Diinagdee - ENA Afaan Oromoo
Diinagdee
Magaalichatti manneen barnootaa galiin of dandeessisuun sagantaa nyaata barattootaa deeggarsa jalaa baasuuf hojjatamaa jira
Nov 12, 2025 168
Sadaasa 01, 2018- Bulchiinsa Magaalaa Hoolataatti manneen barnootaa galiin of dandeessisuun sagantaa nyaata barattootaa deeggarsa jalaa hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa Magaalichaa ibseera. Magaalichatti manneen Barnootaa keessatti inisheetiivii qonna Magaalaa hojiirra oolchuun lafti hektaarri 14 qamadii fi xaafii misoomaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalichaa Obbo Addunyaa Caakkaa ibsaniiru. Bara kana lafa manneen barnootaarratti qamadii hektaara 6 fi xaafii hektaara 8 faca'e misoomaa jirurraa callaa gaariin kan abdatamu ta'uus himaniiru. Magaalichaatti sagantaa nyaata barattootaa deeggarsa jalaa baasuu qofa osoo hintaane, manneen barnootaa galiin of dandeessisuuf inisheetiiviwwan qonna magaalaa kanneen akka misooma midhaanii, horsiisa lukkuu, horii aannanii hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jirus Obbo Addunyaan himaniiru. Tiraanisfoormeeshinii barnootaa hojiirra oolchuun qulqullina barnootaa mirkaneessuun lammii baratee gahumsa, beekumsaa fi naamusa gaarii qabu horachuuf bulchiinsa magaalichaatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Addunyaa dubbataniiru. Magaalichatti bara barnootaa 2018 kanatti barattoota kuma 9 fi 304 ta'aniif nyaatni dhiyaachaa jiras jedhamuusaa waajjira komunikeeshinii bulchiinsa magaalaa Hoolotaatu gabaase.
Godina Wallaga lixaatti Ruuzii facaasaa Gannaa misoome irraa caallan kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 7 ol ni eegama
Nov 12, 2025 115
Sadaasa 3/2018(TOI)- Godina Wallaga Lixaatti ruuzii facaasaa gannaa misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 7 ol akka eegamu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, qonna Gannaan lafti hektaarri kuma 460 kan misoome yoo ta’uu kana keessaa hektaarri kuma 162 ol ruuziin misoomeera. Lafa ruuziin misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 5 fi kuma 740 ol walitti qabama jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Mootummaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf innisheetivota qonnaa bocaman keessaa misoomni ruuziin tokko ta’uu kaasuun, misoomichi omishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisa jira jedhaniiru. Misooma ruuzii bu’aa qabeessa taassisuuf dhiheessii galtee fi deeggarsi ogeessa qonnaa cimee itti fufuu obbo Fayyisaan dabaluun ibsaniiru. Qonnaan bulaan hojii kunuunsa misooma ruuzii cinaatti qophii misooma jallisii qamadii boneef taassisuuf omisha gannaa dafee bilchaate haala qisaasama hir’isuun akka walitti qabuuf deeggarsa tassiaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru. Qonnaan bultoota misooma ruuziiratti hirmaatan keessaa Obbo Geetahuun Guutataa akka jedhanitti, hubannaa ogeessota Qonnaarraa arganneen hojii misooma ruuziiratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Midhaanicha kilaastaraan misoomsuurra darbee to’annoo Aramaa fi ilbiisotaa waliin gaggeessuun midhaan ruuziirraa callaa kuntaala 40 ol walitti qabuuf karoorsuusaanii ibsaniiru. Ammaan dura misooma bunaarratti qofa daanga’anii turuusaanii fi jireenyisaanii nyaatarra akka hin darbine yaadachuun, hubannaa amma argataniin misooma Ruuzii fi jallisi boneen midhaan adda addaa omishuun galiinsaanii guddachuu dubbataniiru. Qonnaan bulaa biroon Yooseef Mulunaa gamasaaniin, amman dura boqqolloo kan omishan dabalatee misooma ruuzii oomishuun fayyadamummaansaanii guddachaa dhufuu eeraniiru. Innisheetivonni Misooma qonnaa bocamanii hojjetamaa jiran fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaa mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii midhaan ruuzii gannaa cinaatti misooma jallisii boneef hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Malli qonnaa kilaastaraa oomisha keenya guddisaa jira-qonnaan bultoota aanaa Calliyaa
Nov 12, 2025 106
Sadaasa 3/2018 (TOI)-Malli qonnaa kilaastaraa oomisha isaanii dabaluun fayyadama dinagdee isaanii guddisaa akka jiru gqonnaan bultoonni aanaa Calliyaa dubbatan. Hooggantoonni, hojjettoonnii fi qonnaan bultoonni aanichaa Xaafii heektaara 73 irratti Kilaastaraan misoome har’a daawwataniiru. Qonnaan bultoonni TOI’f yaada kennan akka jedhanitti waggoottan darban Xaafii mala qonnaa kilaastaraan facaasuusaaniitiin oomishnisaanii dabaleera. Qonnaan bultoota misooma kanarratti hirmaatan keessaa Taarikuu Xannuu akka jedhanitti, qonni kilaastaraa aanichatti erga eegalamee asitti oomishnisaanii dabaleera. Yeroo ammaa mala qonnaa kilaastaraa fayyadamuun Xaafii misoomsuun oomishtummaasaanii guddisuusaanii eeraniiru. Qonnaan bulaan Girmaa Dichee yaada kennaniin, kilaastaraan gurmaa’anii Xaafii kilaastaraan oomishuu osoo hin eegaliin dura heektaara tokkorraa kuntala 10 qofa argachaa akka turan ibsaniiru. Yeroo ammaa garuu Xaa’oo fo sanyii filatamaatti fayyadamuun gara kuntaala 25tti guddifachuusaanii dubbataniiru. Muuxannoo kanatti gargaaramuun ganna darbe Xaafii kilaastaraan facaasuun oomisha fooyya’aa argachuuf kunuunsaa akka jiran dabalanii dubbataniiru. Bulchaan aanaa Calliyaa obbo Cimdii Raggaasaa akka jedhanitti, aanichatti qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 26 fi 616 midhaan garagaraan kan misoome yoo ta’u kana keessaa heektaara kuma 9 fi 636 irra Xaafiin facaafameera. Qonnaan bulaan Xaafii dabalatee midhaan biroo kilaastaraan misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun faayidaa dinagdeesaanii mirkaneessuuf hojjetamuu dubbataniiru. Daawwannaan kunis misooma Xaafii kilaastaraa jajjabeessuu fi qonnaan bultoonni hojii kana keessa hingalle muuxannoo akka argatan gochuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.
