Pirezedaantiin mootummaa nannoo oromiyaa gabaasa raawwii hojii bara 2012 caffee oromiyaaf dhiheessan

220

Finfinnee ,Adooleessa 18/2012(TOI)- Qonni Anniisaa dinaagdee murteessaa biyyaa fi naannoo keenyaati jedhan, Pirezadaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimaallis Abdiisaa.

Pirezedant Shimallis Abdiisaa gabaasa raawwii hojii bara 2012 Caffee Oromiyaaf dhiyeessaniiru.

Hojiiwwaan tiraanisfoormeeshinii qonnaa hanga ammaatti raawwatamaniin sadarkaa maatiitti waabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee dhiyyeessi gabaaf gaha miti jedhan Obbo Shimallis.

 Mootummaan hanqinaalee omiishaa fi omiishtuummaa qonnaa sirreessuudhaan hojiiwwaan jijjiirama bu’uuraa fidan irraatti xiyyeeffachuun hojjachaa jiras jedhaniiru.

Bara hojii qonnaa gannaa fi jal’isi marsaa lammaaffaa hojjatameen waliigalaa omishaa akka naannootti argaachuuf karoorfamee kuntaala miiliyoona 275 kessaa omiishni kuntaalli miiliyoona 286 ol walitti qabuun danda’eera.

Raakkoolee dhiyeessii caallaa guddistuu kessaatti turan bu’uuraa irraa furuudhaaf hojii qonnaa Arfaasaa gannaa fi jali’isi bara 2012/13 sadarka barbadamuun milkeessuuf callaa guuddistuu xaa’oo kuntaalli miiliyoona 4.7 rabsamuun hojiirraa oleera jira jedhan.

Hanga ammaattis saanyii filaatamaan kuntaalli kuma 355,keemikaalota gosa adda addaa waliin dhiyaateera jedhame.

Omishtummaa qonnaa dabaluuf hojii omishaa kilaastaraa dabaluun gaggeeffaamu gahee olaanaa waan qabuuf raawwii bara darbee fooyyeessuun lafa heektaaraa miiliyoonaa 2 facaasuuf karoorfamee keessaa heektaarri miiliyoonaa 1.3 midhaan gosaa adda addaatiin faca'eera.

Kunis kan bara darbee irraa harkaa sadiin fooyyee qaba jedhame.

Qonnaa hirkaattuummaa roobaa jala baasuuf waggaatti yeeroo lama fi isaa ol omiishuuf hojiileen gara garaa xiyyeeffaannoon hojjatama jiras jedhan.

Bara kanatti piroojeektoota jal’isi 210 lafa heektaaraa kuma 100 fi 20 ol misoomsuu danda’an qindoominaa mootummaa naannoo fi feederaalaatiin Birrii biiliyoona 15 ijaaramaa jirus jedhaniru.

Waldalee itti faayyadamtoota bishaan jal’isiif paampiiwwaan kuma 2 fi 160 dhiyyeessuun karooraa hojii misoomaa gama jali’isitiin milkeessuun danda’ame jiras jedhaniru.Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015