Hidha haaromsaa irratti milkaa’inni diippilomaasii galmaa’a jira- Ambaasaaddaroota

104

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (TOI) – Ityoophiyaan mirga hidha haaromsaa abbayyaa irrattii ijaaruu addunyaatti beeksisuun milkaa’inni diippilomaasii galmaa’a jiru keessatti gaheen hawaasa diyaaspooraa jabaachaa dhufuusaa ambaasaaddaroonni Ityoophiyaa biyyoota garagaraa beeksisan.

Ameerikaatti amabaasaaddarri guutuu Ityoophiyaa obbo Fitsum Araggaa Miidiyaleetti akka himanitti, hawaasni diyaaspooraa Ameerikaatti argaman adeemsa waliigaltee mari’achuun toora miidiyaa hawaasaan duula taasisuun ga’ee isaanii ba’ataniiru.

Duula sosochii kana ammoo gara deeggarasa maallaqaatti hojiin jijjiiruu Imbaasiin hojjetaamaa jira jedhan.

Waashingitaanitti yeroo jalqabaaf lakkoofsi herreegaa maallaqa walitti qabuu banamee yeroo gabaabaa keessatti Doollaarri kuma 30 ol walitti qabamuu Ambaasaaddar Fitsum beeksisaniiru.

Chaayinatti amabaasaaddarri guutuun Ityoophiyaa obbo Tashoomaa Togaa Itoophiyaan qabeenya ishee misoomsuuf chaayinaan ni hubatti jedhan.

Lammiileen Itoophiyaa Chaayinaatti argaman ga’ee isaanii akka ba’antaniif hojjetamaa jira jedhaniiru.

Saawud Arabiyaatti amabaasaaddarri guutuun Itoophiyaa obbo Abdulaaziz Ahimad gama isaaniin diippilomaasiin cimaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015