Abbaan Alangaa Waligala Federaalaa karoora waggaa 10 irrati mariyate

69

Finfinnee  Adooleessa 27/2012(TOI) - karoora misooma waggaa 10 irraatti mariyannee jirra jedhan Haati Alangaa Waliigalaa Federaalaa Aadde Adaanach Abeebee.

Waltajjicha irrattis Abbaa Alangee walii galaa, dhaabbilee itti waamamanii fi qaamoleen qooda fudhattoota Haqaa kan hirmaachise gaaffilee haqaa hawaasaa deebisuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu irratti karoora qophaa'e marii fi galteef banaa akka ta'uuf dhiyaatees jedhan.

Gaaffiiwwan hawaasa irraa ergamaniif deebii kan kenname ta'us, caalaatti hojii qabatamaadhaan kan deebisnu ta'as jedhan Aadde Adaanach ergaa fuula feesbuukii isaaniin barressanin.

Bara 2022tti mul'ata tajaajila haqaan dhaabbilee haqaa Afrikaaf fakkeenya ta'ee arguu, irra gahuuf akka hojjennuu fi mul'ata kanas milkeessuuf tarsiimoon kallattii raawwii seeraa ol aanaa, kenninsa tajaajila haqaa olaanaa fi ijaarsa dhaabbilee kan jedhaman bocamee kan hojjetamu ta'as jedhan.

Kallattillee xiyyeeffannoo kanas milkeessuuf yakkaa fi sodaa yakka xiqqeessuu, mirga namoomaa kabajuu fi seeraaf ajajamuu guddisuu,hojii fooyya’isa seeraa bu’aa qabeessa fooyyeessuu kan jedhamanii fi gara qabxilee ijoo10 ta’an galmi gurguddoon qajeelcha karoorichaa keessatti haammatamee jira.

Yeroo itti aanuttis dheebuu haqaa saba keenyaa baasuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu qaamolee qooda fudhattoota federaalaa fi naannolee hunduu akka irratti mar’atuu fi akka galteetti akka fayyadamnuuf itti fufiinsaan irratti hojjeennas jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015