Manni Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee yaa'ii idilee 3ffaa bara hojii 7ffaa geggeessuu eegale

118

Finfinnee, Adoolessa 27/2012 (TOI) – Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yaa'ii idilee 3ffaa bara hojii 7ffaasaa gaggeessuu eegale

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan raawwii baajata bara 2012 mana marichaatif dhiyeessaa jiru.

Hojiiwwan  bara baajataa 2013 karorfaman  irrattis mariin kan taasifamu ta'a.

Baajatni kaappitaalaa fi idilee 2013, gabaasni Oodiitara Olaanaa fi manneen murtii, akkasumas muudamni adda addaas  ni ragga'aa jedhamee  eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015