Godina Gujii lixaatti miseensonni ABO shanee 32 hidhannoo isaanii guutuu waliin mootummatti harkaa kenatan

1058

Finfinnee, Hagayya, 13/2012(TOI)- Ergama balleessi qabatanii kan socho’aa turan miseensonnii ABO shanee 32 Godina Gujii Aanaa Galaanaatti hidhannoo isaanii guutuu waliin mootummatti harka kennatan Miseensonni ABO shanee harka kennatan kun Oromoo bilisoomsina maqaa jedhuun ergamin hooggantoota mootummaa ajjeesuu, hidha haaroomsaa laga abbayya gufachiisuufi bu’uralee misoomaa biroo balleessuu akka kennameefi ture himaniru. Warra harkaa kennatan kana keessaa tokko Galmaa Bulee nama tokkodha.

 Maqaan qabsoo isaa immoo Dinaraas kan jedhamuu yoo ta’u hojii badii kana hojjechuuf leenjii waraanaa akka fudhate himera.

Hojii balleessi kana keessas bahuuf kan dirqameefis daandii kanaan deemanii uummata naannicha bilisa baasuun akka hin danda’amne waanan hubadheefi jedhera.

Rakkoon yoo jiraate karaa nagaatiin rakkoo jiru furuu fi qabsoo karaa nagaa geeggessuuf harka kan kennatees ta’uu himeera. Miseensoota ABO shanee harka kennatan keessaa kan biroon nama Ababaa Jiloo jedhamudha.

Namni kunis maqaan qabsoo isaa Abdii Sabaa jedhama. Akka inni jedhutti jalqaba Oromoon midhameera maqaa jedhuun gowwoonfamee leenjii loltummaa fudhachuun gara humna badii hojjetu ABO shaneetti gale.

Kayyoon ABO shanee lubbu nama balleessudha.Qabeenyaa balleessufi saamicha waan ta’eef hojii kana keessatti hin hiraadhu jedheen harka keennadhe jedhera.

Namni biraan harka kennate immoo Aagaa Aboo kan jedhamuufi maqaan qabsoo isaa Qeerransoo Sabaa yoo ta’uu kallattiin qabsoo ABO shanee aadaa fi safuu Oromoo waliin kan hin deemnee fi uummata naanichaas kan hin madallee waan ta’eef humna kana keessaa bahee gara jireenya koo idileetti deebi’uuf dirqamera jedha. Lubbuu namaa balleessaa, Qabeenyaas barbadeessa Oromoofan qabsa’a jechuun hin ta’u.

Kanaan dura gowwomfamera.

Kanaan booda hin gowoomus jedhera.

Bulchaan godina Gujii Lixaa obbo Tafarii Wandafirawuu akka jedhanitti maqaa Oromootiin bosona keessa dhokatee humna lubbuu namota balleessu, qabeenya barbadeessu,akkasumas bu’uuralee misoomarran balaa geesisuu irratti obsa tokko malee tarkanifiin irratti fudhatmaa jira.

 Namoonni osoo beekanis ta’ee hin beekin humana ABO shanee kanatti dabalaman amma waan isaan ta’an hubatanii keessaa bahanii mootummatti harkaa kennachuu jalqabaniru.

Aanaa Galaanaa Gandaa irressattis miseensonni ABO shanee 32 hidhannoo isaanii guutuu waliin mootummatti harka kennachuu isaanii mirkaneessaniru.

Kanneen ABO shanee irraa ergama fudhatanii hojjetanis uummanni saaxila jirachuu himaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015