Asheetni bunaa toonii kuma 2 fi 96 ol hanga ammaatti walitti qabameera
Nov 12, 2025 122
Sadaasa 3/2018(TOI)-Bara Baajataa 2018tti hojii hanga ammaatti hojjetameen Bunni Asheetni tooniin kuma 2 fi 96 tuqaa 37 walitti qabamuu Qajeelchi Qonnaa Walayittaa beeksise. Bara baajatichaatti buna toonii kuma 7 fi 880 walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu Itti Aanaa Waajjira Qonnaa Godinichaa fi itti gaafatamaan damee buna fi mi’eessituuwwanii Ke’aabnehi Tasfaayee TOI’f Ibsaniiru. kanaanis hanga ammaatti bunni Asheenni toonii kuma 2 fi 96 tuqaa 37 walitti qabamuu ibsuun, yeroo ammaa bunni gara gabaa giddu galeessaatti ergamu bakka gurgurtaa adda addaatti walitti qabamaa jiraachuu dubbataniiru. Gama biroon kan dhiqame tooniin 8 tuqaa 9 akkasumas kan hin dhiqamne kan qishirame tooniin 343 tuqa 5 gabaa gidduu galeessaaf ergamuu ibsaniiru. Yeroo ammaa qisaasamni akka hin jiraanne buna bilchaate jala jalaan qindoominaan walitti qabamaa jiraachuu kaasaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
Baatii sadan darban Godina Shawaa Bahaatti namoota kuma 40’f carraan hojii uumameera
Nov 11, 2025 164
Sadaasa 2/2018 (TOI)- Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti dameelee hojii garagaraatiin namoota kuma 40 ta’aniif carraan hojii uumamuusaa waajjirri hojii fi ogummaa godinichaa ibse. Hoohhanaan waajjirichaa obbo Habtaamuu Abdataa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti namoota hojii hin qabne hojii qabsiisuuf hojjetmaa jira. Kanneen hojii hin qabne adda baasuun keessumaa Yunivarsiitii fi kolleejotarraa kan eebbifaman dabalatee kanneen hojii barbaadan biroof leenjiin ogummaa daldalaa fi intarpiruunarshiippii kennamuu wabeeffataniiru. Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018tti dameelee hojii garagaraatiin namoota kuma 40 ta’aniif carraan hojii uumameera jedhan. Carraan hojii kan uumameef keessaa hidhattoonni duraanii waamicha mootummaa fudhatan keessatti argamu jedhaniiru. Haala Kanaan dargaggoonni aanaalee Aqaaqii, Adaamii Tulluu, Ada’aa, Lumee fi aanaalee godinichaa biroo waamicha nagaa fudhatan carraa kanatti fayyadamuusaanii ibsaniiru. Carraan hojii kan uumame dameelee daldala, loon horsiisuu fi gabbisuu,damee qonnaa, albuuda, Maanufaakchariingii fi ijaarsaan ta’uu dubbataniiru. Dargaggoota hojii eegalaniif lafa qonnaa dabalatee bakki hojii fi gurgurtaa karaa aanaalee, magaalotaa fi gandootaa kennamuufii dubbataniiru. Dargaggoota godinichatti hojii hin qabnee fi hojiitti gala jiraniif liqaa birrii miiliyoona 600 caalu dhiheessuuf karoorfamee amma ammaatti liqiin birrii miiliyoona 100 ol kennamuu ibsaniiru.
