Of-dagannaan torbeewwan ayyaanaa turanii fi hiriirri uummataa of eeggannoo hin qabne vaayirasii koronaa babal’isuu himame

165

Finfinne Adoolessa 30/2012(TOI)- Dagannaan tibba ayyaanaa ture tuttuqaa hin barbaachifne uumuunifi hiriirrii of-eeggannoo hin qabne sababa babal’achuu weerara koronaa ta’uu Ministeerri Fayyaa beksise.

Warreen damee geejjibaa irratti bobba’an,lammiileen qa’ee irraa buqqa’an,warreen daandii gubbaa jiraatanii fi namoonni humna hin qabne caalatti weerara kanaaf saaxilaman jedhame.

Deetaan Ministeera Fayyaa aadde  Sahirlaa Abdulahii  akka ibsanitti erga koronaan gara Itoophiyaa galuun isaa beekkamee as of eeggannoo fi toohannof tarkaanfin fudhatamu laafaa dhufe.

Balaa dhibeen kun uummata adunyaa irraan gahe waan nurraan hin gahiniif nun miidhu yaada jedhuun of dagannaa fi of eeggachuu dadhabuun vayirasichi baballachaa dhufe jedhan.

Magaalaa Finfinneetti lammiilee harka 33 qofatu haguuggii afaanif funyaanii kaahata, kana keessaa muraasatu akkaataa ogeeyyiin fayyaa gorsaniin hojiiirra oolcha jedhan.

Akka ibsa Ministeer Daataatti tibba aayyaanaa of-daggannaa fi ofeeggannoon xiqqaachuun ,hiriirri walitti siquun geggeffamu waltuttuqaa uumameen vaayirasichi babal’atee jiras jedhan.

Gamabiraatiin namooni hojii geejjibaa irratti bobba’an  kanneen magaalaa keessa fi fageenya dheeraa deeman , lammiileen qa’ee irraa buqqa’an,kaampii buqqatotaa keessa lammilee jiraatan, kanneen daandii gubbaa jiraatan fi maanguddoota humna hinqabne caalati dhibee kanaf saaxilamaa jiru.

HIV,dhiibbaa dhiigaa,kaansarii ,asmaa fi warra dhibee biroo qaban iratti caalati akka cimu adda bahee jiras jedhame.

Namoota dhibee biroo qaban addatti yaaluu fi konkolaachiftoota fageenya dheeraa qaxxamuran guyya 15 akka qorataman ta’aa jira.

Warreen daandii gubbaa jiraatan gara iddoo tursiisatti galchuuf ministeera dhimma hojjeta fi hawasumma akkasumas dhimma dubartoota,daa’immanif dargaggoota waliin qindoominaan hojjetama jira jedhan.

Bu’aa qorannoo mata duree namni kamuu jedhuun hagayya 1/2012 irraa eegalee hanga 17/2012 geggeffamu booda  gama diinagdeen dhabileen tajaajila hawasummaa kennan gara hojii akka galanis himanii jiru.

Duula qorannoo guutuu biyyatti geggefamu kanaan hawasni qoratamuun ofii fi namoota biroos dhibee kana irraa akka baraaruu fi of dagannaa keessaa bahuu qabas jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015