Konkolaattonni aaraa gubataa hin gadhiifne faalama qilleensa magaalotaa hirrisuuf gahee guddaa qabu-Muummee Ministiraa Dr.Abiyyi - ENA Afaan Oromoo
Konkolaattonni aaraa gubataa hin gadhiifne faalama qilleensa magaalotaa hirrisuuf gahee guddaa qabu-Muummee Ministiraa Dr.Abiyyi
121
Finfinnee adoolessa 20/2012(TOI)- Itoophiyaa magariisomsuufi jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf sochii asharaa magariisaan, paarkota Shaggariifi Inxooxxootiin hojiilee qabatamaa hojjetaa jirra jedhan ministirri muummee Dr.Abiyyi.
Har'a ganama konkolaataa elektiriikii isa jalqabaa hojiilee kana waliin walsimufi, Maaraatoon Mootersidhaan guutummaatti biyya keenyatti tolfame kennaadhaan fudhachuukootti gammadeeras jedhan.
Konkolaattonni aara kaarboonii hingadhiisne faalama qillensaa magaalota keenya guddata jiranii hir'isuuf ni gargaaru jedhan ergaa karaa fuula febookk isaaniin maxxansaniin Dr.Abiiyi.