Dhaabbatichi bara 2012tti galii birrii biliyoona 25 ol argate

81

Fifinnee Hagayya 7/2012(TOI)- Dhaabbanni tajaajila lojistikii galaana itoophiyaa bara baajataa xumuurametti galii birrii biliyoona 25 argachuu beksise.

Dhabbatichi pirojektoota jalqabaman xumursiisuun haaraa jalqabuuf karorfatee jiraachuu beksise.

Galiin dhabbatichi bara 2011 argate birrii biliyoona 18.7 yoo ta’u bar baajataa darbe galii harka 37 guddatee jira.

Hojirawwachiisaan olaanaan dhabbatichaa obbo roobaa magarsaa TOIf akka himanitti milkahina galii kanaaf geejjibni qamadiif xaa’oo iddoo olaanaa qaba jedhan.

Dhaabbatichi bara baajataa xumuurametti waligalaan fe’umsa toonii miliyoona 11 galii bahii geejjibuu beksise.

Bara baajataa 2013tti dhaabbatichi toonii miliyoona 12.3 geejjibuun galii biliyoona 37 argachuuf karorfamee hojjetamaa jira.

Hojiileen dijitaalawaa eegalaman bara kana guutumatti ni xumuuramus jedhame.

Pirojektoonni buufata mojootti ijaaramaa jiran bara kaan xumuuramuun haaraan n eegalamus jedhame.

Manni kuusaa sakattaa qamadiif xaa’oo gurguddoon 4 baaburaafi konteenara gidduutti ijaaramaa jiru.

Buufanni mojoo sadrkaa afuriin ijaaramaa kan jiru yoo ta’u lafa hektaara 64 irra kan jiru yeroo tokkotti konteenara kuma 17 keessummeessuu danda’a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015