Raawwiin ijarsa sarara ibsaa haaran bakka buusuu magaalaa Finfinnee harka 98 irra gahe jedhame

62

Finfinnee Hagayya 1/2012(TOI)- Raawwiin pirojektiin sarara ibsaa deebisanii haaromsuu harka 98 irra gahuu Tajajilli Eletiriika Itoophiyaa beksise.

Magaalaa Finfinneetti ciccituu fi geggedaramuu humnaa ibsa hiikuuf ,sarara tamsaasaa irra deebiin ijaaruu fi pirojektii humna guddisu kubbaniyyaa chaynaa pawor chaina jedhamuun hojetamaa jira.

Yeroo ammaa keebilii lafa keessa awwaaluun km 146 fi qilleensa keessa humna kilovoltii 15  kilometirri 446 raawwatamee jira.

Toohanoo tamsaasaa 72,tiranisformarii 461 dhaabamee hojiin sarara gadaanaa diriirsuun km 400 raawwatamee jira jedhame.

Sararri giddugaleessaa km 225 qilleensa keessa diriirfamaa jira.

Dhaabbilee biyya keessaa 32f carraa hojii uumuun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u lamiilee 1024 ta’aniif carraa hojii yeroo uumee jira.

Pirojektiin doolaara miliyoona 162n hojjetamaa jiru baasii harki 15 dhaabbatichaan kan uwwifamu yo ta’u harik 85 hafe immoo baanki chaynaa exzim jedhamu irraa liqii argameeni.

Pirojektichi wayta xumuurame fedhii eletiriikaa magaalaa finfinnee guddachaa dhufe hanga fi qulqullinaan maamiltootaaf akka dhihessu odeeffannoon  tajaajili eletiriika itophiyaa irraa arganne ni mullisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015