Siyaasa
Yuunivarsitichi karaa kabaja Raayyichaa madaaluun Itiyoophiyaa bira darbee Afrikaatti dhaabbata dhiibbaa uumuu danda’u ta’uuf hojjechaa jira
Jan 3, 2025 216
Muddee 25/2017 (TOI) - Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa karaa kabaja raayyichaa madaaluun Itiyoophiyaa bira darbee Afrikaatti dhaabbata dhiibbaa uumuu danda’u ta’uuf hojjechaa jiraachuu Ajajaan Yuunivarsiitichaa Birgaadeer Jeneraal Kabbadaa Raggaasaa beeksisan. Hoggantoonni Itiyoo Telekoom Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa daawwataniiru. Hoggantoonni kunneen sagantaalee barnootaa Yuunivarsiiticha keessatti kennamaa jiran, bu’aa qorannoo fi qo’annoo, bu’uuraalee misoomaa Tekinolojii Qunnaamtii fi Odeeffannoo fi hojiiwwan biroo daawwataniru. Ajajaan Yuunivarsiitichaa Birgaadeer Jeneraal Kabbadaa Raggaasaa wayita kana akka ibsanitti; Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa raayyaa beekumsaa fi tekinolojiin caalaatti gahoome taasisuuf hojjetama jira. Yuunivarsiitichi kabaja raayyichaa sadarkaa olaanaan mirkaneesuu karaa dandeesisuun barnootaa fi qorannoon gahoomsuuf teeknooloojii ammayyaa dhaqqabamaa taasisuuf hojjetamaa jira achuu ibsaniiru. Raayyichi Itiyoophiyaa bira darbee guutuu Afrikaatti dhaabbata dhiibbaa uumuu danda’u akka ta’uuf yuunivarsiitichi hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru. Itiyoo Teeleekoom dabalatee dhaabbileen biroo adeemsa jijjiirama Yuunivarsiitichaa fi ogeessota beekumsaa fi dandeettiin gahoomsuuf hojii yuunivarsiitichi hojjecha jiru akka deeggaran waamicha taasisaniiru. Hogganaan Olaanaan Teeknooloojii Itiyoo Teeleekoom obbo Taarikuu Damisee gama isaaniin, dhaabbatichi adeemsa jijjiirama Yuunivarsiitichaa fi dandeettii beekumsaa fi teeknooloojii Raayyaa ittisaa caalaatti guddisuf deeggarsa kan taasisuu ta'uu himaniiru. Ityoo Teelkoom muuxannoo fi beekumsa waliif qooduun dabalatee gama adda addaatiin yunivarsiiticha waliin tumsaan kan hojjetu ta'uu ibsuu isaanii Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul'isa.
Jilli Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa injinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu daawwannaa hojiif Somaaliyaa dhaqeera.
Jan 3, 2025 286
Mudde 25/2017 (TOI) - Jilli Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI injinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu daawwannaa hojiif Somaaliyaa dhaqeera Deetaan ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaas daawwannaa kanarratti hirmaataniiru. Jilli kun Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin marii bu'a qabeessa kan taasise yoo ta'u; ergaa Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantichaaf erganis ittiin gaheera. Marii isaaniin Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa dabaltee nageenya fi tasgabbii naannawwichaa mirkaneesuuf waliin hojjechuuf ejjeennoo qaban waliif mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan ergama 'AUSSOM' bu'a qabeessa taasisuuf tumsaan hojjechuuf kan waliif galan yoo ta'u tumsa gamlamee isaaniis sadarkaa olaanaatti guddisuuf biyyoonni lamaan daawwannaa hojii taasifamaa jiru cimsuu fi dhiheenyaatti hoggantoonni olaanoo Somaaliyaa Finfinnee daawwachuun akka mari'atan walii galaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa Abdulqaadir Nuur Jamaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa nageenya Somaaliyaa mirkaneesuuf wareegamni kanfalee fi gahee bahateef galateeffataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI injinar Ayishaa Mahaammad gama isaaniin Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaaf gahee ishee bahuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru. Shororkeesuummaa ittisuuf tumsa ijoo biyyoota hundaa ta'uu akka qabus hubachiisaniiru. Ministir deetaan Ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa gama isaaniin nageenya Somaaliyaa jechuun nageenyaa Itoophiyaa akka jechuu ta'uu himanii; rakkiyoon nageenyaa naannawwichaatti mudatu biyyoonni ajandaa misoomaarratti akka hin xiyyeeffanne taasisa jedhaniiru. Biyyoonni lamaan tumsa waliin qaban cimsuun rakkoo nageenya mudatan aariitiin furuun xiyyeeffannoo isaanii guutuu misoomarra taasisuu qabu jedhaniiru. Torban darbe jilli Ministir deetaan Ministir Dhimma Alaa Somaaliyaa Alii Mohaammad Omariin durfamu Ministir deetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa waliin mari'achuun ni yaadatama.
