hunda dura tajaajiloota mootummaa ammayyaa kanneen akka humna qilleensaa, telekomunikeeshinii, baankii fi kkf kennuu kan eegalte biyya guddoo fi durii ta’uushee dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyya guddoodha yoo jennu sababa qabna kan jedhan letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa, dhaabbilee maqaa olaanaa qaban Itiyoophiyaan ijaarte keesaa humni qilleensaa EDRI isa tokko ta’uu ibsaniiru. Humni qilleensaa FDRI waggoota 90 dabarse keessatti birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa haala amansiisaan eegsisuuf hojjechaa turuu ibsaniiru. Daandiin qilleensaa birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa lubbuu kaffaluun gootota biyya tursa horachuusaa ibsaniiru. Hojiileen birmadummaa biyyaa eeguuf raawwate kabaja ayyaana waggaa 90ffaa irratti agarsiisaaf ni dhihaata jedhaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna namaa, bu’ura misoomaa waraanaa fi hidhannoon dandeettiisaa guuttachuun dhaabbanni Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Ayyaanni hundeeffamaa baranaa sadarkaa idil addunyaatti miidhagina akka qabaatu yaadamee akka kabajamu ibsanii, fiigichi km. 10 mata duree “Humna koo guutuun humna qilleensaa Itiyoophiyaaf nan fiiga” jedhuun akka gaggeeffamu dubbataniiru. Fiigichi kun waggaa waggaan dhaabbataa ta’ee akka itti fufu eeruun hundi hirmaachuu akka danda’u eeraniiru. Kana malees ayyaanni hundeeffamaa kun konfiraansii, Egzibiishinii, agarsiisa qilleensaan fi kanneen kana fakkaataniin dammaqee ni kabajama jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishoooftuu Alamaayyoo Asaffaa, Itiyoohiyaa dachee lammiileen biyya isaanii gootummaan kabachiisan ta’uu ibsaniiru. Birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiisuun immoo Humni qilleensaa FDRI qooda olaanaa fudhata. Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti fiigichi Humna qilleensaa FDRI km. 10 gaggeeffamu guddina Magaalichaaf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Humna qilleensaa FDRI asitti argamuun barbaadamuu fi filatamuu magaalichaa guddiseera jedhaniiru. Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa komaandar Silashii Sihiin fiigichi Humna Qilleensaa km 10 dorgommii Idil-Addunyaa ta’uu ibsaniiru. Dorgommichaan biyyoota ollaa dabalatee Atileetonni idil-Addunyaa akka hirmaatan ibsuun, injifattoota dorgommichaaf birriin walakkaa miiliyoonaa qophaa’eera jedhaniiru.
Guyyichi obbolummaa fi hedduummina haala cimsuun ni kabajama
Nov 10, 2025 354
Sadaasa 1/2018(TOI)- Guyyaan sabaa,sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa baranaa obbolummaa fi hedduumina caalaatti haala cimsuun akka kabajamu manni marichi beeksise. Guyyaan sabaa, ablammootaa fi uummattoota Itiyopophiyaa 20ffaan mata duree “Walii galtee Dimokiraatawaa Tokkummaa sab-daneesummaaf” jedhuun sadarkaa biyyoolessaatti Sadaasa 29 bara 2018 Qopheessummaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaan ni kabajama. Itti gaafatamaan waajjira Mana Maree Sab-lammootaa Naannichaa Tashoomaa Lamjaaboo TOI’f akka ibsanitti, guyyichi naannoolee hundatti akka kabajamuu fi sadarka naannootti magaalaa Saajaatti sadaasa 22 bara 2018 sagantaan guduunfaa ni jiraata. Bu’uuruma Kanaan guyyicha sababeeffachuun har’aa eegalee guyyoota walitti fufaa 10’f Idileessuu Barsiisa Heera Mootummaa fi Federaalizimiirratti leenjiin sadarkaa sadarkaan akka kennamu eeraniiru. Dabalataanis arjooma dhiigaa, harka qal’eeyyii deeggaruu fi ijoollee harka qal’eeyyiif meeshaalee barnootaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan tola ooltummaa biroon akka raawwataman eeraniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti immoo Magaalaa Walqixxeetti bazaarii fi simpooziyeemiin akka gaggeeffamu eeruun Sadaasa 29 bara 2018 Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu ibsaniiru. Keessummoota ayyanicharratti hirmaataniif qophiiwwan tajaajila mijataa kenuu dandeessisan xumaramaa jiraachuus beeksisaniiru. Guyyichi obbolummaa fi hedduummina caalaatti kan dagaagsudha jedhaniiru. Guyyichi kabajamuun Tuurizimii Naannichaa, aadaa, misooma beeksisuu fi hojiiwwan misoomaa caalaatti raawwachuuf kaka’umsa guddaa uumuusaa kaasaniiru.
