Naannoo Oromiyaatti hanga yoonaa ashaaraa magariisaan biqiltuun biliyoona 2.2 dhaabbate

241

Finfinnee  Adoolessa 16/2012 (TOI  )– Raawwii hojii Ashaaraa Magariisaa bara 2012 fi duula biqiltuu dhaabbii guyyaa 1 kan Adoolessa 22 ilaalchisuun koreen teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Oromiyaa ibsa kenne.

Adoolessa 22/2012 guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 304 dhabuuf karorfamee jira.

Ashaaraa magariisaa bara kanaan akka Oromiyaatti biqiltuu biiliyoona 3.2 dhaabuuf karoorfame keessaa biiliyoona 2.2 dhaabameera jedhame.

Kanaanis dhibbeentaa %70 galmaan ga'uun danda'ameera jedhan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatti Hoogganaa  Itti Aanaafi Itti gaafatamaan damee Qabeenya Uumamaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii.

Hanga yoonaattis lammiilee miiliyoona 6.6 ta’antu iratti hirmaate jedhan.

Akka Naannoo Oromiyaatti Adooleessa 22, 2012 guyyaa 1tti magaalaafi baadiyyaatti biqiltuu miiliyoona 304 dhaabuuf karoorfameera kanaafis aanota 290fi maagaalota 19tti qophiin gahaan taasifameera.

Kaayyoon Ashaaraa Magariisaa rakkoo diinagdee, hawaasummaa, kan faayyaa furuufi naannoo jireenyaa mijataa uumuuf barbaachisaa waan ta'eef muuxannoo bara darbeerraa barachuun bu'aa caaluu galmeessuuf qophiin taasifame guyyaa 1tti boqiltuu lakkoofsa hedduu ta'e dhaabuun hiika addaa qabas jedhan Obbo Indaalkaachoon.

Hundumtuu karoorri qabme akka milkaa'uuf karaa hundumaa itti hirmaachuufi tumsuun barbaachisaa ta'uus yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015