Qonnaan bultuun gidiraadhaan lafti isaanii irraa fudhatame haqa argatan

997

Finfinnee Amajjii 29/2011 Qonnaan bultuun umuriinsaanii waggaa 48 “gidiraadhaan lafta isaaniirraa”  buqqa’anii daandiirra buluuf dirqaman adde Muluu Damisee bu’aa ba’ii waggoota 13 booda haqa argatan.

Adde Muluun lafti isaanii wayita deebi’eefitti gara qe’ee dhalataniitti dhaquudhaan ollootaa fi firootasaanii waliin ta’uun imimmaan harcaasaniiru.

Tajaajilli oduu Itoophiyaa ji’oota muraasa dura gabaasa qorannoo addaa qopheesseen laftisaanii gidiraadhaan irraa fudhatamee daandiirra buluuf dirqamuusaanii kan agarsiisu gabaasa bal’aa baaseera.

Haala kanaan tajaajilli oduu Itoohiyaa hojii qulqulleessuu bal’inaan hojjeteen adde Muluuf lafti jijjiirraan kennameef akka hin jirre mirkaneesseera.

Dhaabbanni kun dhimmicha amma dhumaatti hordofaa turee, qonnaan bultuun kun lafa gidiraadhaa dhaban waggoota 13 booda wayita deebi’uuf achitti argamuudhaan gabaaseera.

Adde Muluun murtii waan dhabaniif bakka dhalootasaaniirraa naannawa Finfinnee godina addaa Oromiyaa aanaa Sulultaa ganda qonnaan bulaa Darbaa Gullallee Barreessaa irraa harka isaanii duwwaa baqatanii ture.

Lafa heektaara shan abbaa isaaniirraa dhaalan namni tokko waan irraa fudhateef waggoota saddetii oliif ala buluudhaan kadhatanii buluuf dirqamaniiru.

Adde Muluun har’a sun hundi darbee waggoota 13 booda “lafa Gidiraadhaa dhaban” waajjirri itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafaa aanaa Sulultaa deebiseeraaf.

Bu’aa  ba’ii waggoota 13 booda murtee kan argatan adde Muluu Damisee yaada kennaniin, “baay’een gammade. Maatii koo waliin dhufee lafa koo fudhachuu kootti baay’een gammade. Waan firri koo naaf hin goone isin naaf gootan. Waggoota 13 guutuu yoon argadhe nyaaddee, yoon dhabe hagabuu bulee ,sharaan keessa jiraachaa ure argitaniittu, sun hundi darbee amma naman ta’a jedheen yaada. Umuriin dheeraan isiniif haa ta’u. Mootummaanis naaf haa jiraatu. Tajaajilli oduu Itoophiyaa naaf haa jiraatu. Galata guddaan isiniif qaba.”

Ijoolleen adde Muluu, Warqee Dhaabaa fi  lafti isaanii deebi’uusaatiin maatiin bittime deebi’ee waliin akka jiraatu balbala kan bane waan ta’eef gammachuunsanii daangaa akka hin qabne dubbatu.

Warqee Dhaabaa “baay’ee gammadeera. Waggaa 13 guutuu haati koo daandiirra turte. Nutis bittinnoofnee turre. Har’a walitti qabamuu keenyaan baay’ee gammadeera. Firoota baay’ee qabna. Garuu homaa nuuf hin goone. Tajaajila oduu Itoophiyaa baay’een galateeffadha. Sababnisaas haalli keenya baay’ee gaddisiisaadha. Haati koos kana booda bakka tokko teessi. Maatiin koo obboleewwanii fi obboleettiiwwan koo bakka tokko taa’u. baay’ee gammadeera.”

Geetuu Dhaabaa gamasaatiin, jalqaba waaqayyo haa galateeffamun jedha, isin waan nuuf kenneef. Kun waan hin yaadamnedha. Abdii kunnee turre. Waanti baay’een nurra ga’eera. Haati keenyas waan baay’ee dabarsiteetti. Human wayita dhabnu, waan nyaannu wayita dhabnu lafa kanarratti ijoollee isaa barsiisaa,nuyi osoo hin baratiin jirra. Baay’een isin galateeffadha.”

Mucaan adde Muluu Damisee barattuu Ye’aab Siraa Dhaabaa ”fuulli koo qorraan miidhameera. Kana booda garuu manni waan nuuf kennamuuf qorri nun tuqu. Haadha koof mana ijaaree hunda guutuufiin barbaada.Haati koo kanaan dura baay’ee aarti. Amma garuu baay’ee gammaddeetti.”

Waajjirri itti fayyadama fi bulchiinsa lafaa aanaa Sulultaa dhimmicha gadi fageenyaan qorachaa turuudhaan naannoo Oromiyaatti qajeelfama bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa bara 1999 ba’erratti hundaa’ee lafa kana deebisuusaa ibseera.

Haala qajeelfama kanarratti eerameen sababoonni namni tokko lafa itti argachuu danda’u  mootummaadhaan, kennaa fi dhaalaan kan jedhan dhimmoota gurguddoodha.

Waan ta’eef, namni “lafa adde Muluu fudhataniiru” jedhaman obbo Masfin Baraddaa seeraan ala qabiyyee lafaa kan mirkaneessu maqaa haadhamanaa isaaniitiin baasuudhaan karaa lafa ittiin argachuun danda’amaniin ala abbaa lafaa ta’anii turuusaanii hubachuu akka danda’e bulchiinsi kun  ibseera.

