Labsiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa deebisanii hundeessuuf dhihaate ragga’e - ENA Afaan Oromoo
Labsiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa deebisanii hundeessuuf dhihaate ragga’e
Finfinnee Amajjii 29/2011 Tajaajila Oduu Itoophiyaa deebisanii dhaabuuf labsii dhihaate manni maree bakka bu’oota ummata sagalee guutuun raggaasiseera.
Mana mare bakka bu’oota ummataatti miseensonni koreen dhaabbataa seeraa,haqaa fi dhimmoota demokiraasii fi hoggantoonni dhaabbatichaa dhihoo kana tajaajilli oduu Itoophiyaa of danda’ee akka hundeeffamu fooyyessa wixinee labsii qophaa’erratti mare taasisuunsaanii ni yaadatama.
Manni mare bakka bu’oota ummataa guyyaa har’aa wal ga’ii adeemsiseen labsii tajaajila oduu Itoophiyaa deebisanii dhaabuuf dhihaate sagalee guutuun raggaasiseera.
Labsichi tajaajilli oduu Itoophiyaa ga’umsa horatee dorgomaa ta’ee akka itti fufuu fi odeeffannoo kennuuf hojmaata dhaabatummaa bilisa t’e qabaachuu akka qabu itti amanamee kan qophaa’edha.
Akka labsii kanaatii, tajaajilli oduu Itoophiyaa ga’umsa ogummaa qofa osoo hin ta’iin, hojiiwwan galii argamsiisan addaddaarratti bobba’uudhaan human galiisaa ni guddisa.
Tajaajilli oduu Itoophiyaa Finfinnee fi naannoo biyyattii addaddaa keessatti dameewwan 30 ol qabuun maamilootasaaf odeeffannoowwan kennuudhaan waggoota 75 oliif dhaabbata madda oduu biyyattii isa olaanaa ta’uun tajaajilaa jira.