Deebii mootummaa naannoo Oromiyaa ibsa komishiniii mirga namoomaa ilalchisee

640

Finfinnee, Hagayyaa 15/2012 (TOI) – Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa Koomiishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaan baase ilaalchisuun deebii laatera.
Ibsii fi deebii guutuun mootummaa naannichaa laate akka armaan gadiitti dhiyaata.

Komiishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Hagayya 14/2012 haala yeroo naannoo Oromiytaarratti ibsa baasuunsaa ni yaadatama. “Naannoo Oromiyaa keessatti humni nageenyaa tarkaanfii madaalawaa hin taane fudhateera. Du’aafi miidhamni qaamaa lammiileerra ga’eera.” jechuun ibsi baase dhugaa irraa kan fagaateefi haala qabatamaa lafarra jiru giddu galeessa kan hin godhannee dha.
Mootummaan naannoo Oromiyaa ol’aantummaa seeraa kabachiisuudhaan mirga bilisummaa, wal qixxummaafi waliin jireenyaa lammiilee mirkaneessuuf kutannoo ol’aanaadhaan hojjechaa jira. Waan ta’eefis, lammiin kamuu seeraan ala akka miidhamuufi mirgi namoomaa isaa akka sharafamu hin eyyemu.
Mootummaan naannichaa mirgi lamoomaa lammiilee kabajamee ijaarsa biyyaa keessatti bilisummaan akka hirmaataniifi gahee isaanii akka bahataniif hammattoo seeraa diriirsuurraa hanga ijaarsa dhaabbilee saffisiisuutti of qusannaa malee hojjechaa jira. Dabalataanis, dirree demokraasii bal’isuudhaan hirmaannaa siyaasaa taatota hundaa mirkaneessuun cinaatti, hammattoo seeraa karaa nagaafi bilisaa ittiin socho’aniifi dirree mijaawaa argatan uumuuf kutannoo ol’aanaadhaan hojjechaa jira.
Haa ta’u malee, humnoonni siyaasa shiraa keessatti dhalatanii guddatan kan akka Waayyaaneefi ABO Shanee, mirga birmadummaa murtii lammiilee maseensuudhaan karaa qaxxaamuraa aangoo mootummaa to’achuuf hojjechaa jiru. Oromiyaa giddu-galeessa jeequmsaa gochuuf ajandaa qabatan milkeeffachuuf gareewwan yakka magaalaafi baadiyyaa naannichaa keessatti ittiin raawwachuuf leenjifatan hidhachiisanii bobbaasuudhaan hoggansa mootummaa, namoota bebbeekamoo, qaamolee nageenyaafi lammiilee nagaa ajjeesuufi qaama hir’isuuf socho’aa akka jiran hunduu ni beeka.
Humnoonni kunneen siyaasa shiraatiin qindaa’anii socho’uudhaan ummataafi ummata walitti buusuu, caasaa mootummaa diiguu, dhaabbilee mootummaafi faayinaansii barbadeessuu, qabeenya namoota dhuunfaa mancaasuufi saamuu, dhaabbilee tajaajilaa gubuufi saamuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa akka turan mirkanaa’eera.
Obsaafi gara bal’ina mootummaan dirree demokraasii bal’isuuf agarsiise akka carraatti fayyadamuudhaan ol’aantummaa yaadaan dorgomuutti amananii socho’uu mannaa, humnoota gochaa shororkaa keessatti hirmaatan leenjisanii bobbaasuudhaan nageenya booressuun cinaatti, miidiyaalee keessaafi alaatti fayyadamanii waamicha dhaabbilee dhuunfaafi mootummaa barbadeessuu, daandii cufuu, sochii dinagdeefi kanneen biro ugguruu, hoggansa mootummaafi qabeenya isaaniirratti tarkaanfii fudhachuu dabarsaa turan.