Ergamaa fi dirqama nuuf kenname ga’umsa olaanaan raawwachuuf qophoofneerra-loltoota eebbifamtoota ajaja bahaa
Nov 10, 2025 328
Sadaasa 01/2018 (TOI)- Ergamaa fi dirqama kennameef ga’umsa olaanaan raawwachuun birmadummaa biyyaafi nageenya ummataa kabachiisuuf qophaa’uusaanii loltoonni ittisaa biyyaatti ajaja bahaa dubbatan. Jiddu galli leenjii ajaja bahaa loltoota ajajichaa koorii garagaraa leenjii gabbisa dandeettii leenji’an eebbisiisuunsaa niyaadatama. Loltoonni eebbifamtoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan, ergamaa fi dirqamasaanii kutannoo olaanaan raawwachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Kanneen keessaa loltuu Tamasgeen Baqqalaa biyyaa fi ummata koof jaajala guddaan qaba, kanaaf amanamumaa fi kutannoon tajaajiluun qooda koo nan baha jechuun ibseera. Leenjii arganneen dandeettii cimaa arganneerra kan jedhu loltuu Tamasgeen, dirqama kennamu kamiyyuu amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf kutataa fi qophii ta’uusaa beeksiseera. Leenjii Kanaan ga’umsa qaamaa fi tooftaawwan loltummaa dabalatee barumsa saayinsii loltuu garagaraan dandeettiisaa kan cimsee fi leenjii dirqama kennamu ga’umsaan bahachuuf dandeesisu argachuu isaa kan dubbate ammoo loltuu Kaasaayee Tigistuudha. Keessumaa baandaawwan nagaa fi tasgabbii biyyaa fi ummataa boressan, finxaaleyyii fi ergamtoota dhabamsiisuuf qophii ta’uu dubbateera. Leenjichaan dandeettii fi Xin-sammuun akkasumas tooftaa loltummaa Ammayyaa’aa sirnaan arganneerra kan jedhemmoo loltuu Oliyaada Baqqalaati. Gootummaa Abbootii keenyarraa dhaalle gonfachuun nageenyaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa hanga Aarsaa lubbuutti kaffaluun dirqama koo bahuuf qophaa’eera jechuun ibseera. Leenjiftoota giddu-galichaa keessaa Itti Aanaa Ajajaa Dhibbaa Jireenyaa Geetahuun gamasaaniin, loltoonni kun aggaammiiwwan Itiyoophiyaa fi ummatasheerratti aggaamaman kamiyyuu qolachuuf gahumsa agachuu isaanii dubbataniiru. Yeroo fi haala kamiyyuu keesatti dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaa cimaa fi cichooma kaayyoon raawwachuuf kutannoo Qabaachuu Itti Aanaan Ajajaa dhibbaa Jireenyaan kan mirkaneessan. Itti Aanaan Ajaja, Ajaja Bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee, leenjitootni miseensota raayyaa yeroo fi bakka kamittuu dirqama itti kennamu deebii gitu kennuuf kandandeessisu qophii fi ejjennoo guutuu kan gabbifatan ta’uu yeroo eebbaa mirkaneessaniiru. Miseensonni raayyaas dandeettii gidduugalichatti argatan fayyadamun ergama Heera Mootummaa fi Dhaabbatummaa gootummaan gonfachuunii fi amala uummattummaa uffachuun bahuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.
Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurame
Nov 9, 2025 512
Onkoloolessa 30/2018(TOI)- Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurameera. Itti aanaan pirezidaantii paartichaa fi hoogganaan waajjira muummee paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah akka beeksisanitti, leenjiin hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf mata duree”ilaalcha mootummaa ida’amuutiin, tarkaanfannaa sektarootaa” jedhuun mata dureewwan garagaraa irratti Onkoloolessa 19 amma 30tti magaalaa Adaamaa fi Finfinneetti kennamaa ture qajeelfama pirezidaantiin paartii badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin har’a milkaa’inaan xumurameera jedhan. Hooggantoonni paartii keenyaa guutuu Itiyoophiyaarraa walitti dhufan 2000 ta’an kan irratti hirmaatanii fi leenjii tokkummaa yaadaa uumuu fi raawwii qabatamaa guddisuuf faayidaa olaanaan irraa argame Kanaan paartiin keenya fakkeenya sab daneessummaa ta’uunsaas qabatamaatti lan iratti calaqqisedha jechuun ibsaniiru. Qindeessitoonni, leenjiftoonni, mariisiftoonni, dhaabbileen nageenyaa, mootummaan naannoo Oromiyaa fi dhaabbileewwan mootummichaa garagaraa, bulchiifni magaalaa Adaamaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi hooggantoonni leenjicharratti hirmaattan hundi leenjichi jalqabamee amma xumuramutti gumaacha taasitaniif maqaa paartii badhaadhinaatiin galata onneerraa madden isiniif galcha jedhaniiru obbo Adam Faaraah ergaa dabarsaniin.
Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itti fufeera- Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee
Nov 8, 2025 643
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itt fufu Itti Aanaan Ajajaa Ajajichaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee ibsan. Ajajichi loltoota giddu-gala leenjiitti leenjii gahumsa ijaarsaa kenneef eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarrtti keessuuma kabajaa ta’uun kan argaman Itti Aanaan Ajaja bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee akka ibsanitti, ajajichi birmadummaa biyyaa fi nageenya ummataa gahumsaa fi gootummaa cimaan eegsisaa jira. Keessumaa Ajajichi ergamaa fi dirqama yeroo adda addaa itti kenname gahumsa guddaan milkaa’inaa gaarii galmeessisaa jiraachuu dubbataniiru. Finxaaleyyiin fi ergamtootasaanii nageenya hawaasaa booressan barbadeessuun injifannoo boonsaa galmeessuusaa kaasaniiru. Ajajni bahaa dirqamni kennameef gahumsaan, kutaanoo fi gootummaan bahuusaa caalaatti cimsee itti fufuusaa Meje Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee mirkaneessaniiru. Leenjichi miseensi loltuu yeroo fi bakka kamittuu sodaa nageenyaa uumamuuf deebii isa gitu kennuu kan danda’uu fi gahumsaa fi qophii guutuu ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Miseensonni raayyaas beekumsa giddu-galichatti argataniin ergama heera mootummaa fi dhaabbataa gootummaan hidhachuunii fi amala ummatummaa guutamuun bahuu akka qaban hubachiisaniiru. Ajajaan jiddu-gala leenjii ajaja bahaa koloneel Alii sa’iid gamasaaniin, eebbifamtoonni misensota raayyaa kooriiwwan ajajichaa adda addaa keessaa kan bahan ta’uu dubbataniiru. Miseensonni raayyichaa turtiisaanii giddu-galichaan beekumsa loltuu ammayyaa’aa fi ogummaa argataniin dirqama itti kennamu gahumsaan akka bahan kan deeggarudha jedhaniiru. Sirna eebbaa kanarratti Qondaaltonni olaanoon Ajajichaa, komishineeronni poolisii Hararii fi Somaalee fi qondaaltonni biroon akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru.
Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwatan
Nov 8, 2025 461
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)-Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetaman daawwatan. Daawwannaa Kanaan, pirojektoota namarratti xiyyeeffatan magaalattiitti hojjetamaa jiran dabalatee hojiiee misoomaa biroo daawwataniiru. Gaaffii mana jireenyaa lammiileef deebisuuf filaata garagaraa fayyadamuun hojjetamaa akka jiru wayita kana ibsameeraaf. Hojiilee misooma manaa kunneen gaaffilee mana jireenyaa deebisuun gamatti lammiileef tajaajila hawaasummaa kennuuf akeekamanii hojjetamuunsaanii ibsameera. Sirna gabaa yaadama badhaadhinaan sirrate diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii hojjetamaa jiraachunis eerameera. Kun ammoo caancala faddaalaa kutuun namoonni kallattiin qonnaan bulaarraa oomisha akka argatan gargaaruun alatti, qaala’insa jireenyaa hir’isuun qooda guddaa bahaa jira jedhameera.
Humni qilleensaa guddaan guddummaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Nov 6, 2025 698
Onkoloolessa 27/2018 (TOI)- Humni qilleensaa guddaan guddummaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira jechuun ibsan ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa. Ajajaan olaanaa kun guyyaa hundeeffama humna qilleensaa waggaa 90ffaa ilaalchisuun jiraattota magaalaa Bishooftuu fi naannawashee waliin marii gaggeessaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa bara baraan birmadummaa biyyaa kabachiisuun gootummaa boonsaa raawwachuusaa ajajaan olaanaa kun wayita kana ibsaniiru. Yeroo ammaas dhaabbata guddummaa Itiyoophiyaa madaaluu fi ummanni itti boonu ijaaramaa jira jedhaniiru. Ayyaanni hundeeffamaa waggaa 90ffaa mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo bilisummaa fi tokkummaa” jedhuun qophiilee garagaraan kabajamaa akka jiru beeksisaniiru. Guyyaan hundeeffamaa kun eksipoo aviyeeshinii, agarsiisa qilleensarraa fi qophiilee birootiin akka kabajamu ibsameera. Guyyaan hundeeffamaa kun guddina biyyaa, dhaabbataa akkasumas magaalaa Bishooftuu fi maqaa gaarii beeksisuuf qooda olaanaa akka qabu ibsanii, jiraattonni magaalattii miidhagsuu fi nageenyashee eegsisuuf hirmaannaasaanii akka cimsan gaafataniiru.
Mariin hariiroo Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa gara tumsa tarsiimawaa olaanaatti ceesisuuf kaayyeffate gaggeeffame
Nov 5, 2025 634
Onkololessa 26/2018 (TOI)- Mariin hariiroo Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa gara tumsa tarsiimawaa olaanaatti ceesisuuf kaayyeffate gaggeeffameera. Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos fi ministirri faayinaansii Ahimad Shidee itti aanaa hoogganaa waajjira hojii raawwachiisaa pirezidaantii Ruusiyaa Maksiim Oreshkiin fi ministira misooma dinagdee Ruusiyaa Maksiim Reshetniikoov waliin mari’ataniiru. Marii isaaniin, dhimmoota tarsiimawaa fi dinagdee irratti mari’achuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ibseera. Akkasumas misooma fulla’aa, nageenya riijinii, misooma waloorratti mari’achuunsaanii ibsameera. Ministirri Dr. Geediyoon Ximootiwoos wayita kana, deeggarsa fulla’aa Ruusiyaan dameelee tumsaa garagaraa irratti gooteef galateeffataniiru. Fuulduras qonna, Maanuufaakchariingii, ayisiitii, misooma albuuda, sibiila, Niwuukilaaraa fi dameelee birooon tumsaan hojjechuuf kan dandeesisu haalli invastimantii mijataan akka jiru hubachiisaniiru.
Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabateera
Nov 5, 2025 472
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Raayyaa ittisa biyyaatti Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabachuunsaa ibsameera. Raayyaa ittisaatti Izziin bahaa, baha Itiyoophiyaa bakkeewwan garagaraatti bobba’uun ergama kennameef ga’umsa olaanaan bahachaa jira. Keessumaa shororkeessaan Alshabaab kan Somaaliyaa keessa socho’u miliqee galee misooma Itiyoophiyaatti gufuu nageenyaa akka hin taane Izzichi gaachana amansiisaa ta’ee halkanii fi guyyaa dirqamasaa bahaa akka jiru ni beekama. Raayyaa ittisa biyyaatti itti aanaan ajajaa koorii 305ffaa Izzii Bahaa Le’oppireeshinaal koloneel Maarisheet Felegee, Izzichi dirqama itti bobba’e hundatti gootummaan ga’umsa olaanaa fi kutannoodhaan daangaa biyyaa fi birmadummaasheef waardiyyaa ta’ee hojjechaa jira jedhaniiru. Miseensonni Koorichaa humnoota farra nageenyaa qaxanicha keessa socho’an hordofee yaaddoon tokkollee naannawicha keessa akka hin jiraanne hojjechaa akka jiran mirkaneessaniiru. Pirojektoonni misoomaa gurguddoon Baha Itiyoophiyaatti tajaajila eegalanii fi ijaarsarra jiran gufuun tokkollee akka isaan hin mudanne kooriin kun eegumsa amansiisaa gochaa akka jiru ibsaniiru. Izzichatti ajajaan kutaa waraanaa 28ffaa reejimantii 2ffaa shaamballii 1ffaa ajajaan dhibbaa Geetaasawu Gaashaawu gamasaaniin, Izzichi keessumaa shororkeessaan Al shabaab Somaalee keessa Socho’u, diinonni biyya alaa biroon nagaa fi misooma Itiyoophiyaaf yaaddoo akka hin taane ga’umsa olaanaan dirqamaa fi itti gaafatama kennameef bahachaa akka jiru kaasanii, cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Izzichatti qondaalli duulaa kutaa waraanaa 27ffaa ajajaan dhibbaa Geetaamasaayi Daawiit, Izzichi kabajamuu daangaa fi birmadummaa biyyasaaf gootummaa, ga’umsa olaanaa fi kutannoon hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Ajajaan Epiisii ajajaa dhibbaa Dajanee Abbabaa gamasaaniin Izzichi Baha Itiyoophiyaa fi naannawoota daangaatti gaachana amansiisaa ta’ee hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaa tuquu kan barbaadu yoo jiraate raayyaan amansiisaa fi cimaa tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu danda’u, bakkaa fi haala qilleensaa kamiyyuu keessatti dirqama kennameef ga’umsa olaanaa bahatu ijaarameera jechuun mirkaneessaniiru.
Dhuma bara hojii Mana richaarraa maaltu eeggamaa
Nov 3, 2025 572
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii dhumaarra dhimmoonni eegaman maalfa’ii ? Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaan bara kana ni xumurama jedhameetu eegama. Manni marichi Aangoo heera mootummaan kennameef bu’uureffachuun seera ni baasa, dhaabbiilee raawwachiiftotaa ni hordofa, ni to’ata. Dippiloomaasii Paarlaamaa akkasumas bakka bu’ummaa ummataa ni raawwata. Manni marichi waggoottan Afran darban jijiirama biyyoolessaa caalaatti kan saffisiisanii fi hojiiwwan gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa ilaallatan hojjechaa turuusaa Miseensonni Mana Maree kaasaniiru. Dhimmicharratti Miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa TOI’n dubbise yeroo hojiisaanii hafe guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’aniif cimmanii akka hojjetan mirkaneessaniiru. Miseensota Mana Maree keessaa Dr.Mabiraatuu Alamuu bara qabame dhimmoota eegaman keessaa Komishiniin Mareen biyyoolessaa ajandaawwan filatamanirrattii marii taassisudha jedhaniiru. Komishinichi cabinsa siyaasa Itiyoophiyaa suphuu fi rakkoowwan turan aadaa mariin furuuf dagaagsuuf furmaata akka fidu amanamuusaa kaasaniiru. Manni marichi yeroo hojiisaa hafetti komishiniin marii biyoolessaa gara hojiitti akka galuu fi rakkoowwan mariin furmaata akka argataniif cimsee ni hojjeta jedhaniiru. Gareen obbolaawwan Paarlaamaa Itiyoophiyaan biyyoota Ollaa waliin hariiroo qabdu caalaatti cimsuuf xiyyeeffanoon akka hojjetan kan ibsan immoo miseensa mana maree biroo Saadiq Adami. Dippiloomasii paarlaamatiin faayidaa biyyoolessa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi dhimmoota fedhii misooma biyyattii hubachiisan irratti bal’inaan ni hojjetama jedhaniiru. Miseensa Mana Maree bakka bu’oota Ummataa Dr. Alamuu Gonfaa gamasaaniin, bara bajataa qabametti Itiyoophiyaatti Pirojektoonni misoomaa hedduun eegalamuusaanii ibsaniiru. Miseensonni mana marichaas yeroo hojiisaanii waggaa dhumaa pirojektoota kana saffisa foyya’aa fi kalaqaan akka dhugoomuuf deeggarsaa fi hordoffii addaa taassisu jedhaniiru. Mana maree Itti aanuuf haala mijataa uumuu fi qooda miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa waggaa shanii ta’uu hubachiisaniiru.