Magaalota jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa jira
Nov 11, 2025 182
Sadaasa 2/2018(TOI)- Magaalota Itiyoophiyaa jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Foramiin magaalotaa 10ffaan Sadaasa 6 amma 10 bara 2018tti naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti ni kabajama. Ministirri magaalaa fi misooma bu’uraa Caaltuu Saanii kbaja ayyaanichaa ilaalchisuun gaazexeessotaaf ibsa kennaniiru. Ministirri kun ibsa kennniin foramii magaalotaa 10ffaa irratti magaalonni 150 caalanii fi magaalonni obbolaa biyyoota ollaarraa dhufan akka hirmaatan dubbataniiru. Foramichi mata duree “Guddinni magaalotaa ga’oomuu Itiyoophiyaaf” jedhuun akka kabajamuu fi hojiileen mootummaan magaalota ammayyeessuuf itti jiru irratti mariin fi muuxannoon akka qoodamu ibsaniiru. Magaalonni guddinoota hundaa fi agarsiiftuu badhaadhinaa ta’uusaanii kaasanii, magaalota agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ibsaniiru. Bu’ura misoomaa magaalotaa guutuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaaf ammoo misooma kooriidaraa wabeeffataniiru. Misoomni Kooriidaraa magaalota 73 ol keessatti hojjetamaa jiraachuu eeranii, magaalonni jiraataaf mijataa fi galii dabalataa akka argamsiisan mootummaan hojjechaa jira jedhaniiru Karoora misoomaa waggaa kudhaniin wal qabatee hojiin magaalonni hojjechaa jiran ilaalchisee mariin akka gaggeeffamu eeraniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 147 ol irratti jallisii bonaan qamadii misoomaa jira
Nov 11, 2025 99
Sadaasa 2/ 2017 (TOI)-Godina Arsii Lixaatti lafa hektaara kuma 147 fi 500 irratti jallisii bonaan aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadiin misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise. Karoora imala badhaadhinaa qabame dhugoomsuu fi dinagdee qulqullina qabu karaa itti fufinsa qabuun mirkaneessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuun murteessaa ta’uun ibsameera. Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf immoo waqtiiwwan oomishaa hundi hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uun . Hoogganaan Waajjira Qonnaa godinichaa Dr. Abdullahii Beekaa, qonni keenya kaleessa rooba qofa irratti hirkatee ture yeroo ammaa jallisii bonaatiin deeggaramuun bu'aan jajjabeessaan mul'achaa jiraachuu eeraniiru. Godinichatti badhaadhina milkeessuuf bona jallisiin ganna roobaan oomishuun wabii nyaataa milkeessuuf xiiqiin hojjatamaa jiraachuu kan himan Dr.Abdullahiin, aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadiin facaafamaa jiraachuu dubbataniiru. Akka Aanaa Nageellee Arsiittis barana hojiileen qonnaa bal'inaan hojjatamaa Kan jiru yemmu ta'u, oomisha gannaa cinatti bonas jallisiidhaan lafa hektaara kuma 35 fi 500 ol irratti gandoota aanichaa shan keessatti jallisiidhaan qamadii misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu bulchaa aanichaa Obbo Ganamoo Bariisoo himan. Qonnaan bultoonni hojii misoomaa qamadii jallisii bonaa irratti bobba'uun hojjachaa jiranis carraa mootummaan isaaniif babal'isetti gargaaramuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyessuuf jabaatanii kan hojjatan ta'uu dubbachuusaanii biiroo qonnaa godinichaa wabeeffachuun waajjirri komunikeeshinii godina Arsii Lixaa gabaaseera.
Godina Baaleetti Omishaa fi Qulqullina Bunaaf Xiyyeeffannon kennameera
Nov 11, 2025 132
Sadaasa 2/2018(TOI)- Godina Baaleetti omishtummaa bunaa guddisuun Omisha qulqullina qabu gabaa gidu-galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse. Godinichi Buna Sanyii fooyya’aa qabu buna bosonaa dabalatee sanyiiwwan bunaa Qorannoo Qonnaraa argaman bal’inaan omishuun gabaa giddu-galeessaaf dhiheessuun ni beekama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Geetaachoo Abbabaa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti omishtummaa fi qulqullina bunaa eegsisuun callaa fooyya’aa gabaa giddu-galeessaaf erguuf hojjetamaa jira. Omishtummaa bunaa guddisuuf biqiltuuwwan buna dullooman hektaara kuma 2 fi 500 ol gamashuun biqiltuuwwan haaraan bakka buufamuu ibsaniiru. Qonnaan Bulaan qulqullina bunaa eegsisuuf Buna Diimate qofa akka funaanan, siree shiboorratti yookiin oobdii simmintoorratti akka gogsu hubannan kennamuu ibsaniiru. Godinichatti Aanaawwan Buna Omishanitti Qonnaan bultoonni kuma 26 caalaan Misooma Bunaarratti hirmaachuusaanii kan ibsan immoo waajjirichatti Dursaa Garee Misooma Bunaa fi kuduraalee obbo Wandasan Naggaa ti. Keessumaa omishtummaa dabaluuf hektarra irraa argamaa kan ture kuntaala 9 tuqaa 2 gara 10tti guddisuun bara omishichaatti buna kuntaala kuma 437 omishuun toonii kuma 15 gabaa giddu-galeessaaf dhiheessuuf gara hojii qabatamaatti seenuu dubbataniiru. Misoomicharratti kan bobba’an keessaa qonnaan bultota Aanaa Dalloo Mannaafi Harannaa keessaa Obbo Huseen Abdallaa fi obbo Mhimuud Bakkar yaada kennaniin, misooma bunaarratti leenjiin hojii qabatamaarratti hundaa’ee kenname adeemsa omishaarratti jijiirama gaarii fiduu dubbataniiru. Godina Baaleetti lafti hektaarri kuma 68 ol ta’u Biqiltuuwwan Bunaa kan dhaabbate ta’uu odeffannoon waajjira qonnaa godinichaarraa argame ni mul’isa.
