Namoonni dabalataa 610 vaayirasii koronaan qabamanii namoonni 14 lubbuun isaanii darbee jira

57


Finfinnee Adoolessa 22/2012(TOI)- Qorannoo sa’aatii 24 darbe keesssaatti namoota 7760f taasifameen namooni dabalataa 610 vaayirasii koronaan qabaman.
Walumaagalatti lakkofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii 15810 gahee jira jedhame.
Guyyaa har’aa namoonni 14 lubbuun isaanii darbuu kan ibse ministeerri fayyaa lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaan darbee 253 gahee jira.
Gama biraatiin namoonni 159 vaayirasicha irraa dandamatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015