Aadde Adaanach kaabinee bulchiinsa magaalichaa waliin mari'atan

53

Finfinnee, Hagayyaa 14,/2012 (TOI) – itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dhimmoota jajjaboo shan irratti xiyyeffannee hojjenna jedhan.

Xiyyeeffannaawwan hojii bulchiinsa magaalichaa carraa hojii uumuu, galii sassaabuu, weerara vaayrasii koroonaa ittisuu, nageenya mirkaneessuu, tajaajila manneen hojii hundaa fooyyessuu, galmee lafaa fi mirkana ragaa lafa qonnaan bulaaf laachuun isaan jajjaboodha jedhan aadde Adaanach.

Proojaktoota jajjaboo, ijaarsa manaa, daandii fi bishaanifis xiyyeeffannaan ni laatama jedhan.

Jiraattonni magaalittii tajaajila si'ataa fi haqa qabeessa ta'e akka argatu ni hojjetamas jedhan.

Aadde Adaanach kaabinee bulchiinsa magaalichaa waliin mari'ataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015