Hidha haaromsaa xumuuruuf tokkummaan uummataa cimuu qaba jedhan pirezedaantiin naannoo sidaamaa

68

Finfinnee ,Adoleessaa 28/2012(TOI)-Hidhaa Haroomsaa gara xumuratti dhiyaate galman gahuuf tokkuummaa uummataa cimuu qaba jedhan pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedamoo.

Naanniicha irraa ijaarsa hidhaa haroomsaaf bittaa boondii miiliyoona 40 sassaabuuf Waltajjiin marii kaleessa magaala Hawaasaatti adeemsifamee jira.

Waltajjiicha kan gaggeessan pireezedantiin naanniichaa obbo Dastaa Leedamoo biyyoonni yaa’a laga Abbayyaa ta’an tokko tokkoo kara seeran alaa fayyadamuuf fedhii qaban irraa kan ka’e, ijaarsi hidhaa haroomsaa erga jalqabee kaase moormii gara garaa agarsiisa turaniiru jedhan.

Ijaarsi hidha haroomsaa yeroo xumuramaa jirutti bishaanille akka hin gutamne dinoota biyya keessaas ta’e alaa fayyadamuun hojii guddaa hojjaachuu isaaniis himaniiru.

Bu’aa amma argame kanaaf gaggeessaan jijjiramichaa hanqinoota jiran sirreessuun ejjannoon agarsiise gahee guddaa taphachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015