Kanaaf, waajjirri itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafaa aanaa Sulultaa, obbo Masfin Baraddaa “qabiyyee” lafaa kan mirkaneessu maqaa haadha manaasaaniitiin baasan  seeraa ala ta’uu qulqulleessuudhaan akka haqamuu fi aabbaa lafaa seera qabeessaa kan ta’a adde Muluu Damiseef “qabiyyeen” lafaa akka kennamuuf taaiseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Gizaawu Taaddasaa, qajeelfamni itti fayyadama lafaa haala eeyyamuun ala namni kun karaa seeraan alaa abbaa lafaa ta’ee turuusaa dubbatu.

Itti gaafatamaan waajjira itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafaa aanaa Sulultaa obbo Gizaawu Taaddasaa “aanaa keenya keessatti hojjetamaa kan jiru safarriin lafaa marsaa lammaffaa akka jiru ni beekama sababa kanaan dhimmicha dhageenye. Yeroo dhageenyus lafti ishee irraa fudhatameera. Maqaashiitiin gibirri ni gabbarama. Maqaashiitiin kan gabbaramu maqumaaf malee maallaqa kan kennu obbo Masfin akka ta’e odeeffannoo arganneerra. Kanarraa kaaneetu waan kana hojjechuu kan dandeenye. Isas biirootti waamnee haasofsiifnnee tere. Odeeffannoo kennuuf amma kana eeyyamamaa miti. Lafa kanarra buukii lamatu jira. Maqaa obbo Masfin Baraddaatiin osoo hin ta’iin maqaa haadha manaa isaaniitiin buukiin hojjetameera. Kana attamitti akka hojjechiise gaafannaan manni murtee waan naaf murteesseef lafa kana maqaa kootti naannesseera jedhe. Waanti beekamuu qabu tokko itti fayyadama lafa baadiyyaarratti buukiin lafaa kan ba’u maqaa dhiiraatiini, maqaa abbaawarraatiin. Maqaa haadha warraatiin hin ba’u. Inni garuu shira kana waan yaadeef lafa mataasaa waan qabuuf maqaa isheetiin baase.”

Waan kana ta’eef waajjirri iti fayyadama fi bulchiinsa lafaa aanichaa, lafa kana adde Muluu Damiseef haala qajeelfamni eeyyamuun “haadha lafaa”ta’uusaanii kan mirkaneessu sanada kenneeraaf.

“Qajeelfamni bulchiinsa lafaa kan nuuf eeyyamu jira. Qajeelfama kanarratti hundoofnee waan jaarsoliin naannoo jedhan erga dhageenyee booda buukii isa tokko haqnee abbaa lafaa isa duraatiif kenninee, sana haquu keenya xalayaa kenninee isa beeksisuudha. Dubartii kanaaf ammo xalayaadhaan beeksisuudha. Lafichi kan abbaa isaaniiti. Lafa abbaa isaanii dhaaleetu buukiitti jijjiiree itti fayyadamaa kan ture. Qixxee kennuudhaan qochisiisaas tureera. Qixxee qotuu dhiisuudhaan kan kooti gara jedhutti dhufe malee lafti kun kan isheeti.”

Tajaajilli oduu Itoophiyaa ji’oota dura odeeffannoo baase ‘weeb saayitiirratti’ argee adde Muluu Damisee abukaattummaadhaan bilisaan gargaaruuf gara dhaabbata kanaa kan dhufe obbo Rejeb Usmaan murteen bulchiinsi lafaa kenne akka isaan gammachiise ni dubbatu.

“Bulchiinsi lafaa ga’ee isaa ba’aa jira. Waanti hafu maal ta’a kan jedhu adde Muluun  waggoota 13 ol  lafa kana dhabdee osoo itti hin fayyadamiin namni biraa  seeraan ala itti fayyadamaa ture. Karaa seeraan alaa qaamni itti fayyadamaa ture beenyaa akka kafaluuf, isheenis deebitee akka bayyanattu adeemsa seeraa itti aanu hodofna. Kana booda abukaattoo adde Muluu ta’een gaaffii  beenyaa amma jiru kan itti fufnu ta’a. Amma dhumaatti ammoo deeggarsa karaa keessan taasifameen dhimmicha hordoftanii kanaan geessaniittu. Kun hojii fuul duraaf waliin hojjennuuf milkaa’inarraan ni geenya jedheen eega. Tajaajilli oduu Itoophiyaa odeeffannoo kana akkuma argateen kaka’umsa isaatiin yaalii guddaa taasisee hojjechuusaatiin galata guddaaqaba.”   

Itti gaafatamaan waajjira abbaa alangaa aanaa Sulultaa obbo Urgeessaa Tsaggaayee gamasaaniitiin, dhimma lafaa ilaalchisee aanichatti kan adde Muluu Damisee dabalatee haqni kan jalaa dabe kanneen biroo haqa akka argatan gochuuf hojiiwwan qabatamaa   jalqabuusaanii ibsaniiru.

“Nuti gama yakkaatiin qulqulleessinee dhimma kana seeratti dhiheessuuf ni yaalla. Kan isaanii qofa osoo hin ta’iin wantoota baay’eetu jiru. Ragaa hedduu qabanneerra. Namoonni humnaa fi qabeenya qaban lafa baadiyyaa kanneen human hin qabnerraa fuudhaa jiru. Kanaaf nuti kana booda isaan waliin taaneeu yakkaanis, dhimma siviiliitiinis human kan hin qabneef, abukaattoo dhaabbachuu kan hin dandeenyeef dhaddacha dhaabnee bilisaan falmuufii eegalleerra.”

Adde Muluun laftisaanii haa deebi’uufiyyuu malee, maallaqa mana ittiin ijaarratan waan hin qabneef akkasumas nama lafa isaanii irraa fudhate irraa soda waan qabaniif naannootti deebi’anii jiraachuu waan hin dandeenyeef ammas mana shara irraa hojjetame keessa ijoollee isaanii waliin daandiirra jiraatu.