Lammiileen Itoophiyaa 165 Libanosii gara biyyaa deebi’an

68

Finfinnee Hagayya 25/2012(TOI)- Libanositti haala rakkisaa keessa kan turan lammiileen Itoophiyaa 165 har’a gra biyya isaanii deebi’an.

Lammiileen Itoophiyaa kunneen gara biyya isaanii kan deebi’an deeggarsa namoonni dhuunfaa,dhaabbilee deggartootaa,fi namoonni gurmaahuun taasisaniin jedhame.

Daandiin qillensa itoophiyaas gatii tikeeta lammiilee kanaaf hirrisee jira.

Yeroo itti aanu lammiileen 243 baasii ofii isaaniin gara biyyaa ni deebi’u jedhame.


lammiilee 650 ta’antu gara biyya isaanii deebi’uuf galmaahe.

Mootummaan rakkoo hawasummaa fi dinagdee libanositti mudateen walqabatee lammiileen gara biyya isaanii akka galan sochii gochaa jiras jedhame.

Ji’a onkololeessa 2012 irraa eegalee hanga yoonaa lammiilee 2300 Libaanos irraa gara biyyaa galchee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015