Daandii Magaalittii mijataa taasisuuf pirojektoonni ijaarsaa 110 ol xiyyeeffannoo addaan hojjetama jiru
Nov 11, 2025 96
Sadaasa 2/2018(TOI)-NageenyaDaandiimagaalichaa eeguuf akkasumas sochii mijataa fi si’ataa taassisuuf ijaarsaa haaraa fi suphaawwan adda addaa bara baajatichaatti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jirachuu AbbaanTaayitaa Daandiiwwan Magaalaa Finfinnee beeksise. AbbaanTaayitichaaOlantummaanIjaarsabu’uuraalee Misoomaa Magaalichaa hojjechuu, suphuu fi Bulchuuf itti gaafatamummaafudhatee hojjechaajiraachuu Itti Gaafatamaan Sub-Quunnamtii Abbaa Taayitichaa Iyyaasuu Salamoon TOI‘f ibsaniiru. Bu’uuruma Kanaan yeroo ammaa pirojektoonni ijaarsa adda addaa111 ta’an hojiirratti akka argaman eeruun, isaan keessaa pirojektoonni ijaarsaa 31 ta’an haaraawaa ta’uusaanii ibsaniiru. Pirojektoonni hundi waliigala KM 291 tuqaa 8 akka dheratu kan ibsan obbo Iyyaasuun, baasii Birrii Biiliyoona 30 tuqaa 4 ol akka taassifamu mirkaneesaniiru. Nageenya Daandii magaalittii eeguuf akkasumas sochii mijataa fi si’ataa taasisuuf hojiiwwan suphaa daandii bara baajatichaatti xiyyeeffannoo guddaan kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Waliigala ijaarsaa fi suphaan daandii hojjetamaa jiru sochii tiraafikaamijataa taasisuurra darbee yeroo imalaa gabaabsuun akkasumas boba’aa qusachuurratti qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Sanyiin midhaanii jiddu galicharraa argannu ongee fi ilbiisa damdamachuun oomisha fooyya’aa akka argannu nu taasiseera-Qonnaan bultoota aanaa Baambaasii
Nov 11, 2025 53
Sadaasa 2/2018(TOI)- Sanyiin midhaanii jiddu galeessa qorannoo qonnaa Asoosaarraa argannu ongee fi ilbiisa damdamachuun oomisha fooyya’aa akka argamsiisan qonnaan bultoonni aanaa Baambaasiiibsan. Sanyiin Boqqoolloo "BH-520" (Nada) jiddu galichi qorannoon baasee oyiruu qonnaan bulaarratti beeksisuuf misoomse qonnaan bultootaa fi ogeeyyota qonnaan daawwatameera. Qonnaan bultoonni daawwannaa kanarratti hirmaatan akka dubbatanitti, sanyiin midhaanii jiddu galeessi qorannoo qonnaa Asoosaa yeroo yeroon baasu oomisha guddisuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. Qonnaan bulaan jiraataa aanichaa ganda mandara 47 Hayiluu Bayyanaa fi Yeshiibirri Zagayyee sanyiin Boqqoolloo haaraa gandasaaniitti misoomaa jiru bokkaa fi ilbiisa damdamachuun oomisha fooyya’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan oomishasaa akka guddisu Jiddugalichi sanyii filatamaa yeroo yeroon baasu irraa fayyadamaa ta’aa dhufuusaa kaasaniiru. Daawwannaan ammaa kun hojii jiddu galeessichi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluun fayyadama dinagdee isaanii guddisuuf hojjechaa jiruuf muuxannoo fudhachuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jira
Nov 10, 2025 122
Sadaasa 1/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jiraachuu waajjirri Jallisii fi Horsiisee bulaa godinichaa ibse. Naannoon Oromiyaa bakkeewwan gammoojjiitti hongee fi sababoota isaan wal-qabataniin rakkoowwan mudatan itti fufinsaan dandamachuuf ijaarsi piroktoota jallisii xiqqaa fi gidduugaleessa gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera. Isaan keessaa kan Godina Gujii tokko yoo ta’u, Godinichatti waggoottan darban hidhawwan jallisii faayidaa adda addaa kennan ijaaramanii tajaajila kennaa jiraachuun ibsameera. Ijaarsi hidha jallisii lafa hektaara 520 misoomsan hojjetamaa jiraachuu waajjirri jallisii fi horsiisee bulaa wayita kana beeksiseera. Itti gaafatamaan waajjiricha Dr.Gadaa Shandoo ijaarsi hidhaa godinicha Aanaawwan Gammoojjiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gidduu galeeffatan ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godina Gujii 13 keessaa shan gammoojii bakka roobni itti xiqqaatuu fi beelladni hedduumminaan itti horsiifamanidha jedhaniiru. Ijaarsi Hidhawwan jallisii hojjetamaa kan jiru Aanaawwan shan Boree, wadaraa, sababooruu fi Garjaatti Aanaawwan hanqinni roobaa jiran ta’uu kaasaniiru. Hidhi jallisii kun yeroo xumuraman lafa hektaara 520 ol jallisii ammayyaan misoomsuuf gargaaran eeruun ijaarsichi giddugaleessaan dhibbantaa 50 hanga 92 ga’uu dubbataniiru. Mootummaan Naannichaa Pirojektii Ijaarsa Hidha jallisiif baajata waliigalaa birrii miiliyoona 457 ol ramaduu ibsuun adeemsi ijaarsa pirojektoonni jallisii yeroo gabaabaa keesatti xumuruun tajaajilaaf geessisuuf duulli taassifamaa jira jedhaniiru.
