Ijaarsa hidha haromsaaf birriin miliyoona 80 walitti qabame

88

Finfinnee, Hagayya 24, 2012(TOI) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaaf Birrii miiliyoona 80 walitti qabuu beeksise.

Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Damee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hidhichaaf bara baajataa 2012tti Birrii miiliyoona 100 walitti qabuuf karoorfatee Birrii miiliyoona 80 walitti qabuu beeksise.

Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddicharratti keessattuu Kutaa Bulchiinsoota Magaalaa Qaallitiifi Lidataatti galiin guddaa walitti qabamuus ibseera.

Hojiin maallaqa walitti qabuu kun gara fuulduraattis kutaalee bulchiinsaa kanneen biroo keessatti cimee akka itti fufu walittiqabaan boordichaa obbo Zhaanxiraar Abbay beeksisaniiru.

Galma gahuu dhabuu karoora kanaaf akka sababaatti COVID_19 biyya keessa galuun walqabatee dhiibbaa dhufeedha jedhan.

Bara baajataa 2013 dhufu Birrii miiliyoona 734 walitti qabuuf karoorfameera jedhan.

Gutiinsi bishaanii Hidha Haaromsaa erga marsaan 1ffaa gaggeeffamee as hawaasa biratti kaka’umsi cimaan uumamaa jiraachuus himaniiru.

Waancaa galii walitti qabaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Bulchiinsi Magaalichaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti osoo hinkennin dura galii fooyya’aa akka walitti qabuu danda’anis himaniiru.

Galii karoorfame kanas galmaan gahuuf gara fuulduraatti Artiistoonniifi namoonni bebbeekkamoon walitti dhufuun hojiin akka hojjetamus hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015