Hidhattoonni waamicha nagaa mootummaa fi ummanni taasise fudhachuun galan simataman
Jan 1, 2025 425
Mudde 23/2017 (TOI)- Hidhattoonni waamicha nagaa mootummaa fi ummata taasise fudhachuun galan Giddugala Leenjii Haaromsa Sarabaatti simatamaniiru. Maanguddoonni, abbootiin amantaa fi hoggantoonni mootummaa giddugalichtti argmuun hidhatoota waamicha nagaa fudhachuun galan kanaaf simannaa taasisaniifiru. Naannoo Amaaraatti waldhabdee waggaa tokkoo oliif tureen ummanni naannichaa rakkoo diinagdee fi hawaasummaa heddu keessa turera. Naannichi rakkoo kana keessaa akka ba’uuf mootummaa fi ummanni irra deddeebiin waamicha nagaa taasisaa turuun ni yaadatama. Hidhattoonni naanicha keessa socho'anis waamicha nagaa kana fudhachuun giddugala haaromsaa galaa jiru. Hidhattoonni giddugala haaromsaa Sarbaatti simataman akka himanitti; walitti bu’iinsa naannicha keessa tureen ummanni naannichaa du’aa fi maancaatii hedduuf saaxilamuu isaa hubachuun waamicha nagaa mootummaa fi uummanni taasise fudhachuu himaniiru. Kanaan boodas uummata miidhame hojiin kiisuuf qophii ta'uu himaniiru. Rakkoon naannicha keessa jiru furamuu akka qabu eeranii waraanaan homtuu jijjiramuu akka hin dandeenye hanga ammaatti waan ta'erra hubachuu dandeenyerra jedhaniiru. Odeeffannoon Komunikeeshinii naannoo Amaaraa irraa argame akka agarsiisutti hidhatoonni waamicha nagaa fudhatanii jiddugala haaromsaa Sarbaa galanis meeshaa waraanaa mootummaaf dabarsanii kennuu isaanii itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Nageenyaa fi tasgabbii Naannoo Amaaraa Beerrihun Mangistuu himaniiru. Akkasumas humnoota waamicha nagaa mootummaa fi ummata naannichaa fudhachuun galaniif leenjiin gara misoomatti akka galan isaan gargaruu ni kennamaaf jedhaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa magaalaatti tajaajiloota fooyyesuun paartii nama irratti xiyyeeffatu ta'uu mul'iseera.
Dec 30, 2024 172
Mudde 21/2017(TOI) - Paartiin Badhaadhinaa magaalaatti tajaajiloota fooyyesuu fi hirmaachisuummaa mirkaneesuun paartii nama irratti xiyyeeffatu ta'uu mul'iseera jedhan Miniseensi Koree Jiddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaan magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Juhaar Paartiin Badhaadhina Yaa'ii isaa 1ffaan jiraattoonnii tajaajila ammayyaa, mijataa fi si'ataa akka argataniif karaa qindaa'een akka hojjetu kallatti kaa'ee ture. Miseensa Koree jiddugaleessaa paartichaa fi kantiibaa magaalaa Dirre Dawaa kan ta'an obbo Kadir Juhaar paartichi kallatuma kaa'een raawwii sirriin karoora kana hojiirra oolchaa jira jedhaniiru. Akka biyyaatti magaalota ammayyeesuu, hirmaachisaa akka ta'an taasisuu fi tajaajiloota isaanii fooyyesuun hojiiwwa xiyyeeffannoon hojjetama jirudha jedhaniiru. Magaalaa Dirre Dawaattis waggoota muraasa darban gama bulchiinsa gaarii fi hojiiwwan rifoormiin hojiin hedduun hojjetamuu himaniiru. Magaalichi jijjirama dura rakkoo bulchiinsa gaarii fi kennisa tajaajilaa hedduu qabaatus hojii rifoormii hojjetameen bu'aan argamu himaniiru. Akka fakkeenyaattis hawaasni bakkuma jiru ta'ee salphaatti tajaajila akka argatu kan taasisu hojiin bu'uuralee misooma dijitaalaa wajjiraalee mootummaa 32 keessatti xumuramaa jira jedhaniiru. Dabalataan magaalichatti kan argaman dhaabbileen 400 maamiloota isaaniif karaa dijitaalaa tajaajila akka kennu eegaluu himaniiru. Kallattii paartichi kaa'een misooma fi tajaajila hunda hirmaachisee mirkaneeuu keessatti gahee olaanaa kan qaban kanneen galii gadaanaa argatanii fi humna hin qabne deeggaruuf inisheetivoonni heduun hojiirra ooluu himaniiru. Keessattu tajaajilli nyaata dhiheesuu, warshaalee Daabboo fi haaromsa manneen harka qalleeyyii paartichi kan nama irratti xiyyeeffatu ta'uu kanneen mul'isanidha jedhaniiru. Magaalaa Dirre Dawaattis hojiiwwan akkanaa hojiirra oolaa jiru jedhaniiru.      
