Imalli jijjiramaa biyyaaf uummata balaa irraa kan baraare-Injinar Taakkalaa Uumaa

157

Finfinnee Hagayya 5/ 2012(TOI) – Imalli Jijjiramaa waggaa lamaanii biyyatti balaarraa kan olchee fi ummaata immoo waraanaa irraa kan barareedha jedhan Kaantibaa itti aanaan Bulchinsaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa.

Jijjiramni biyyattin agarsifte qormaata keessaa fi alaa obsan,abshaalummaan akkaasumas gaggeessuummaa cimaan kan ce’a dhufe fi jijjirama lammiileetti abdii horeedhas jedhan.

Qormaatawwan imala jijjiramaa keessaatti mudatan jabina Paartii keessaatiin rakkoolee qorachuu fi furuudhaan darbuun danda’ame jira kan jedhan kaantibaa itti aanaan, keessumaa dameen kenninsa tajaajilaa kan sirra’ee fi xiyyeefannaan kan itti kennameedha .

Misoomni magaalaa bu’aa dinagdee akka ta’uuf hojjaatama jiraachuu himuun, jijjirama waggaa lamaan kana keessatti hojiiwwan dabalataa jireenyaa lammiilee jijjiruuf hedduun hojjatamus himaniiru.

Piroojaktiiwwan gurguddoon yeroo qabamefitti akka xumuraman taasisuun akka danda’ame fi waligalatti jijjirama biyyatti nama irraatti kan xiyyeeffate goochuun lammiileen biyya isaanitti akka kabajamanii fi sirni faayyadamoo isaan taasisuu ijaramuu himaniiru. Maddi waajjira kantiibati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015