Waltajjiin mata duree ‘Shaggar irraa gara biyya’ jedhu gaggeeffama jira

93

Finfinnee, Hagayya 21,/2012 (TOI) – Waltajjiin ‘Shaggar irraa gara biyya’ jedhu waajjira ministira muummeetti gaggeefama jira.

Maricharratti ministirri muummee duraanii fi walitti qaban boordii tuuriizimi itoophiyaa obbo Haayilamaariyaam Dasaaleny, Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, Ministiri Deettaan Ministira Maallaqaa Dooktar Iyoob Takkaaliny , daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiwwan Ityoophiyaa Injinaar Haabtaamuu Tagaany dabalatee qamooleen isaan ilaallatu irratti argamaniiru.

Muummeen ministiraa duraanii fi walitti qaban boordii tuuriizimi obbo Haayilamaariyaam Dasaaleny, hojiiwwan magaalaa Finfinnee keessatti hojjeetaman fakkeenyuumman isaanii gara biyyatti kan ce’anidha jedhaniiru.

Proojaktoota keenya yeroo qabameeffitti xumuruun akkasumaas bajaata qabameefiin hojjeechuu fi faayida hawaasaf olchuun rakkowwan jiran furuufi jedhan.

Paarkii tokkuummaa, Inxooxxoo fi proojaktii Shaggar hojiin bu’aa qaban akka biyyatti yaada middisisuurra eegalee hanga xumuraa isaatti rakkoowwan jiran furuun boqonnaa haaraan ni banama jedhaniiru.

Proojaktoota sadeen tumsaan kan hojjeetan ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, hojiiwwan kunneen turaniiru garuu qabeenya itti hin fayyadamne arguu dandeenyedha jedhaniiru.

Deeggarsii mootumma fi dhuunfa bu’aa qabeessuumman isaa kan irratti mirkanaahe ta’ee ibsaniiru.

Imala badhaadhinaa akka biyyaatti eegalamee waan guddaa yaadanii gochuun alatti filannoo biraan akka hin jirree kan itti ilalameedha kan jedhan ammoo daayreektara olaanaa abbaa taayitaa daandiwwan Ityoophiyaa Injinaar Haabtaamuu Tagaanyidha.

Ministiri Deettaan Ministira Maallaqaa Dooktar Iyoob Takkaaliny,tiiriziimin Ityoophiyaatti kan eegame qofaa osoo hin taanee proojaktoota bu’uura dinagdee dhokatee turee ifatti baheen jalqaba bu’aa gaarii ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015