Hojjettoonni mootummaa olaanoo hogantoonni miidiyaa gullalletti biqiltuu dhaaban

76

Finfinnee  Adoolessa 21/2012 - Hojjettoonni Mootummaa Olaanoofi Hooggantoonni Dhaabbilee Miidiyaa Gullalleetti Biqiltuu dhaaban.

Jilli hojjettoota Mootummaa Olaanoo, Miseensota Fooramii Miidiyaa, Gaggeessitoota Miidiyaa Giddugala Qorannoofi Oomisha Biqiltuu Gullalletti argamuun misooma Ashaaraa Magariisaaf biiltuu dhaaban.

Sirna dhaabbii biqiltuu kana irratti haasaa kan taasisan Ittigafatamaan Sekiroyeetiraatii Waajira Ministira Muummee Obbo Nugusuu Xilaahun ,Sagaantaalee gurguddoo lama keessa jirra jedhan.

 Tokko sirna guutinsa Hidha Haaromsaarratti ejjennoo walfakkaataafi fedhii tokko qabaachuun bishaan guutuu eegalleerra.

Kun dhimma nuhiyyoomsaa  ture keessaa isa tokkoofi kan itti milkoofneedhaa jedhan.

Hidhi Haaromsaa marsaa itti aanuun humna boba'aa maddisiisuu eegala.

Inni lammataa duula misooma magariisaa biqiltuu biliyoona  5 dhaabuuf karoorfanne, misooma magariisa milkeessuuf hanga gidduu darbe kanaa biqiltuu biliyoonni  3.5 dhaabneerra.

 Ammas eeggannoo taasisaa yoo walgargaarre tokkummaadhaan hojjenne biyya keenya jijjiiruu akka dandeenyu baranneerras jedhan.

Kana milkeessuu keessatti uummatni keenya qaamolee fedhii addaa qabaniin akka hin burjaajofneefi, hojii misoomaa barsiisuu, odeeffannoo dhugaa kennuufi tokkummaa biyyaa ijaaruuf miidiyaaleen jabaatanii hojjechuu qabus jedhan.

Mootummaanis olaantummaa seeraa kabachiisuu eegale cimee itti fufas jedhan.

Miseensota fooramii miidiyaafi hoji gaggeessitoota dhaabbilee miidiyaa dabalatee kana ashaaraa magariisaa milkeessuuf akkuma tokkummaan asitti argaman tokkummaa biyyaaf qindoomanii hojjechuu akka qabanis dhaaman.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015