Pirojektoonni gubatan deebi’anii ijaaramu jedhame

103

Finfinnee  Adooleessa 18/2012(TOI) - Pirojektoonni Invastimantii gubaman deebi’anii ijaaramu jedhame.

Rakkoo nageenyaa godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti mudateen pirojektotni invastimantii gubatan deggarsa qaamolee adda  adaatiin deebi’anii kan ijaaraman ta’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibse.

Abbootiin qabeenyaa magaalotaafi godinaalee Oromiyaa keessa jiranis hoggantoota olaanaa naannichaafi Federaalaa waliin kan mari’atan yoo ta’u, rakkoo nageenyaa mudateen danqamanii sochii misooma invastimantii addaan kutuu akka hin qabne hubachiifame.

Pireezidaantii ittaantuun Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Aadde Caaltuu Saanii akka ibsanitti, qaamoleen badii biyya alaafi keessaan qindaa’anii gochaa suukaneessaa raawwataniin lubbuun gooticha Oromoo darbuu danda’eera.

Lubbuun lammilee Darbuu fi Qabeenyi dhuunfaafi ummataa biliyoona hedduutti tilmaamus barbadeeffameera jedhan.

Kaayyoon qaamolee kanneeniis Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuun yaaliin seeraan ala aangoo ofharka galfachuuf taasisan qindoomina hawaasaafi qaamolee nageenyaatiin fashalaa’uus ibsaniiru.

Kanaaf ammoo tumsa hawaasniifi abbootiin qabeenyaa godhaniif maqaa Mootummaa naannichaatiin galateeffataniiru.

Rakkoo nageenyaa mudateenis pirojektoonni invastimantii hedduun kan gubatan waan ta’eef, misooma dinagdee naannichaafi biyyaa irratti dhiibbaa guddaa kan geessisan ta’uus dubbataniiru.

Kanaaf yeroo gabaabaa keessatti deebi’anii akka ijaaramaniif koreen akka biyyaalessaatti hundaa’ee miidhaa dhaqqabe gamaggamaa akka jiru himaniiru.

Abbootiin qabeenyaas badii dhaqqabetti rifatanii misooma irraa duubatti deebi’uu osoo hintaane, hariiroo hawaasa naannawaasaanii waliin qaban cimsachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015