Sanyii filatamaa Qamadii fi xaa’oo Jallisii Boneef bal’inaan dhihaachaa jira–Ministeera Qonnaa
Nov 10, 2025 106
Sadaasa 1/2018(TOI)-Bara Baajataa 2018 Omishaa fi omishtummaa Qamadii kan guddisan dhiheessiin sanyii filatamaa fi xaa’oo bal’inaan raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera. Ministeerichi lafa hektaara kuma 767 ol qotuun kana keessaa lafa hektaara 359 ol sanyiin facaafamuu ibsaniiru. Misooma Jallisii qamadii Boneen wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee aadaa hojii Qotee bulaa Jijiiruun waggaatti yeroo lamaa ol misoomaa jira. Jijiirama biyyoolessaa booda misooma qamadiif xiyyeeffannoo addaa kennuun misooma jallisii bonee dabalatee omishaa fi omishtummaanqamadii sadakaa olaanaan dabaleera. Ministeera Qonnaatti hojii raawwachiisaa olaanaan Misooma midhaanii Isayaas Lammaa TOI’f akka ibsanitti, Misooma Jallisii Qamadii Bonee bara 2018’f lafti hektaarri miiliyoona 4 tuqaa 29 qotamuun callaa kuntaala miiliyoona 175 argachuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Bara kana qamadii jallisii bonee kan bara darbe turerra hektaaraa miiliyoona 3 tuqaa 5 caalmaa qabaachuu ibsaniiru. Jallisii Qamadii bonee bara kanaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 767 ol qotamuun lafti hektaara kuma 359 ol sanyiin facaafamuu eeraniiru. Kanaanis sadarkaa biyyoolessaatti Jallisii Qamadii Boneen muuxannoo argame caalaatti guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun haala danda’amuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaafis dhiheessii xaa’oo biyyee, sanyii filatamaa fi paampii bishaanii qaqqabamaa ta’uu ibsaniiru. Xaa’oo biyyee waliin wal-qabatee misooma gannaarraa kan hafee fi jallisiisf kan qophaa’e qotee bulaaf raabsamuu, sanyii filatamaan qamadii haala guutuu ta’een Qamadii jallisii boneef dhaqqabamaa ta’uu ibsaniiru. Qamadiin jallisii bonee waggaa gara waggaatti bu’aa guddaa galmeessisaa dhufuu duubbataniiru. Qamadiin nyaataan of danda’uun wal qabatee fi milkaa’ina akka biyyaatti qabameef agarsiistuu ta’uu eeraniiru. Galmi Qamadii jallisii bonee bara kana qabame akka milkaa’u ogeeyyiin deeggarsaa fi hordoffii akka cimsan waamicha dhiheessaniiru.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf qooda olaanaa gumaacha
Nov 10, 2025 147
Sadaasa 1/2018(TOI)-Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf akkasumas qooda riijinii olkaasuuf qooda murteessaa akka qabu miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Dr. Buzaayyoo Dagafaa ibsan. Qarqara galaanaa qaama Itiyoophiyaa ture dhabuuf waggaa 30 kan nutti fudhate gara ulaa galaanaatti deebi’uuf waggaa 30 akka hin fudhanne ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mana maree bakka bu’ootaa irratti cimsanii kaasuunsaanii niyaadatama. Gaaffii abbummaa galaana diimaa furuuf adeemsa tasgabbaa’aa, qalbii fi mariirratti hundaa’e hordofuun akka barbaachisu dubbatanii, dhamuuf yeroo fudhatame deebisuuf amma sana hin fudhatu jedhaniiru. Akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde bu’ura seeraa fi dhaabbilee kan hin qabne kan nama gaabbisiisu qama cabiinsa faayidaa biyyaalessaa ta’uu dubbataniiru. Miseensi mana maree bakka bu’ootaa Dr. Buzaayyoo Dagafaa, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde fudhataa seeraa fi seenaa hin qabu jedhaniiru. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf kan akeekame ta’uu ibsanii, itti fayyadama waloo riijinii kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin abbimmaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu sadarkaa idil addunyaatti fudhatama argachaa dhufuu eeranii, imala jijjiiramaa eegalte xumuraan gahuuf akkasumas guddinaa fi misooma biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii kaasaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuunshee ofirra darbitee biyyoota ollaa fi riijinicha akka deeggartu kan ishee dandeessisu ta’uu eeranii, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tumsa riijinii fi misooma anniisaaf gumaacha bahaa jiru fakkeenya kaasaniiru. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa carraa waliin guddachuu biyyoota riijinichaa kan guddisu ta’uu dabalanii ibsaniiru.
Dureeyyiin Zoonii dinagdee addaa Qilinxootti invast akka godhan haalli mijataan uumameera
Nov 8, 2025 397
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)- Dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa Zoonii dinagdee addaa Qilinxootti invast akka godhan haalli mijataan jiraachuu hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa kanaa obbo Tolasaa Badhaadhaa ibsan. Warshaan kosmotiksii dhaabbata dhuunfaa manufakchariingii kosmotiiksii Maatiwoos Mabaa zoonii dinagdee addaa Qilinxootti eebbifameera. Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo obbo Tolasaa Badhaadhaa wayita kana akka jedhanitti, dureeyyiin biyya keessaas ta’e biyya alaa zoonii bu’urri misoomaa guutame kana keessatti damee qorichaa fi Faarmaasiiyuutiikaal irratti bal’inaan akka bobba’an dhaamaniiru. Yeroo ammaa zoonii dinagdee addaa kana keessatti namoota kuma 4 fi 700 oliif carraan hojii dhaabbataa fi yeroo uumamuu dubbataniiru. Kaampaaniiwwan garagaraa qorichan fi oomishaalee Farmaasiiyutikaalii biyya alaatii galan bakka buusuuf zoonii dinagdee addaa kana keessatti oomishaa akka jiran dubbataniiru. Abbaan dhaabbatichaa fi dhaabbata dhuunfaa maanuufaakchariingii kosmotiiksii Maatiwoos Mabaa gamasaaniin, Warshichi marsaa jalqabaatiin birrii miiliyoona 100’n pirojekticha eegalchiisuusaa ibsaniiru. Warshichi oomishaalee kosmotiksii biyya keessatti oomishuun oomisha biyya alaarraa galu bakka buusuuf gumaacha taasisaa akka jiru ibsanii, humna guutuun yeroo hojiitti galu namoota 260’f carraa hojii dhaabbataa akka uumu dubbataniiru.