Humnoonni hojii baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu qabu – fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa
Nov 3, 2025 539
Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Humnoonni gocha baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu akka qaban Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan. Haleellaan raayyaa ittisaa Izzii kaabaarratti raawwatame kan yaadatamu gochi gaddisiisaan raawwatame kan yaadatamu yoomiyyuu akka hindeebine yaadachuuf ta’uu Itaamaajoora Shuumiin humnoota waraanaa walii gala ibsaniiru. Raayyaan ittisaa Izzii Kaabaa Yaadannoo haleellaa irratti raawwatame waggaa shanaffaa mata duree “akka hindeebine yoomiyyuu hin hrraanfannu” jedhuun wiirtuu leenjii izzii komaandoo fi humna qilleensaatti Bishooftuutti kabajameera. Onkoloolessa 24 bara 2013 waggaa shan dura qaama raayyaa ittisa biyyaa kan ta’e Izzii Kaabaarratti hojiin gantummaa akka irratti raawwatame ni beekama. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itti aanaan Itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa walii gala Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltonni jeneraalaa onaanoo biroo fi miseensonni raayyaa ittisaa saganticharratti, argamaniiru. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Onkoloolessi 24 yaadannoo wareegamtoota Izzii kaabaati. Raayyaan ittisaa daangaa biyyasaa kabachiisuun birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qophii ta’uus dubbataniiru. Miseensonni raayyaa ittisaa izzii kaabaa naannoo Tigraayiif dahannoo fi dallaa akka ture ibsanii, amma ammaatti Izzii kaabaan alatti lammii isaatiin haleellaan kan irra gahe akka hin uumamne dubbataniiru. Raayyaan ittisaa ofirraa hir’isee Tigraayitti mana barumsaa hedduu, dhaabbilee fayyaa fi misooma qonnaa akka raawwate ibsanii, gochi Onkoloolessa 24 raawwatame garuu seenaa Itiyoophiyaa keessatti godaannisa bara baraati jedhaniiru. Haleellaan Izzii kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu akka hin hirraanfatamne ta’uu ibsanii, guyyaan kun kan yaadatamu kana booda akka hin deebineef ta’uu dubbataniiru. Fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa guyyaa kana yemmuu yaadatan, mootummaan wayita sana walitti bu’iinsa bakka garagaraatti ture qabbaneessuuf yeroo itti dhama’u malee waraanaaf qophiirra akka hin turre yaadataniiru. Mootummaan yeroo hundaa daandii nagaaf balballisaa banaa taassisuu eeruun, kaleessarra barachuu dhabun walmorkiin taassifamu dhaabbachuu qaba jedhaniiru. Miseensonni muraasni ABUT qaamolee hidhatan deeggaruun, biyyoota ollaa waliin hidhata uumuun biyya diiguuf D.D.R.’n kan walitti qabaman diiguun walii galtee nagaa Piriitooriyaa cabsaa jiraachuu ibsaniiru. Humnoonni hojii baandaarratti bobba’an kan ummata bakka hin buune kunneen hojiiisaanii biyya gantummaarraa of qusachuu akka qaban dubbataniiru. Daarektarri Olanaan Ijaarsa Xinsammuu Raayyaa Ittisa biyyaa Mejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan