Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dargaggoota kuma 280 ta’aniif carraa hojii uumuuf akka hojjetu beksise

69

Finfinnee Adoolessa 2/2012(TOI)- Bara baajataa 2013tti dargaggoota kuma 280 ta’aniif carraa hojii uumuuf akka hojjetu bulchiinsi magaalaa finfinnee beksise.

Carraa hojii uumuuf liqiidhaan birriin bliyoona 2.6 ramadamee jira.

Manni mare carraa hojii uumuu mgaalaa finfinnee carraa hojii uumuu irratti marii geggeessera.

Maricha irratti sadarakaa kantiibaa itti aanaatti Qindeessan Dhaabbilee Tajaajila Mootummaa Indaawwaq Abbitee dabalatee qooda fudhattoonni hirmaatanii jiru.

Bara baajataa 2013tti rakkoo liqii fi iddoo hojii hiikuuf dargaggoota kuma 280 oliif carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiras jedhame.

Hanqinni baajataa akka hin mudannef birriin biliyoonni 2.6 bifa liqiin magalaa irraa ramadamee jira jedhame.

Magaalaa Finfinneetti bara 2012 darbe dargaggoota kuma 250 carraan hojii uumamee walittihidhamiinsi gabaa birrii biliyoona 4.8 tasifamee jira. Maddi wajjira kantiibati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015