Lammiilee deeggarsa barbaadan dandamachiisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Koomiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise
Yahoo/Inbox
  • ashu best <bestashu995@gmail.com>
    To:serbessafida@yahoo.com
    Aug 8 at 9:11 AM

    suura qaba

    Lammiilee deeggarsa barbaadan dandamachiisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Koomiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise 

     

    Finfinnee Hagayya 02/2011(TOI) - Lammiilee deeggarsa barbaadan dandamachiisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Koomiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise.

    Lammiilee balaa uumamaa fi nam tolcheen rakkoof saaxilamaniif deeggarsi barbaachisaan dhiyaachaa jiraachuusaa itti aanaan koomiishinara Koomiishinii Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa obbo Garramuu Oliiqaan ibsaniiru.

    Yeroo ammaa naannoo Oromiyaatti namoota miiliyoona 2.4 ta'aniif dhaabbataan deeggarsi taasifamaa jiraachuu obbo Garramuun ibsaniiru.

    Buqqaatota miiliyoona 1.4 ta'aniifis deeggarsi taasifamaa jirachudha kan ibsan.

    Buqqaatoota miiliyoona 1.4 keessaa miiliyoonni 1.1 guutummaan deebi'anii kan qubatan yoo ta'u, bakka qubatanitti hanga of danda'anitti deeggarsi ni taasifamaaf.

    Oromiyaatti buufataaleen deeggarsaa 500 ta'an akka jiranii fi sadarkaa federaalaarraa kaasee hanga gandaatti mana maree hoggansa sodaa balaa dhaabbateen qulqulleessuun deeggarsi taasifamaafii jiras jedhan itti aanaan koomiishinarichaa.

    Deeggarsi taasifamu ji'a jahaan qorannoodhaan adda baasuun walitti fufiinsaan godinaalee hunda keessatti karaa wal fakkaatun taasifamaa jiraachuusaa itti aanaan koomishinarichaa dubbataniru.

    Yeroo ammaa sadarkaa naannoottis ta'e akka biyyaatti beelli akka hin jirre himaniiru.

    Deeggarsa gama mootummaa fedaraalatiin taasifamaa jiruun alatti bara kana mootummaan naannoo Oromiyaa baajata ofeeggannoo Birrii miiliyoona 65 ramaduun midhaan nyaataa bitame iddoowwan hanqina nyaataaf saaxilamoo ta'anitti ofeeggannoodhaf qaqqabuusaa himaniiru.

    Godinaalee tokko tokko keessatti rakkoo daandiidhaan wal qabatee harkifannaan guyyoota muraasaa darbee darbee mudachaa jiraatus, karaa qindoomina qabuun deeggasi taasifamaa jiraachusaa obbo Garramuun himaniiru jechun Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa beeksiseera.

    .