Paartilee morkattootas ta’ee qaamolee mootummaa jeequmsaa fi hokkora keessaa harka qaban irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhan ministirri muumme

126


Finfinnee Adoolessa 22/2012(TOI)- Paartilee morkattootas ta’ee qaamolee mootummaa jeequmsaa fi hokkora keessaa harka qaban irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhan ministirri muumme Dr.Abiyyi Ahmad.
Dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasuun angoon qaxxamuraan qabamu hin jirus jedhan.
Dr.Abiyyi Dhimma haala yeroo irratti hoggantoota paartilee siyaasaa dorgomtoota waliin mariyatanii jiru.
nagaa egsisuun gahee paartilee hundaati kan jedhe paartiin madrak,qaamolee alaa nageenyi akka boora’u hojjetaniiin alatti mootummaa keessa taa’anis warri hojjetanis jiru mootumman of ilaaluu qabs jedhan.
Mootumman jeequmsaa fi hokkora tibbana uumame sababa godhatee hoggantoota keenya hidhaa jira jechunis gaafatee jira partichi.
Adeemsi kun nagaa buusuu keessatti gufuu ta’uu mala jechuunis ibsan.
yaanni mootummaan naannoo tigraay aangoo heeraan federaalaf kenname cabsuun filannoo nan geggeessa jedhu mootummaan tarkaanfii maalif hin fudhatu jedhus ka’ee jira.
gahee m,ootummaan bishaan hidha haaromsaa marsaa duraa guutuuf taphateefis beekkamtii kennan.
Ministirri muummee Dr.Abiyyi deebii laataniin,ijarsi dhaabbilee walxaxaa fi qaamolee heddu kan hirmaachisu ta’uu eeruun, mootummaan rakkoo caasaa isaa keessaa akka furu paartileen siyaasas gahee isaanii akka bahan gaafatan.
Yaalii biyyaafi uummata rakkoo irra buusan kamuu sarara diimaa mootummaan obsa hin laalle ta’uus ibsan.
Yaalii ijoolee hiyyeesaa walitti buusuun qaxxamuraan aangotti bahuuf godhamu jiraachu ibsuun warri gocha kana keessaa harka qaban maaliif miidhaman yaanni jedhu fudhatama hin qabus jedhan.
Caasaa mootummaas ta’ee paartilee siyaasaa gocha kana keessaa harka qaban seeraan gaafachuu hojiin eegale cimee ittifufas jedhan.
Jeequmsa tibbana oromiyaa keesatti mudateef hoggantoonni paartii badhadhinaa hedduun hidhamuus dubbatanii jiru.
Jaarsolee heddu gurmeessuun namoota seera jala oolan hiiksisuuf sochiin godhamaa jiraachus eeranii jiru.
Namoota akka barbaadan seera cabsan maqaa jaarsummaatiin aangoon ittiin hiksisu hin qabu kan jedhan Dr.Abiyyi,adeemsi kun olaantummaa seeraa kabachisuu fi shaakala dimokiraasiis ni yarsa jedhan.
Dhimma naannoo tigraay ilallateen naannoo tigraay taa’anii uummata naannichaa uummata obbolaa isaa biraa waliin walitti buusuuf kan hojjetan jiratanis mootummaan uummata naannichaa waliin walitti bu’iinsa uummuu hin barbaadu jedhan.
Manni mare federeshinii mootummaa naannicha hogganu hanga filannoo itti aanuu akka aangoo irra turu murteessuu beksisaa jira.
Kanarraa ka’uun filannoon gegeffamu hiiika akka hin qabne eeruun filannon TPLF ala partiin kamuu gara aangoo dhufuun murtee mana mare federeshinii cabsuu waan ta’uuf gara walitti bu’iinsa hin taanetti cehuu malas jedhan.
Paartileen siyaasa dhimmoota biyyaa biro irratti mariyachuf beellama qabatani jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015