Imalli wal waraansa irraa gara nageenya waaraatti taasifamu mareefi marabbaan milkaa’a
Dec 27, 2024 409
Mudde 18/2017(TOI) - Waltajjiin sagantaa Gumiin Balal marsaa 40ffaa mata duree “walwaraansa irraa gara nageenya waaraatti” jedhuun har'a geggeeffameera. Waltajjii har'aa kanarratti Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa sagantaan kunis Oromiyaa dachee sagaleen qawwee itti hin dhaga’amne, qe’een Oromoo qe’ee nagaafi marabbaa, ulfoofi ulfina argate akka tahuuf eenyurraa maaltu eegama kan jedhu mari'achuuf yaadamee kan qophaa’edha jedhaniiru. Nagaa waaressuun murannoo cimaa kan gaafatuu fi dhuunfaafi garee socho'uu irraa gara fedhaafi gaaffii uummataatti ce’uu kan gaafatudha jedhaniiru. Kanaaf immoo adeemsa keessa darbinutu jira jedhaniiru. Kan jalqabaa waraana dhaabuun Oromiyaa dachee sagalee qawwee maleessa gochuu yoo ta'u inni 2ffaan humnoota hidhatanii turan haaromsaan hawaasatti makuu milkeessuudha jedhaniiru. Adeemsi 3ffaa jireenya, hawaasummaafi walitti dhufeenya walwaraansaan diigameefi cabiinsa ture araaraafi dhiifamaan fayyisuun deebisanii dhaabuu kan hammatu ta'uu eeraniiru. Kanaaf beekumsi xabboo qabnu mareefi marabbaan keenya ganamaa cabiinsa rogdaneessa nu mudate fayyisuufi nagaa waaraa mirkaneessuu kan nu dandeessisudhas jedhaniiru. Laphee nagaa qabaachuufi boqonnaa walwaraansaa araaraafi dhiifamaan cufuuf hunduu itti gaafatamummaa isaa ba'achuu barbaachisa jedhaniiru. Nagaa waaraa fiduuf, haqummaa mirkaneessuuf, mirgoota namoomaa kabajuufi walqixxummaa mirkaneessuuf hunduu dirqama kan qabu ta’uus yaadachiisaniiru. Daandiin nagaa akka Oromootti eegalame kun boqonnaa haaraa saaquu kan danda’e ta’uu ibsanii; jalqabbii gaarii kana ilaafi ilaameen cimsuun itti gaafatamummaa hunda keenyarraa eegamu amanamummaafi kutannoon ba’annee olaantummaa yaadaaf karaa dimokiraatawaan bitamnee uummata keenyaaf hojjechuun murteessaadha jedhaniiru. Dhimmi cimsamee ilaalamuu qabu nagaa Oromoo deebisuun Oromiyaa ijaaruu qofa osoo hin taane, ce’umsa Itoophiyaa haaraa milkeessuufi gaanfa Afriikaatti biyya jabduufi mootummaa cimaa kabajaaf birmadummaa isaa tikfatu, dimokiraasii gad dhaabe, fakkeenya badhaadhinaa ta’e ijaaruudha jedhaniiru Kun ammoo Marii biyyaalessaa gaggeeffamaa jiruufis bu’uura cimaa kan kaa’u milkaa’ina waliigalaafis kan gumaachu ta’uu eeraniiru. Adeemsi naannoo Oromiyaatti nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf eegalame tasgabbiifi guddina barbaadamu fiduuf bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu kan ibsanii; cabiinsa hawaasummaa araaraan fayyisuufi duudhaa qabnutti fayyadamnee qabeenya manca'e hirphaan bakka buusuuf harka waliif diriirsuun itti gaafatamummaa hundaa ta’uus hubachiisaniiru. Maddi - BDhKO
Misoomni koriidarii haala qabataamaa sirna magaalaa biyyaalessaa qabatamaatti yaadama jijjiredha.