Godina Wallaga bahaatti Qonna Gannaa lafa hektaara kuma 13 olirraa midhaan gahe walitti qabamaa jira
Nov 8, 2025 231
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Wallaga Bahaatti Qonna Gannaalafa hektaara kuma 13 fi 800 irraa midhaan gahe haala qindaa’een walitti qabamaa jirachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Wallaga bahaa Obbo Darajjee Nagaasaa, Qonna Gannaan Lafa Hektaara kuma 13 fi 800 ol irratti midhaan gosa adda addaa misoomeera jedhaniiru. Kanaanis midhaan walitti qabaaf waan qaqqabeef haala mancaatii hir’isuun walitti qabamaa jiraachuu ibsuun, hanga ammaatti, lafa hektaara 800 olirraa walitti qabamuu dubbataniiru. Qonna gannaan kan Misoomerraa callaan kuntaalli miiliyoona 28 ol akka eegamu eeraniiru. Omisha walitti qabuurra darbee walitti hidhaminsa gabaa uumuun omishtoonni fayyadamoo akka ta’aniif omishasaanii waldaaleef akka dhiheessan taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti fufinsaan qamadii dabalatee hojiiwwan misooma jallisii birraa haala cimaa ta’een kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.
Sirna gabaa yaadama badhaadhinaan sirraa’e diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii misoomaa jiru-Hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa
Nov 8, 2025 147
Onkoloolessa 29/2018(TOI)- Sirna gabaa yaadama badhaadhinaan sirraa’e diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii misoomaa akka jiran hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa ibsan. Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwachaa jiru. Daawwannaa magaalaa Finfinnee bakkeewwan garagaraatti gaggeeffamaa jiruun pirojektoonni namarratti xiyyeeffatamanii hojjetamaa jiran daawwatamaa jiru. Gaaffii mana jireenyaa lammiilee deebisuuf filmaattita garagaraa kanneen akka liqii mootummaa, tola ooltummaan, bajata bulchiinsa magaalichaan, dureeyyiidhaan akkasumas dhuunfaa fi waldaan gurmaa’uun manneen akka ijaaraman gochuun gaaffii manaa deebisuuf hojjetamaa akka jiru ibsameera. Hojiileen manaa kun gaaffii mana jireenyaa deebisuun alatti lammiileef tajaajila hawaasummaa kennuu haala danda’aniin hojjetamuunsaanii ibsameera. Sirna qabaa yaadama badhaadhinaan sirraa’e diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii misoomaa akka jiran ibsameera. Kanneen ammoo caancala faddaalaa kutuun lammiileen kallattiin qonnaan bulaarraa oomisha akka argatan gochuun qaala’insa jireenyaa hir’isuun qooda olaanaa bahaa jiru.
Yaadamni magaalomsuu gochaan dabaalamuu eegale cimee itti fufa !
Nov 7, 2025 226
Biyyootni Addunyaa hedduun imaammata deemsa magaalomsuu sirnaawaa, hammataafi dorgomaa ta’e hojiirra oolchan yeroo gabaabaa keessatti guddina hunda galeessa galmeessuun milkaa’inaaf fakkeenya ta’uu danda’aniiru. Kanneen deemsa magaalomsuu sirnaawaa ta’e hordofuu dhabuun quucaraniifi dhabamanis jiraachuu seenaan guddina magaalotaa ni mul’isa. Seenaan magaalomsuu magaalota biyya keenyaa umurii dheeraa qabaatus sirnaawaafi hammataa ta’uu dhabuu isaatiin qormaata walxaxoon kan guutame, guddina irraa kan fagaateefi dhiibbaa sirnaawaan keessatti diriire ture. Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa magaalomsuu Oromiyaa keessa ture gad fageenyaan xiinxalaa kan dhufe yoo ta’u, sanaanis sirni ijaarsa magaalotaa kan lafa dhuunfatee nama dagate ta’uu isaa addaan baasuun danda’ameera. Imalli magaalomsuu ture kun xaxamiinsa hawaasummaaf dinagdee hamaa keessummeessaa kan dhufeefi hirmaachisummaas bu’uuraan kan looge ture. Kanaanis rakkoo hawaas-dinagdee hammeessuun jiraattota ganamaa ofirraa gaaga’ee dhiibbaa caasawaaf sirnaawaa ta’e namaafi naannoo irratti uumeera. Seenessa dabaa gochaan dabaalamee waggootaaf itti yaadamee irratti hojjetamaa dhufeen Oromoof sirni Oromoo jiddugala magaalaa irraa akka dhiibamu taasisuu bira darbee magaalaarraa fagaatee akka jiraatu taasiseera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa seenaa ijaarsa magaalaa bifa qeenxee lafti dhuunfatamee namni itti dagatame bifa tarsiima’aan qolachuuf modeela magaalomsuu haaraa hammattoo nama, lafaafi mootummaa magaalomsuutiin ergama maraammartoo seenaa kufaatii kana bu’uura irraa maksuun danda’amu hojiitti hiikaa jira. Imala kana milkeessuuf gurmaa’insi magaalota Oromiyaa kan gaggeeffame yoo ta’u, galmi isaa magaalaa jiraattota ganamaaf duudhaa isaa hammachuun jiruuf jireenya namaa fooyyessu, guddina dinagdee milkeessuun misooma magaalaa itti fufiinsa qabu dhugoomsu, damdamannaa naannawaa uumuun magaalaa ammayyaawaafi hammataa ta’e ijaaruu irratti kan xiyyeeffatedha. Adeemsa magaalomsuu keessaa tokko kan tahe lafa magaalomsuun modeela hanqinootaafi seenessa dabaa lafa magaalomsuurratti hojjetamaa ture bu’uura irraa maksuun bu’uuraalee misoomaa babaldhisuu, carraa sagantaa ijaarsa mana jireenyaa gatii madaalawaa