Waamicha diigumsaa “12/12/12” maqaa jedhuun tibbana dabarsan hiriira nagaa osoo hin taane akeeka diiggaafi jeequmsaa ture. Waamichi hokkaraafi jeequmsaa kun qaama abboomu kan hin qabne, labsii hatattamaa weerara dhibee Koronaa to’achuuf mootummaan labseen faallaa kan deemu, meeshaa waraanaatiin kan deeggarameefi miidiyaalee waayyaaneefi finxaaleyyii biyya alaa jiranitti fayyadamanii lallabaa akka turan ni beekama. Kaayyoonsaa jeequmsaafi walitti buhiinsa hammeessuudhaan mootummaarratti dhiibbaa geessisuufi namoota yakkaan shakkamanii to’annaa seeraa jala jiran gadi lakkisiisuurratti kan fuulleffatee dha.
Keessattuu, naannoo Oromiyaa keessatti ealitti buhiinsa sabaafi amantaa akka uumamu, bu’uuraaleen misoomaa akka manca’an, daandileen cufamuun sochiin dinagdee akka ugguramuufi dhaabbileen dhuunfaafi mootummaa akka barbada’aniif kan kaayyeffamee dha. Bitamtoonni Waayyaaneefi ABO Shaneetiin leenji’anii bakkeewwan addaatti bobba’an walitti buhiinsa sabaafi amantaa uumuu, hoggansa siyaasaarratti miidhaa geessisuu, kaampii humna nageenyaa weeraruuf yaaluu, humna nageenyaarratti boombii darbachuufi dhukaasa banuun miidhaa turaniiru.
Adeemsa kanaan, qaamoleen nageenyaafi hoggansi siyaasaa lubbuufi qaamaan gaaga’ameera. Gareewwan siyaasa shiraatiin machaa’an kunneen barii ajjeechaa artisti Haacaaluu Hundeessaatti lammiilee nagaarratti aleellaa geessisuun ummata burjaajessuun cinaatti, gaaga’amni caalu akka uumamuufi tasgabbiin akka hin jiraanne gochuu ture. Humni nageenyaa lubbuu lammiilee nagaa, qabeenya mootummaafi dhuunfaa baraaruuf jecha tarkaanfii madaalawaa fudhateera.
Humni nageenyaa tarkaanfii ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu osoo hin fudhanne ta’ee balaan uumamuuf ture hamaa akka ta’u shakkii hin qabu.
Kanaafuu, yaaliin yakkaa tibbanaa tarkaanfii qaamolee nageenyaatiin osoo to’atamuu baatee ummata baraaruun, heera mootummaa kabachiisuun, ol’aantummaa seeraa mirkaneessuudhaan itti gaafatamummaa mirkaneessuun kan yaadamu hin turre. Ummanni nagaan ba’ee galuuf, hojjetee jiraachuuf ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf irra deddeebiidhaan gaafataa tureera. Calqabbiin dirree siyaasaa bal’isuu akka jirutti ta’ee, nageenya lammiilee mirkaneessuun, sochiin ijaarsa biyyaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuufi bilisummaa, wal qixxummaafi waliin jireenyi lammiilee akka guddatuuf hojjechuun dirqamaafi itti gaafatamummaa mootummaati.
Dhugaan kana ta’ee osoo jiruu, omiishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatame kan balaaleffatu, madaala isaa kan hin eegganneefi madda odeeffannoo amanamaa kan hin wabeeffanne ta’uun hubatameera. Ibsichi haala qabatamaa bakkeewwan rakkoon nageenyaa itti uumamee giddu galeessa kan hin godhannee dha. Caasaa mootummaa sadarkaan jiru gaafachuun mirkaneeffachuufis kan yaale miti. Kun ammoo akka dhaabbata itti gaafatamummaa qabu tokkootti kan irraa hin eegamnee dha.
Kanaafuu, odeeffannoon ala kanaan tamsa’e ofiinsaa nageenyaafi tasgabbii biyyaafi ummataarratti dhiibbaa hamaa waan qabuuf sirrachuutu irraa eegama.
Carraa kanaan, qaamni itti gaafatamummaan itti dhagaa’amu kamuu gidduu seentummaa irraa karaa bilisa ta’een rakkoo uumame qulqulleeffachuu yoo fedhe mootummaan odeeffannoo kennuufi deeggaruuf qophii ta’uusaa ibsa.
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Hagayya 2012
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015