Manni Maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee geggeessuu eegale

78


Finfinnee, Adoolessa 20/ 2012 (TOI) -Manni Maree naannoo Amaaraa har’a Adoolessa 20,2012 eegalee yaa’ii idileesaa 15ffaa, waggaa 5ffaa, bara hojii 5ffaa isaa magaalaa Baahir Daaritti geggeessaa jira.

Baniinsa yaa’icharratti Af yaa’iin mana marichaa aadde Warqisimuu Maammoo baatiiwwan darban naannichatti gochoota raawwattaman kaasaniiru.
Bara baajataa xummuurametti nagaa fi tasgabbii naannichaaf xiyyeffannoon hojjetamee bu’aa abdachiisaan galmaahera jedhan.
Yaa’iin manni marichaa amma geggeessu humnaa fi maallaqa uummataan kan hojjetame ijaarsi hidha haaromsaa marsaan 1ffaan bishaan wayta guutametti ta’uus adda jedhan.

Preezdaantin naannichaa obbo Tamasgan Xiruuneeh gabaasa raawwii waggaa mana mareef dhiyeessaa jiru.
Wixineewwan labsii dabalata baajataa bara 2012 fi baajata bara 2013 irratti mari’achuunis ni raggaasisaa jedhamee eegama.
Dhimarratti muudama adda addaa dhiyaatu irratti bal’inaan erga mari’ateen boodas ni mirkaneessan jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015