Bishaan dhugaatii qulqulluu waliin gahuuf hojiin gara garaa hojjetamaa jira- Komishinii Misooma Bishaanii

245

Finfinnee Adoolessa 29/2021(TOI)- Itoophiyaatti bishaan dhugaatii qulqulluu waliin gahuuf hojiileen adda addaa hojjetamaa akka  jiru komishinin misooma bishaanii beksise.

Bara 2013 pirojektoota bishaanii ijaaruuf kan oolu bajata birrii biliyoona 4 qabamuus ibsan.

Bishaan dhugaatii biyyattii fooyyessuuf tarkaanfileen adda addaa fudhtamanis ammas rakkoon kun itti fufee jira jedhan.

Dhiheessin bishaan dhugaatii qulqulluu hanga ammaa dadhabaa ta’uu komishinarri Komishinii Bishaan Dhugaatii Qulqulluu Itoophiyaa Dr. Baashaa Mogasee TOIf himan.

Bara 2013tti magaalas ta’ee baadiyyatti hojiin rakkoo bishaan dhugaatii kana furan hojjetamuu eegale jedhan.

Bara baajataa 2012 darbetti bajata birri miliyoona 184kan  ramadameef ta’uu yaadachiisuun bara 2013f immoo bajata birrii biliyoona 2 mootummaa irraa ,dhaabbilee degartootaa irraa immoo birrii biliyoona 2 ramadamee fi jira.

Bajani birrii biliyoonni 4 ramadameef pirojektoota bishaan dhugaati qulqulluu eegalaman  xumursisuun pirojektoota haarawa eegalchiisuuf kan gargaaru yoo ta’u pirojektoonni xumuuraman sirna dhiheesii bishaan dhugaati qulqulluu dadhabaa ta’e kan fooyyessu jedhan.

Magaalota jiraattota nama kuma 20 hanga kuma 100 qaban 9 keessatti pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu hanga ji’a Muddee, 2013 akka xumuuraman komishinarichi ibsan.

Baadiyaatti kilometira 1 keessatti bishaan liitira 25 guyyaa tokkotti namni tokko akka argatuuf hojjetamaa jira.
Magaalatti fageenya dhihoo yoo danda’ame oddoo ofii keessatti bishaan akka argatu ni godhama jedhan.

Dhiheesii bishaan baadiyyaa fooyyessuuf pirojektoonni 41 akka ijaaraman karoorri qabamee jira.

Gama saniteeshiniitiin Finfinnee dabalatee magaalota 22 keessatti qorannoon xumuuramuu dubbatan.

Magaalota hanqina bishaanii qaban jedhan kanneen weerara koronaan miidhamuu malu jedhamanif paampiin bishaanii  birrii miliyoona 13n bitamanii dhiheesiin bishaanii xumuuramee jira.

Magaalota 23 fi kanneen daangaa irra jiran koronaa toohachuu fi rakkoo dhiheesii bishaanii ittifufinsaan hikuuf naanolee waliin dubbachuun hojjetama jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015