Waldaalee fi namoota dhuunfaa al-ergii bunaa iratti hirmaatanif beekkamtiin kenname

59

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (TOI) -Abbaan Taayitaa Bunaaf Shaayii waldaaleefii namoota dhuunfaa al-ergii bunaa irratti bobba'aniif beekkamtii kenne.

Beekkamtii kennuun kan barbaachiseef bara kana bunni biyya alaatti ergame kan kanaan duraa irra fooyyee waan qabuuf jedhameera,

Bara kana bunni tooniin kuma 200fi kuma 70 ol gara biyya alaatti ergameera.

kun immoo kan baroota darbee irra olaanaadha.

Bara 1989 bunni tooniin kuma 100fi kuma 23 ,bara 2008'titti bunni tooniin kuma 100fi kuma 89 biyyoota alaatti ergamee akka tures himameera.

Adeemsa walxaxaafii gufuu jiru fooyyessuun hojii hojjetameen bara kana kan kanaan dura biyyoota 5 qofaatti ergamaa ture gara biyyoota 38'tiifi kaampaanota 168'tti buna Itiyoophiyaa gurguruun danda'amuu Abbaan taayitichaa beeksisee jira.

Sirna Beekkamtii kennuu kana irratti Daarikterri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaaf Shaayee Dr. Addunyaa Dabalaafii Ministiirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen Agramanii jiru.Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015