Kenniinsa tajaajila haqaa yeroo koronaa qorannoo dhihaate iratti mariyatame

123

Finfinnee, Adoolessa 28/2012(TOI)-  Haati  alangaa waligala federaalaa Aaadde Adaanecha Abeebee barreffama fuula fecbook isaaniin ibsaniin Guyyaa har'aa Instiitiyuutii qorannoo seeraa Federaalaa, "Justice for all Ethiopia " / 'Haqa Hundumaaf ' / waliin ta'uudhaan yeroo ittisa Vaayirasii Koronaa Itoophiyaatti haala kenniinsa tajaajila haqaa " mata duree jedhuun qorannoo dhiyaaterratti mari'annee jirra jedhan.

 Dhaabbileen haqaa qormaanni kamiyyuu nu mudatu hojii keenya hojjachuu kan qabnu qormaatilee numudatan dandamachuun mirga guutuu ummata keenyaa eegsisuu giddugaleeffanneeti dha.

COVID 19 amala akka jijiirratuu fi badaa deemuu osoo hin taane babal’achaa kan jiru ta’uu isaa hubannee nuti ofii keenya COVID 19 ofirraa ittisuun ummata keenya akkamiin akka tajaajiluu dandeenyu dabalataan tarsiimoowwanii fi hojmaata haaraa diriirsuudhaan hojjachuun dirqama ta’as jedhan.

Fuuldurattis hojii ittisa COVID 19 hojjachaa haqaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii qindoominaan hojjachaa jiruu cimsinee ummata keenya tajaajiluu qabnaa dhaaman.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015