Sirreffamtoonni seeraa ulaagaa dhiifamaa guutan otoo gadhifamaniiii yaanni jedhu dhihaate - ENA Afaan Oromoo
Sirreffamtoonni seeraa ulaagaa dhiifamaa guutan otoo gadhifamaniiii yaanni jedhu dhihaate
70
Finfinnee Hagayya 21/ 2012(TOI) –Tatamsa’ina vaayirasii koroonaa hir’isuuf sirreeffamtoonni seeraa ulaagaa dhiifamaa guutan osoo gadhifamanii kan jedhu yaadni gorsaa dhiyaate.
Tatamsa’ina vaayirasii koroonaa hir’isuuf sirreeffamtoonni seeraa ulaagaa dhiifamaa guutan osoo gadhifamanii, tatamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf akka gargaaru Boordiin Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa Qoratu beeksiseera.
Boordichi uggurri sochii yeroo ariifachisaa yemmuu xumuramu weerara vaayirasii koroonaan walqabatee rakkoolee uumamuu danda’an irratti mari’atee yaadoota gorsaa dhiyeesseera.
Yaadota gorsaa dhiyaatan kanas Boordichi Koree hojiraawwachiistuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf erge.