Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa dafee akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu Caffeen Oromiyaa beeksise.

165

Finfinnee  Hagayya 1/2012(TOI)-Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa dafee akka ta’uuf Caffeen Oromiyaa hojjechaaJirra jedhan  Waajjira Caffee Oromiyaatti Dura Teessuun Koree Dhaabbii Dhimma Hawaasummaa aadde Alamineeshi Asfaaw

Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa akka ta’uuf bara kana Mootummaan Naannoo Oromiyaa afaanichi bakka hundaatti akka babal’atu hojiilee taasise keessaa Biiroon Barnoota Oromiyaa naannolee sagal keessatti Afaan Oromoon akka barsiifamu Kitaabilee maxxansee naannolee hundaaf deeggarsaan kennee jira jedhan.

Biiroon Aadaaf Tuurizimii Oromiyaas gama isaaniin afaanicha dagaagsuu keessattiifi afaanicha hiikuun guboo jechootaa qopheessuun Yuunvarsiitootaf deeggarsa taasisuu keessattis gahaa guddaa bahachaa turuu isaa aadde Alamineeshi kaasaniiru.

Caffeen Oromiyaas akka afaan kun babala’atuufi guddatu Afaan Oromoo kutaa 1 kaasee hanga PHDtti barsiifamuuf hojeetaa turre jedhan aadde Alamineeshi Asfaaw.

Caffeen Oromiyaa afaanichi akka afaan hojii federaalaa ta’u hojii kanneen hojjechuun qopha’ummaa isaa federaalaaf agarsiiseera jedhan.

Dabalataanis afaan kun afaan hojii federaalaa akka ta’uuf naannoleen biroo kan keessatti hirmaatan Yuunvarsiitii Amboo bara kana fooramii gaggeesseera.

Fooramicha irrattis akkaataa Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa itti taasisuun danda’amuurratti hayyoonni baay’een qorannoo barreeffamaan dhiyeessannii irrattis mari’atameera jedhan.

Qorannooleen dhiyaatanis akka galteetti fudhatamanii yeroo ammaa irratti hojjetamaa jiraachuu aadde Alamineeshi eeraniiru.

Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka ta’uuf haaldureen gama seeraan guutamuu qabu maali? Jedhee gaaffii dhiyaateef aadde Alamineeshi;heerri mootummaa federaalaa afaan hojii federaalaa biyya kanaa Afaan Amaaraa qofa jedhu sun afaanonni kanneen biroos itti dabalamee afaan hojii federaalaa akka ta’u fooyya’uu qaba jedhan.

Heera kana fooyyeessuufis bakka bu’oonni naannolee hundaa harki lama sadaffaan itti amananii murteessuu qabus jedhaniiru.

Afaan Oromoo dabalatee afaanonni shan afaan hojii federaalaa akka ta’u Paartii Badhaadhinaa hojii naannolee hunda amansiisuu hojjetee yeroo ammaa murtoof Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyeessuu qofatu hafes jedhaniiru aadde Alamiineeshi.

Paartii kun Afaan Oromoo dabalatee afaanonni shan dabalataan afaan hojii federaalaa akka ta’an karoora waggaa 10 keessatti qabatee hojjechaa jiras jedhaniiru.

Waajjiraaleen Mootummaa fi Dhaabbileen Miidiyaalee mana hoii isaaniitti Afaan Oromoo akka Afaan hojii Federaalaa ta’uufi sadarkaa Gaanfa Afrikaatti akka beekamuuf afaan waalta’eetti fayyadamuu, waa’ee afaanichaa walhubachiisuu, manni hojii hunduu walhordofuu, barreeffamoota mana hojii isaaniti bahu hordofuun gulaaluufi Afaan Oromoon maamila isaanii keessumeessuu qabu jedhaniiru.Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015