Dhiittan mirga namoomaa naannoo Oromiyaa bakkewwan rakkoon nageenya itti mudatanii turanitti mul'atu furmaata hatattamaa barbaada jedhame

59

Finfinnee ,Hagayya, 8/2012 (TOI) -Komishiinin mirgaa namoomaa Itoophiyaa akka jedhutti,naannoo Oromiyaa bakkewwan rakkoon nageenya itti mudatanii turanitti furmaata hatattamaan  rakkoon dhiitta mirga namooma sirraahuu qaba jedhe Komishiniin mirga namooma Itoophiyaa.

 Ajjefamuu Artiisti Haacaaluu Hundeessaa hordofee rakkoo nageenyaa mudateen dhiittaa mirga namoomaa jiru hatattamaan qorachuun jalqabuu isaa miidiyaaleetti humuun isaa ni yaadatama.

Komishinichii torbanoota darbaan lamaan Oromiyaa bakkeewwaan 40 rakkoon kun itti uumamaniiru jedhanitti garee qoratoota bobbaasee namoota dhuunfaa fi maatii isaanii akkasumas ollaa namoota miidhamanii fi qaamoolee mootumma dhimmi ilaallatu irraa odeeffanno walitti qabera.

 Namoonni rakkoon irra gahee amma maal irra akka jiranis qorateera.

Komishinichi rakkoon qorannoon adda baasee kan furmaata hatattamaa barbaadu jedhee yaadus qaba .

Rakkoolee kanas qamooleen dhimmi ilaallatu akka furmaata kennaniif ibsa baasera.

Keessattuu komishinichi kan irratti ibsa keenne ammaas yaaddoo namoota rakkoon nageenya nu mudachuu danda'a jedhanii, waa'ee gargarsaa namoomaa namoota qe'eerra buqifamanii fi waa'ee mirga namooma namoota hidhaa jiranii ilaalchisetu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015