Itoophiyaa fi Giiniin walii galtee wal deeggarsa tarsiimawaa uumuu dandeessisu walii mallatteessan

63

Finfinnee Amajjii 30/2011 Itoophiyaa fi Giiniin walii galtee wal deeggarsa tarsiimawaa uumuu isaan dandeessisu walii mallatteessa.

Walii galtee kanas ministirri dhimma biyya alaa doktor Warqinaa Gabayyoo fi gita isaanii kan Giinii Maamaadii Turee guyyaa har’aa waajjira ministira muummeetti walii mallatteessaniiru.

Biyyoonni lamaan komishinii waliinii ministirootaa hundeessuudhaan walii galtee walitti dhufeenyasaanii caalaatti cimsuu dandeessisus taasisaniiru.

Itoophiyaa fi Giiniin walii galteewwan damee Saayinsii fi teekinoloojii, tajaajila tiraanispoortii qilleensaa, fayyaa, aadaa fi tuurizimiitiin waliin hojjechuu dandeessisu walii mallatteessaniiru.

Walii galteewwan addaddaa irra ga’aman doktor Warqinaa Gabayyootiin alattis ministira fayyaa Dr. Amiir Amaan, ministira Saayinsii fi barnoota olaanaa Dr. hiruut W/Maaram akkasumas ministira Aadaa fi Tuurizimii Dr. Hiruut Xaasoo, ministira dhimma alaa Giinii Maamaadii Turee waliin walii mallatteessaniiru.

Pirezidaantiin rippaabiliika Giinii piroofeesar Alfaa Kondee Itoophiyaatti daawwannaa guyyoota sadii taasisuuf kaleessa Finfinnee galuunsaanii ni yaadatama.

Itoophiyaa fi Giiniin karaa hoggantoota isaanii duraanii Hayila Sillaasee isa duraa fi pirezidaanti Seekkoo Tureetiin dhaabbata tokkummaa Afriikaa biyyoota hundeessan keessaa kanneen adda dureedha.

Giiniin akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1958 pirezidaantii Ahimad Seekkoo Tureen hoogganamuudhaan gita bittaa Faransaayi jalaa bilisoomuun ishee ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015