waldaan Misooma Oromiyaa deegrsa taasise

163

Finfinnee, Adoolessa 23/ 2012 (TOI) – Waldaan Misooma Oromiyaa hawaasni sababii weerara vaayrasii koroonaatin rakkoof akka hin saaxilamne deeggarsa midhaan nyaataa xaafii kuntaala 400 abbootii warraa 400f laate.

Midhaan nyaataa kun Birrii miiliyoona 1.8 kan bitame yoo ta'u, abbootii warraa 400f magaalaa Bishooftuu, Mojoo fi Duukamiif kenname.

Deeggarsicha kan laate waldichatti proojaktii 'CVC'ti.

Waldichi ambulaansota 8 marsaa kanaan aanaalee Oromiyaaf kan gumaache yoo ta'u, hanga yoonaatti marsaa sadiin ambulaansota 72 gumaachera.

Ijaarsa daree dabalataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Bishooftuufis dhagaan bu'uuraa sadarkaa itti aanaa preezidaantiitti qindeessaa kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa fi walitti qabaa boordii waldichaa obbo Abbaa Duulaa Gammadaatin kaa'amera. maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015