Naannoo Affaritti lammiilee balaa lolaan qa’ee irraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf birrii miliyoona 100 barbaachisa jedhame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Affaritti lammiilee balaa lolaan qa’ee irraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf birrii miliyoona 100 barbaachisa jedhame
Finfinnee Hagayya 09/2012(TOI)- Naanno Affaaritti Balaa Lolaa muudaten lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuuf deeggarsi Birrii miiliyoona 100 akka barbaachisu Waajjirri Qindeessa Sagantaa Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannichaa beeksise.
Waajjiira qindeessa sagantaa ittisa balaa fi wabii nyaata Naannoo Affaaritti Daarikteeraa dursanii of eeggachuufi deebii hataatama kan ta’aan Obbo AyidahisYaasiin, balaan kun kan dhaqabee roobni gannaa baay’ee roobu irraa kan ka’e lagni Awaash guutee lolaa umameen ta’uu ibsan.
Balaan kun lagni Awaash guutuu hordofuun kan muudate yoo tahu, haga ammaatti lammileen kuma 67 deeggarsi birrii miiliyoona 100 akka barbaachisu Biiroon Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannichaa beeksise.
Namoonni hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uun fi namoonni kuma 40 haala yaaddessaa keessa waan jiraniif deeggarsa hatatamaa isaan barbaachisa jedhaniiru obbo Ayidahis.
Yeroo ammaa kanis naannichaatii jiraattoonni kuma 51 ol ta’aa dabalatan yaaddoo balaa lolaa saaxilamu qabu jechuun dhaabbannii Pireesii Itiyoophiyaa Gabaasee.