uumuu, riifoormii to’annoo balfaa hojiirra oolchuu, ce’umsa dijiitaalaa dhugoomsuu, karoorafi itti fayyadama lafaa ammayyeessuu, walsima namaafi naannawaa uumuu irratti ejjennoo qajeelaafi hammataa ta’e qabachuun magaala jireenya ilma namaaf mijaawaa ta’e ijaaruudha. Kanaafis tarkaanfii haaraan misooma Koridarii hammattoo roga milkaa’inaa magaalomsuu sadarkaa olaanaatti bifa ammayyaa’aan ceesise dorgomtummaafi miidhagina magaalotaa kan mirkaneessedha. Hammattoon modeela magaalomsuu Oromiyaa xiyyeeffannoon kennameef kan biraan nama magaalomsuudha. Ummata keenya keessaa, jiraataan magaalaa % 21 qofaa yoo ta’u innumtuu amalaafi ilaalama magaalummaa kan hin gonfannedha. Kanaanis Ogummaa bizinesii irraa kan fagaateefi aadaa qusannaa kan hin gabbifanne ta’ee jiraata. Kana malees, kalaqummaatti madaquun teknoolojiifi daldala waliin tarkaanfachuu irratti danqaa hamaatu jira. Imala modeela magaalomsuu kanaan maraammartoo keessa turre keessaa dammaquun amalaafi ilaalama akkasumas mala jireenya magaalaatti uummata keenya madaqsuuf kan hojjetamudha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa qusannaa, horata ogummaa, kalaqoomsuu, itti fayyadama teknoolojiifi ilaalama dhaweessummaa jajjabeessuun nama magaalomsuuf hojii eegale cimsee itti fufa. Galmoota tarsiimo’aa magaalomsuu Oromiyaa inni sadaffaan mootummaa magaalomsuu yoo ta’u, innis kenniinsa tajaajilaa bara waliin deemu sirnoomsuun kan ibsamudha. Riifoormiin caasawaa hojiirra oolfame keessaa ijoon kenniinsa tajaajila mootummaa hundagaleessa mirkaneessuu, dhaqqabamaafi itti quufinsa kan mirkaneessu taasisuudha. Kunis imala mootummaa magaalomsuun kan milkaa’u yoo ta’u rakkoolee kenna taajaajilaa furuun tajaajila dijiitaalaa hojiitti hiikuu, adeemsa bulchiinsaa fooyyessuufi hirmaachisummaa lammilee guddisuu irratti kan fuulleffatedha. Rincicummaa damee kanarra jiru galmoota tarsiima’oo magaalomuu kan qoru ta’us hordoffiifi deeggarsa barbaadamu taasisuun magaalomsuu bu’uuressuuf kutannoon hojjetama. Mijatummaa hojii biisinasiitiin naannoon keenyaa sadarkaa jalqabaarra kan jiru ta’us gatachiisa biizinasiitiinis naannoon keenya qormaata keessa jira. Kanaaf mootummaa interpirunaraa ijaaruufi magaalumuutti sirnaan madaquun dorgommii addunyaan keessa jirtu waliin tarkaanfachuuf mootummaa magaalomsuu irratti kutannoon hojjetamaa jira. Dorgommii Addunyaan keessa jirtu keessatti injifannee argamuufi galma imala badhaadhinaa qabanne milkeessuuf lafa, namaafi mootummaa magaalomsuun dhimma egereef hin bulfamne taasisuun hunduu gumaata irraa eegamu taasisuu qaba. Imalli Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu magaalomsuu mirkaneessuun galma kan ga’u waan ta’eef uummatni naannoo keenya gumaacha irraa eegamu akka taasisu waamicha dhiyeessina. Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Onkoloolessa 2018 Finfinnee
Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa walitti hidhaminsa Riijinii cimsuun fayyadamummaa waloo kan mirkaneessudha
Nov 7, 2025 120
Onkoloolessa 28/2018(TOI)- Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa tumsa riijinii cimsuun fayyadamummaa waloo kan mirkaneessu ta’uu waldaaleen Siivikii ibsan. Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad yeroo darbe mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaaffii dhihaateef deebii kennaniin dhimmi ulaa galaanaa seera qabeessa, seenaa qabeessa, haala teessuma lafaa fi dhimma Diinagdee ta’uu ibsaniiru. Pirezidaantiin Konfedereeshinii waldaa hojjettoota Itiyoophiyaa obbo Kaasahun Foolloo TOI’f akka ibsanitti, gaaffiin Abbummaa Ulagaa Galaanaa isheerra darbee biyyoota riijinichaa fayyadamoo tassisa. Guddina Ariifataa Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu itti fufinsa akka qabaatu gochuuf gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa deebii argachuu qaba jedhaniiru. Dhimmi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa kan ture ta’uu kaasuun, gaaffichi haqa qabeessa, Seera Idil-Addunyaa kan hordofee fi gaaffii Misoomaa Hawaasaa bu’uura godhate ta’uu ibsaniiru. Pirezidaantiin waldaa barsiisota Itiyoophiya Dr.Yohaannis Bantii gamasaaniin, gaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa haqa qabeessa ta’uu kaasaniiru. Gaaffiin Abbumaa ulaa galaanaa uumamma ta'uu obbo kaasahuun, nagaa fi tasgabbiin gaanfa Afriikaatti akka bu’uuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa kennanii fudhachuun, dippilomaasii fi haala waliigalteen deebii akka argatu biyyoonni naannichaa deeggaruu qabu jedhaniiru. Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii jiraachuu ta’uu Dr.Yohaannis Bantii ibsaniiru. Gaaffiin Abbummaa Ulaa galaanaa waloon misoomuun jireenya hawaasaa fooyyessuu fi walitti hidhaminsa riijinii uumuu akka qabu kaasuun qaamni hundi qajeelummaan ilaaluu qaba jedhaniiru.
