Mariin dhimma Hidha Guddicha laga Abbayyaa kan biyyoota sadanii waligaltee irra gahame

102

Finfinnee Adoolessa 15/2012(TOI)- Marii dhimmi hidha guddicha laga Abbayyaa irratti waligaltee irra gahamuu waajjiiri Ministira Muummee beksise.

Ji’a waxabajjii 19/2012 darbe  hogansa miseensota gamtaa afrikaatiin dhimmi hidha guddicha laga abbayyaa fala afrikanootaa akka argatu mariyachuun yaada dhiheessuun isaanii ni yaadatama.

Kanumaan guutinsi bishaanii fi raawii waggaa ilalchisee  mariin yero darbee guyyaa kaleessaa itti fufee geggeffamee jira.

Ajandaa dhimma marii hidha haromsaa irratti Itoophiyaa Sudaani fi Masriin  taasisan bu’uureffachuun mariin durataa’aa Gamtaa Afrikaa Siiril Ramafoozaan qophaahe  geggefamuuu ibsi waajjirri Ministira Muummee TOIf erge ni mullisa.

Maricha irratti misitiirri muummee Dr.Abiyyi Ahmad,ministira muummee sudaan Abdalllaa Hamdook fi pirezedaantii Masrii Abdulfattaa Alsiisiin hirmatanii jiru.

Dabalataanis komishinarri Gamta Afrikaa Muussaa Fakii Mahmat dabalatee miseensota biiroo kan ta’an hoggantoonni biyyoota Keeniyaa ,Dimkiratika ripablika Koongoofi Maaliin hirmatanii jiru.

Minstirri Muummee Doktar Abiyyi biyyonni sadan gargarummaa isaanii waldandeeessisanii waligalteerra akka gahan gahee Gamtaan Afrikaa bahateef galateeffatan.

Rakkoo Afrikaaf fala Afrikaan hojiilee raawwatamanis dinqisifatan.

Bishaan laga Abayyaa karaa haqa qabeessaa fi Sudaanif Masrii hin miineen akka hojiirra oolu ejjennoo jabaa qaban jala muruun beksisan.

Haalli roobaa fi yaa’insa qaxanaa guutinsa bishaaniif mijataa ta’uus ibsichi eeree jira.

Torbeewwan lamaan darban rooba cimaa roobaa tureen kan ka’e guutinsi bishaanii waggaa jalqabaa xumuuramuun bishaan hidha ijaaraamaa jiru irra darbuun dhangala’aa akka jiru ibsichi ni eera.

Hogantoota biyyaa fi mootummootaan kan geggeffame mariin kun qaamoleen hundi gosa gosaan ajandaale irratti waligaluun marichi waligalteen akka xumuuramuf karaa banee jira.

Bu’uura Kanaan Itoophiyaa,Masrii fi Sudaan guutinsa bishaanii koreen teeknikaa karaa Gamtaa Afrikaan akka itti fufuufi waligalteerra akka gahan waligalanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015