gamasaaniin, waggaa shanii dura miseensora raayyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaan raawwatame birmadummaa biyyarratti shira yaadame ta’uu eeraniiru. Yeroon yaadannoo Ajaja kabaa haala yeroosaa gituun kabajamaa jira jedhaniiru. Haleellaan raawwatame akka hin dabalamneef yoomiyyuu hin dagannu kan jedhan Mejer Jeneraal Indalkaachoon, haleellicha qolachuuf miseensota raayyaa Aarsaa kaffalan yaadachuu fi qabsosaaniif beekamtii kennuuf akka kabajamu ibsaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf ni hojjetama-Mana maree waloo
Oct 31, 2025 830
Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun hojiirra oolmaasaaf kan hojjetu ta’uu manni maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Oromiyaa ibse. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu’oota ummataaf dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seenaa qabeessaa, teessuma lafaa fi dinagdee jenneetu amanna jechuun isaanii ni yaadatama. Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu, olloota keenyaaf waanti jechuu barbaannu Itiyoophiyaan yemmuu guddattu misooma riijinichaaf madda taati, kan barbaannu tumsaan guddachuudha, kanaaf dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jechuun cimsanii dubbataniiru. Hooggantoonni paartilee siyaasaa waloo naannoo Oromiyaa TOI’ waliin turtii taasisaniin, gaaffiin ulaa galaanaa dhugaawwan seera qabeessa, seena qabeessaa fi teessuma lafaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf ulaa galaanaa qabaachaa kan turte, sochii ji’oo-siyaasaa qaxanichaanis hirmaannaa guddaa qabaachaa kan turte ta’uu yaadatanii, waggoota 30 darbe ulaa galaanaa malee turuunshee kan nama gaabbisiis ta’uu kaasaniiru. Barreessaan olaanaa mana maree waloo Taarikuu dinbaruu, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte ajandaa ta’ee as bahuunsaa murteessaa fi dhimma bu’uraa waan ta’eef mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru. Yaa’iin walii gala barbaachisummaa fi gaaffii haala yeroo ta’uusaa walii galtee waloorra gahee hojiirra oolmaasaaf qoodasaa bahuuf qophii ta’uusaa mirkaneessaniiru. Ulaan galaanaa Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa kan ittiin baatu, guddummaa dippilomaasii riijinichatti kan ittiin mirkaneessitu,daldalashee kan ittiin si’eessitu dhimma murteessaa waan ta’eef manni marichaa ni deeggara kan jedhan ammoo walitti qabaa mana marichaa obbo Salamoon Taaffasaati. Dhimma ulaa galaanaa ajandaa biyyaa akka ta’u kan taasisan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad galata guddaa akka qaban dubbatanii, gaaffichi meeshaa olaanaa dhimmi Itiyoophiyaa itti mirkanaa’udha jedhaniiru. Manni maree waloo naannichaa paartileen siyaasaa 22 miseensa itti ta’an, gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fidhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun akka fudhatu ta’uusaa fi deebiisaafis kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.
