Dhaabbileen miidiyaa gabaasa dhimma covid-19 karaa baratame irraa haala addaan gabaasuu qabu jedhame

75

Finfinnee Hagayya 2/2012(TOI)- Dhaabbileen miidiyaa covid-19 ittisuuf gabasa addaa kan hawaasa barsiisuu danda’u qopheesuu qabu jedhame.

Ittigafatamaan Waajjira Piress secreteretii Ministira Muummee obbo Nugusuu Xilahun miidhaa weerarri covid-19 hawaasa irraan gahaa jiru hirrisuuf gaheen isaanii guddadha jedhan.

Balaa vaayirasichi dhaqabsiisaa jiruun hawaasni jiruu baratameen ala bahee tooftaa ittisaa hojiirra akka oolchu gochuuf gabaasa baratame ala bahuu qabu jedhame.

Karaa hawaasni hubatee of irraa ittisu seenaa namootaa irratti xiyyeffachuun hawaasa barsiisuu qau jedhan.

Ofdagannaa uummameen hawaasni du’aa fi balaa biroof saaxilamaa jirachuu barsiisuu qaba jedhan obbo Nugusuun.

Gaazexeessitoonni fi geggeesitoonni miidiyaa karaalee vaayirasichi ittiin darbuu fi tooftaa ittisaa irratti hojii hojechaa turu yadachiisanii jiru.

Ofi isanii balaf saaxilanii hawaasa barsiisuuf fageenya dheeraa waan deemanif beekkamtii argachuu qabus jedhan.

Hawaasni waa’ee vayirasichaa hubannoo gaarii argatus yeroo dhihoo as ofdagannaan mul’ataa jiru tamsa’inni vayirasichaa fi lakkoofsi namoota du’anii dabalaa dhufee jiras jedhan.

Yeroon kun akka biyyaatti yeroo soda guddaa keessa gallee fi sirritti hojjetuu qabnus jedhan.

Duula akka biyyatti eegale dhaabbileen miidiyaa sirritti hojjechuu qabus jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015