Lammiileen Ityoophiyaa hidhaa fi godaansarra turan 218 gara biyyaatti deebi’an

53

Finfinnee Hagayya 1/2012(TOI) – Torbee lamaan darbanitti lammiileen Ityoophiyaa hojii malee hidhaa fi godaansarra turan 218 gara biyyaatti deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii himaan ministeera dhimma alaa  Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin haala yeroorratti ibsa kennanii jiru.

Torbee lamaan darban keessa Lammiileen Ityoophiyaa biyyoota ambaatti sababa weerara vaayrasii koroonaan hojii malee hidhaa fi godaansarra turan 218 gara biyya isaaniitti deebi’uu ibsan.

Gama biroon dhoo’iinsa tibbana Liibaanoon magaalaa Beeruutiitti qaqqabeen lubbuun lammii Ityoophiyaa 1 darbuu fi namoota 9 irraa ammo miidhaan gahuu Ambaasaaddar Diinan himaniiru.

Namoonni dabalataa miidhaan irra gahe jiraachuu fi dhabamuu Qoonsilaan Ityoophiyaa biyyattiitti argamu xiyyeeffaannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Oduu biroon Ityoophiyaan dambii guutinsa bishaan hidha haaromsaa marii sadeef dhiyeessuu ishee ibsaniiru.

Ta’us  biyyoonni lama dambicha ilaaluuf yeroon nuuf yaalatamu waan jedhaniif marichi yeroof adda cituu isaa beeksisaniiru.

Keessattuu haala itti fayyadama  bishaanii ilaalchisee gaaffiin waliigalteef dhiyaate hidhichaan  waan walhin qabanneef Ityoophiyaan gaafficha hin fudhanne jedhan Ambaasaaddar Diinaan.

Haala itti fayyadama bishaanii waliigalaa ilaalchisee marii biraan kan ilaallamuu fi biyyoonni yaa’ichaa hundi bakka argamanitti ta’uu akka qabu Ityoophiyaan ejjennoo qabaachuu ibsaniiru.

Mariin sadee Wiixaxa dhufu ni eegalama jedhamee kan eeggamu akka ta’e beeksisanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015