Dec 26, 2024 223
Mudde 17/2017(TOI) - Misoomni Koriidarii bu'uuralee misoomaa magaalotaa babal'isuun haala sirna magaalaa biyyaalessaa bu'uura irraa jijjiraa yaadama jiru ta'uu Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad beeksisan. Yaada maddisiisummaa Ministira Muummee doktar Abiy Ahimadiin magaalaa fi baadiyyaatti insheetivoonni jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiran hojiirra oolaa jiru. Akka fakkeenyaatti sagantaa ashaaraa magaarisaa, maadii guutuu, maaddii shaggariif, maaddii biyyaaf, maaddii dhalootaa akkasuma magaalaatti hojiiwwan misoomaa akka misooma Koriidarii kan eeramanidha. Koreen hoji raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa guyyoota lamaan darban waligahii taasiseen dhimmoota biyyaaleessaa fi ajandaa paartii irratti mari'ateera. Miseensi koree hoji raawwachiiftuu paartichaa fi pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad paartichi marii isaan misoomni koriidarii magaalootaa karoora qabameefiin karaa milkaa'aan hojiirra oolaa jirachuu ilaaleera jedhaniiru. Obbo Musxafeen hojiin misoomaa koriidarii mootummaan hojjechaa jiru guddina magaalootaa ilaalcha keessa kan galchedha jedhaniiru. Inisheetivichi waggootaa 30 dhufanitti uummata addunyaa keessaa dhibbeentaan 70 kan ta'uu jiraattota magaalaa ta'u raaga jedhu ilaalcha keessa galchuun sirna magaalaa ammayyaa ijaaruuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru. Hojiin misoomaa koriidarii magaalaa Finfinneetti jalqabame babal'achuun magaaloota naannoleettis hojiirra oolaa jirachuun isaa kana ilaalcha keessa galchuun jedhaniiru. Misoomni Koriidarii elektirikii,riqichoota,daandii asfaaltii fi bu'uuralee misoomaa magaalaa ammayyeessanii ijaaruu ta'uu ibsanii; yaadamni kun akka tarsimootti kan ilaalamudha jedhaniiru.  
Dhaabbileen nageenya Itoophiyaa fi Somaaliyaa kanneen waliigalteen Ankaaraatti taasifame akka hin raawwatamne gufuu ta'an ittisuuf mari'atan.
Dec 24, 2024 275
Mudde 15/2017(TOI) - Dhaabbileen nageenya Itoophiyaa fi Somaaliyaa kanneen waliigalteen Ankaaraatti taasifame akka hin raawwatamne gufuu ta'an ittisuuf mari'atan. Daarektarri Tajaajila Nageenya fi Tika Odeeffannoo Biyyaalessaa ambaasaaddar Rediwaan Huseenii fi hoggantoonni tasimoo tajaajilichaa daawwana hojiif gara Itoophiyaa kan dhufan daarektara Ejensii Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Somaaliyaa Abdullaahii Mohaammad Alii waliin dhimmoota waqtaa fi naannawwaa irratti mari'achuu isaanii wajjirri Tajaajilichaa odeeffannoon TOI'f erge ni mul'isa. Waliigaltee Ankaaraatti taasifame raawwachuuf dhaabbileen nageenyaa biyyoota lamanii tumsawwan barbaachisanii fi dameewwan tumsaa irratti marii bal'aa taasisuu odeeffannoon kun ni mul'isa. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa fi Somaaliyaa raawwii waliigaltichaarratti kanneen gufuu ta'an ittisuuf gahee isaaniirra eeggamu bahachuuf waliigalteerra gahuu fi keessattu odeeffaannoo waljijjiruuf kallattiin kaa'amuu beeksiseera. Walitti dhufeenya gaarii Itoophiyaa fi Somaaliyaa jiddu ture tasa waantoonni diigan mudatanis guddinnni biyyoota lamaanii walitti kan hidhame waan ta'eef akkasuma walooma uummatoota biyyoota lamaanii jiddu ture ilaalcha keessa galfamuu kan qabu ta'uun eeramuu odeeffannoon argame ni mul'isa. Alshabaab ammaas gaanfa Afrikaatti madda yaaddoo ta'uu hoggantoonni dhaabbilee nageenyaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa marii isaaniin kaasuun; muuxannoo kanaan dura turan cimsuun tumsa farra shororkeesummaa haaraa uumuun shororkeesummaa waloon ittisuuf waliigaluun himameera. Itoophiyaa fi Somaaliyaan yaaddoowwan waloo tumsaa fi mariin furuun tasgabbii naannawwichaatti uumuu fi badhaadhina mirkaneesuuf gamtaan akka hojjetan waltajji marii kanarratti kaafamuu odeeffannoo Tajaajila nageenyaa fi tiki Odeeffannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaarra argame ni mul'isa.
