Imaammata Dhimma Alaa fooyya’e irrati mariin tasifame

76

Finfinnee hagayya  27/2012(TOI)- Mata duree ‘Ergama dipilomaasii badhaadhina biyya keenyaaf’ jedhuun walgahiin waggaa hoggantoota ministeera dhimma Alaa ,hoggantooota misiyoonotaa,wixinee immammata dhimma alaa qophaahe irratti mariyatan.

Leenjicha irratti  Ministirri Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andargaachoo akka jedhanitti mariin kun imaammatichi ragga’uun dura si’a dhumaaf hoggantooni ministeerichaa sadarkaan jiraniif misiyoononni yaadaan akka gabbisaniif jedhan.

Immaammata fooyya’e  irratti misiyoononni hubannoo gahaa argatanii hojii isaanii milkahinaan akka raawwatanifis gahee guddaa qaba jedhan.

Sanadni kun yeroo itti aanu qooda fudhattootaan mariin erga taasifamee booda ni ragga’a jedhamee eeggama jechuun odeeffannoon waajjira Ministeera Dhimma Alaa ni mullisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015