Yunivarsiitiin jimmaa aartii Oromoo cimsuuf dargaggoota kennaa aartii addaa qaban bilisaan barsiisufi

226

Finfinnee Adoolessa 30/2012(TOI)- Yunivarsiitiin Jimmaa aartii Oromoo cimsuuf dargaggoota kennaa aartii addaa qaban bilisaan barsiisuf akka ta’e beksise.

Yaadannoon isaa immoo artist Haacaaluu Hundeessaf akka ta’u beksise.

Yunivarsiitiin Jimma sagantaa yaadannoo Artist Haacaaluu Hundeessaf qopheesse irtti sagantaa kana beksise.

Yunivarsitichi sagntaa yaadannoo artist  Haacaaluu Hundeessaa mata duree Haacaaluu abdii biyyaa,tokkummaa,nageenyaa fi sagalee haqaa jedhuun geggeesse.

Artist Haacaaluun uummata Jimmaa waliin hariiroo cimaa kan qabuu fi guddina uummata naannichaatif artistii gahee isaa bahate ta’uu sagantaa yaadannoo sana irratti ibsame.

Artistichi misooma Aggaaroof uummata kakaasee wallee Aggaaroo Aggaaroo jedhuu fi uummani jimmaa kan ittiin beekkamu wallee Sanyii Mootii jedhu uummatichaaf gumaachee jira.

Yunivarsiitiin Jimmaa sirna kana gaafa qopheessu gara fuula duraa Haacaaluu kumaataman horachuuf  yaadamee akka ta’e ibsame.

Pirezedaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa yaadannoo artist Haacaaluu Hundeesaf kan ta’u istaadiyeemii tajaajila hundaaf tajaajilu Giddugala Sivikii Haacaaluu jechuun akka tajaajilu moggaafamuu ibsan.

Yunivarsiitii Jimmaatti giddugalli qoranno fi qo’annoo Oromoo hojin aartii oromoo gara garaa barruulee qoranoo idil-adunyaa adda addaa irratti akka maxxanfamu ni ta’a jedhan.

Kanaan alatti maqaa Haacaaluu Hundeessatiin aartii oromoo guddisuuf barattoota kennaa artii qaban simatee barnoota tolaa barsiisuuf qophaahuu dubbatan.

Sirna yaadannoo kana irratti hojiin wallee  Haacaaluu Hundeessaa irratti kan fuullefatan barruleen 3 dhihatani irratti mariyatame.

Sirna yaadannoo kana irratti bakka buutonni barattoota Yunivarsiitii Wallaggaa,Mattuu,Boongaa,Walqixxee fi Waraabee oboleessi Haacaaluu Sisay Hundeessaa,hiriyoonni Haacaaluu fi hojjettoonni yunivarsiitii jimmaa fi jiraattonni naannoo hirmaatanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015