Dhimmii Ulaa galaanaa gaaffii waloo keenyaa deebii argachuu qabudha- mana maree waloo paartiilee morkattootaa
Oct 31, 2025 554
Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Dhimmii Ulaa galaanaa dhimma faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef gaaffii waloo keenyaa deebii argachu qabudha jechuun Manni Maree Paartii Morkattootaa Naannoo Amaaraa ibsan. Walitti qabaa Mana maree paartii Morkattootaa Naannoo Amaaraa fi durataa’aan humna sochi dimokiraasii Amaaraa Tasfaahun Alamneeh turtii TOI waliin taassisaaniin gaaffiin ulaa galaanaa dhimma biyyaa fi faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef dhimma deebii argachuu qabu gaaffii waloo keenyaati jedhaniiru. Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa jiaatus dhimma faayidaa biyyaarratti ejjennoo addaa kan hin qabne ta’uusaanii kaasuun gama Kanaan sochii Mootummaa eegalee fi Ejjannoo qabate ni dinqisiifanna ni deeggaraas jechuun mirkaneessaniiru. Dhimma kanarratti manni maree waloo dhiheenyatti akka hojjetuu fi tokkommaa sabdaneessummaashee fi faayidaa biyyoolessaashee biyya kabajameefii ijoollee keenya dhaalchisuuf ni hojjenna jedhaniiru. Akka mana maree paartiilee morkattootaatti nageenya buusuuf seera kabachiisuu fi dhimmoota keessoorratti waloon akka hojjennu hunda faayidaa biyyoolessaa fi dhimma Ajandaa biyyaarratti waloon hojjechuun dirqama keenya jedhaniiru. Mootumman Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuuf yeroo hiriiru faallaan dhaabbachuun seenaatiin komatamaa kan nama taassisuu fi nageenya sammuu kan nama dhorkatu ta’uu kaasaniiru. Ministirri Muumee Dr. Abiyyi Ahimad guyyoota muraasa dura miseensota mana maree bakka bu’oota uummaataaf ibsa kennaaniin dhimma ulaa galaanaa argachuun kan hin jijiiramne ta’uusaa ejjennoon dubbachuun saanii ni yaadatama.
Nageenyi Godina Wallaga Lixaatti bu’e hirmaannaa fi fayyadamummaa Misoomaa guddisaa jira- Jiraattota Godinichaa
Oct 30, 2025 648
Onkoloolessa 20/2018(TOI) - Nageenyi Godhina wallaga Lixaatti bu’e hirmaanaa misoomaa fi fayyadamummaasaanii guddisaa jiraachuu jraattonni godinichaa TOI’n dubbise ibsan. Nageenyi Naannichatti bu’e sochii Hawaasummaa fi Dinagdee haala fooya’een akka raawwatamani taassisuusaa jiraattonni dubbataniiru. Jiraattota Godinichaa yaadasaanii kennan keessaa Obbo Ayyaanaa Mangashaa rakkoon nageenyaa ammaan dura naannichatti mudatee turee maqee nageenyi bu’uusaatiin hojii misoomaarratti akka ciman taassiseera. Kunis gannaa fi bona hojii misoomaarratti hirmaannaa taassisan akka dagaaguu fi fayyadamummaansaanii guddachaa akka dhufu gochuusaa dubbataniiru. Keessumaa hojiiwwan misoomaa hawaasicha fayyadan raawatamaa jiraachuu eeruun hojiiwwan misoomaa kun milkaa’inaaf akka gahanii fi nageenyi argame fulla’aa akka ta’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Hirmannaa mootummaa fi uummataan nageenya naannoosaaniitti bu’een soda tokko malee socho’uun hojiisaanii hawaasummaa fi Diinagdee raawwachaa jiraachuu isaanii kan dubbatan immoo adde Ayyaantuu Horaati. Fuulduratti hojiiwwan misooma akka itti fufaniif nageenya cimsuuf tattaaffii taassifamaniif qooda gamasaanii akka bahatan ibsaniiru. Jiraataan obbo Magarsaa Aagaa jedhaman gamasaaniin, nageenya Godinichatti bu’een sochiin kallattii hundaan taassisan guutuu ta’uu fi keessumaa qonnaan bulaan sodaa tokko malee hojiisaa guyyaa guyyaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Fuuldurattis nageenya fulla’aa gochuurratti jiraattota nannoosaanii waliin wal-tumsuun hirmaannan hojii misoomaarratti taassisan akka cimsan dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Godina wallaga lixaa Geetahuun Tarfeessaa akka ibsanitti, godinichatti ummanni qaamolee ngeenyaa waliin ta’ee hojjechuusaan nageenyi fulla’aan bu’eera. Ummanni sodaa tokko malee socho’ee hojiisaa akka hojjetuuf haalli mijataan uumamuusaan uummann garaa guutuun hojii misoomaarratti hirmaachaa jira jedhaniiru. Nagenya bu’een hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufuusaanii fi nageenya argame cimsanii tursiisuuf ummanni qoodasa cimsuu qaba jedhaniiru.