Lammiileen qonna magaalaa irratti bobba’an omisha isaanii gabatti dhiheeffachuuf hojjetaa jiru

201

Finfinnee Hagayya 18/2012(TOI)- Sababa weerara koronaatiin hanqina nyaataa mudachuu danda’u furuuf  dargaggoonni lafa kennameef irratti kuduraaf muduraa gabaaf dhihaatan omishaa jiraachuu himan.

Mootummaan lafti kamuu hagabuu buluu hin qabu mata duree jedhuun sababa weerara koronaan hanqinni kuduraaf muduraa akka hin mudanne qonna magaalaa egalchiisuun ni yadatama.

Waldaaleen  hojii qonnna magaalaa irratti bobba’uun magaalaa finfinnee keesatti hojjetaa jiran TOIf akka himanitti aanaalee isaanitti gurmaahuun baka hojiii fudhachuun qullubbii diimaa,hundee diimaa,timaatima,raafuu gara garaa,salaaxaa fi moose misoomsaa jiraachuu dubbatan.

Kutaaleen magaalaa lafa hojiii kana kennuun sanyii fi xaa’oo dhiheessuun akka deggaraa jiran kan himan waldaaleen magaala finfinnee keessatti qonna magaalaa irratti bobba’uun hojjetaa jiran,omisha isaaniii gabaaf dhiheessuuf qophiiirra jirachuu dubbatan.

Ji’a 4 keessatti lafa qonna magaalaa 768 keessaa hektaarri 700 qotamuuun lafti hektaari 617 omisha gara garaan uwwifamee jiraachuu ragaan komishinii misooma qonaan bula fi qonna magaalaa ni mulisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015