Dhimoonni qabiinsa hidhamtootaa Komishiniin Mirga Namoomaa akka sirrataniif eere hojii irra oolaa jira jedhame

48

Finfinnee Adoolessa 18/2012(TOI)- komishiniin Mirga Namoomaa rakkoo tibbana mudateen walqabatee qabamanii seera jala kanneen jiran ilalchisee yaanni dhiheesse hojii irra oolaa jiraachuu beksise.

Komishinichi ibsa TOIf ergeen ajjeechaa artist Haacaaluu Hordofuun Naanoo Oromiyaatti magaalaa Finfinnee fi naannolee birootti rakkoolee jibbiinsaa bal’aa mudateen rakkoo nageenyaa hamaa,lubbuun baduu fi qabeenyi barbadaahuu jalqaba irraa kaasee hordofaa jiraachuu beksise.

Tooftaa qorannoo qabiinsa mirga namoomaa irratti hunda’uu fi ragaa gahaa bu’uureffachuun gosa cabiinsa mirga namaa karaa sirriin kan qulqulleessu garee hundeessuun gara iddoowwan kanaa erguu beksise.

Hanga ammaa qorannoo dursaa godhameen iddoowwan rakkoon bal’aan itti geggeffame 15 fi magaalaa Finfinnee fi iddoowwan biroo 40tti rakkoo dhiiittaa mirga namaa gahe bal’inaan ni qorata jedhame.

Bu’aan qoranoo,gosaan erga adda bahee hanga bdhiibbaa gahee xinxaluun warra badii qaban gaafatamaa gochuuf namooni miidhaman karaa ittiin deeggaraman akkasumas gochoota walfakkaataa karaa ittiin ittisan tarkaanfii fudhatamanif galtee akka ta’u ibsee jira.

komishinichi namoonnif dhaabbileen odeeffannoo rakkoolee kanaa qaban kennuu akka itti fufan beksisee jira.

Balaa kana booda namoonni hedduun seera jala kan oolan yoo ta’u namooni yakka kanaan shakamanii himataman qabiinsa mirga namoomaa isaanii komishinici hordofaan jira jedhe.

Asiin dura manneen hidhaa daaw’achuun hidhamtootaa fi hoggantoota hasofsiisuun haala qabiinsaa dinqisiifachuun wantoota sirrachuu qaban yaada dhiheesuu yaadachiise.

Yaada dhihate kana qaamoleen haqaa dhimi isaan ilallatu sirreeffama fudhachuu isanii beekkamtii kennina jedha ibsi komishinichaa.

Polisoonni karaa sirrii ta’een shakkamtoota qabaa jiraachuus beeksisee  jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015