Guddina hunda galeessa Magaalaa Finfinneetti argine baay’ee dinqisiiffanneerra
Nov 7, 2025 103
Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Guddina hunda galeessa Magaalaa Finfinneetti argan baay’ee dinqisiiffachuusaanii hirmaattonni yaa’ii waggaa sagantaa beelladaa idil addunyaa ibsan. Hirmaattonni Sagantaan Yaa’ii waggaa bineensota Bosonaa Addunyaa misooma hunda galeessa Magaalaa Finfinnee daawwataniiru. Daawwattoota keessaa namoota TOI’n dubbise Keeniyaa irraa kan dhufan Viikter Masiiziiyaa, Magaalaan Finfinnee jijiirama guddaa keesa jiraachuu eeranii, baay’ee kan miidhagde taatee arguusaanii dubbataniiru. Damee Diinagdee fi Hawasummaan jijiiramoonni guddaan galmaa’uusaanii akka argan ibsuun, keessumaa hojiiwwan Misooma Koriidaraan hojjetaman miidhagina Magaalicha dabaluusaa ibsaniiru. Hawaasichi haala itti keessummaa simatu dinqisiifachuun gara fuula duraatti Magaalota deddeebi’uuun daawwatan keessaa tokko taa’uu himaniiru. Kan biroon chaayinarraa kan dhufan Jiidaa Dii gamasaaniin, Magaalaan Finfinnee yeroo yerootti jijjiirama haaraa kan argan Magaala magariituu ta’uu ragaabahaniiru. Bakkeewwan bashannanaa hedduun hojjetamuusaanii ibsuun, kunis haala jireenyaa kan jijjiiran ta’usaanii dubbataniiru. Magaalaan Finfinnee yeroo ammaa Magaalaa Afrikaanota Boonsitu ta’uushee kan ibsan immoo daawwataa biraa Angoolaarraa dhufan Noyitiin Tu dha. Daawwataan Kanaadaarraa dhufan Joorji Staad gamasaaniin, paarkii tokkummaa dabalatee bakkeewwan magaalichaa hedduu daawwachuusaanii dubbataniiru. Magaalota Addunyaa Ammaan dura arge keessaa Magaalaan Finfinnee hundishee miidhagduu fi kan dinqisiifatamtu taatee arguu ibsaniiru. Itiyoophiyaan baay’ee adda kan jedhan Indooneejiyaa irraa kan dhufan Leesii Yaaser dha. Magaalaa Finfinneetti bakkeewwan turizimii babal’achuu eeruun, magaalaa dinqisiifamtu haalli jireenya hawaasaa itti jijjiirame ta’uu eeraniiru. Sagantaa daawwanicha kan qopheesse Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinneetti.
Hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo nannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraa daawwachaa jiru
Nov 7, 2025 141
Onkoloolessa 28/2018 (TOI)- Hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo nannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraa daawwachaa jiru. Bakkeewwan daawwataman keessaa hojiin misoomaa godina Shawaa bahaa aanaa Booraatti hojjetamaa jiru isa tokkodha. Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Dr. eErgoogee Tasfaayee daawwannicharratti akka jedhanitti,adeemsa dinagdee heddumminaa eegaluun keenya Badhaadhina milkeessuuf karaa sirriirra jiraachuu keenya agarsiisa jechuun dubbataniiru. Adeemsa Badhaadhinaa keessatti baadiyyaa ceesisuu fi ammayyeessuuf xiyyeeffannaan kennamuu kaasanii, qonnaan bulaan kan nyaatee bulu oomishuurra darbee adeemsa walabummaa nyaataa mirkaneessuuf taasifamu keessatti qooda guddaa qaba jedhaniiru. Tiraanisfoorneeshinii baadiyyaa keessatti oomishuurra darbee gabaa alaaf amma dhiheessuutti kan fulla’u ta’uu hubachiisaniiru. Baadiyyaa fi magaalaa walitti fiduuf hojiin hojjetame wanti gaariin jiraachuu kan agarsiisedha jechuun ibsaniiru.