Itoophiyaan waliigaltee Ankaaraatti taasifame guutummaan guutuutti raawwachuuf qophiidha.
Dec 24, 2024 256
Mudde 15/2017(TOI) - Itoophiyaan waliigaltee Ankaaraatti taasifame guutummaan guutuutti hojiirra oolchuuf qophii ta'uu Ministir deetaan Ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa beeksisan. Jilli Somaaliyaa Ministir deetaa ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa biyyattiin durfamu Itoophiyaatti daawwanna hojii taasiseera. Waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa jiddutti uumameef furmaata kennuuf araarsummaa Turkiyyeen Mudde 2/2017 waliigalteerra gahamuun ni yaadatama. Haaluma kanaan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadii fi Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohaammad Ankaaraatti waliigaltee mallateessaniiru. Waliigaltee Ankaarraatti taasifame kana cimsuun walitti dhufeenya biyyoota lamaan jiddu jiru cimsuuf jilli Ministir deetaa ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa Somaaliyaa Alii Omaariin durfamu Itoophiyaa daawwataniiru. Jilli Somaaliyaa kun jila Ministir deetaa ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaan durfamu waliin mari'ateera. Daawwaannan hojii jilli Somaaliyaa Itoophiyaatti taasise kun erga waliigaltee Ankaaraatti taasifamee as kun isa jalqbaa ta'uu ambaasaddar Misgaanuu Argaa himaniiru. Waliigaltee Ankaaraatti taasifame raawwachuuf walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf marii walitti fufinsa qabu ni taasifna jedhaniiru. Nageenyi Somaaliyaa nageenya Itoophiyaa ta'uu eeranii; shororkeesummaa ittisuun naannawwichatti nagaa waaraa uumuuf tumsi keenya cimee itti fufa jedhaniiru. Ministir deetaan ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa Somaaliyaa Alii Omaar gama isaanii ambaasaaddar Misgaanuu Argaa waliin marii bu'a qabeessa taasifneerra jedhaniiru. Erga waliigaltee Ankaaratti taasifameen booda daawwannaan ammaa kun kan jalqabaa ta'uu eeranii; waliigaltee kana raawwachuuf marii dandeesisu taasifneerra jedhaniiru.
Obbo Adam Faraahaan Itoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa Chiin Haay waliin mari'atan
Dec 23, 2024 201
Mudde 14/2017(TOI) - Sadarkaa itti aanaa Pirezidaanitiitti hogganaa jiddugala qindeessa ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraahaan Itoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa Chiin Haay waliin mari'atan. Marii isaaniin fayyadamummaa waloo, walitti dhufeenya dippilomaasii gamlamee fifilannoowwan invastimantii bal'isuun haala danda'amurratti bal'inaan mari'ataniiru jedhameera. Obbo Adam Faraahaa marii kanarratti; michummaan Chaayinaa fi Itoophiyaa kan waggaa hedduuf ture caalaatti cimee akka itti fufuuf Paartiin Badhaadhina ciminaan hojjecha jira jedhaniiru. Tumsi Paartii Koministii Chaayinaa waliin qabus yeroo gara yerootti guddacha jira jedhaniiru. Paartileen lamaan leenjii fi muuxannoo waljijjiruu irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesuu yaadachiisanii; daawwannaan yeroo dhihoo jilli haggansa paartii badhaadhinaa hammate Chaayinaatti taasises bu'a qabeesummaa waliigaltichaa kan mul'isudha jedhaniiru. Gara fuula duraattis walitti dhufeenya paartii fi paartii karaa leenjii fi muuxannoo waljijjiruun sagandaaleen jiran cimanii akka itti fufan Paartiin Badhaadhinaa fedhii kan qabu ta'uu ibsaniiru. Itoophiyaatti ambaasaaddarri Chaayinaa Chiin Haay gama isaaniin Itoophiyaan tumsituu tarsimoo cimaa Chaayinaa ta'uu eernaii; walitti dhufeenyi kun karaa Paartii fi Paartiis ta'ee michummaa mootummaan gara fooyyee qabutti akka guddatu mootummaan isaanii ciminaan kan hojjetu ta'uu ibsaniiru. Kanaafis Itoophiyaan miseensa BRICS ta'uun ishee carraa guddaa kan uumuu ta'uu ibsaniiru.            
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015