Bu’aan kalaqa dargaggoo Naa’ol Dhaabaa dirooniin lama ifa ta’e

163

Finfinnee Adoolessa 13/2012(TOI)- Bu’aan kalaqa dargaggoo Naa’ol Dhaabaa diroonii fi meeshaan hoo’a dhibee koronaa adda baasu ifa ta’e.

Kalaqni dargaggooo Kanaan uumaman diroonii lama kan hojii qonnaa fi waligalteef tajajilani fi hojii kalaqaa tutuqaa harkaa malee hoo’ina qaama namaa adda baasu jedhame.

Kalaqni dirooniwwan kanaa qoricha farra aramaa kan firfirsuu fi fageenya irraa ergaa uummataaf kan dabarsu.

Dargaggoon Naa’ol guddina itoophiyaa teknoolojiin deggaruun gumaacha isaa ta’uu ibse.

Yaaddoo adunyaa kan ta’e dhibee koronaa ittisuuf immoo dursa kan kennu ta’uu dubbata.

Dirooniin qoricha farra aramaa biifu kun al tokkotti liitira10 kan baatuu fi lafa hektaara 65 haguuguu kan danda’u yoo ta’u humna namaa fi yeroo qusata jedhame.

Moodeeliin amma hojjete litira 10 kan qabatu yoo ta’u kan itti aanu immoo liitira 500 akka baachuu danda’uutti hojjetamaas jedhe Naa’ol.

Teknoolojiin kun dame qonnaa ammayyeessuuf qooda guddaa akka qabus ibsee jira.

Kalaqni lammaffaa diroonii fageenya irraa ergaa dabarsu yoo ta’u hawaasaf dhimmi koronaa irratti hubannoo uumuuf gargaara jedha.

Kalaqni 3ffaan fagenya irraa tutuqaa harkaa malee hoo’ina qaama namaa kan safaru.

Namni kamuu otoo iddoo mashiniin sun jiru otoo hin gahin yoo darbe sagalee dhageesisa.

Darektarri Abbaa taayitaa Aveeshinii Itoophiyaa  Koloneel Wasanyeleh Hunenyaaw hanga ammaa dame dirooniin hojmaanni eyyama kennisiisu akka hin jirre yaadachiisan.

Amma hojmaata kana seerri ayyamu qophaahuun abbaa kalaqaa dargaggoo Naa’ol dabalatee kanneen biro jajjabeessuuf hojjetamaa jira jedhan.

sirna kalaqa kana ifoomsuu irratti kan argaman Ministeerri Barnootaa Doktar Injinar Geetahuun Mokriyaa mootummaan dargaggoota kalaqa rakkoo furan maddisiisaan ni jajjabeessaa jedhan.

Abbootiin qabeenyaas dargaggoota akka Naa’ol abbaa kalaqaa ta’an bu’aa kalqa isanii gara hojii akka galan deegarsa akka godhan gaafatan.

Ittigafatamaan pires sekreetiraatii waajjira Ministira Muummee Obbo Nugusuu Xilaahun kalaqni akkanaa badhadhina itoophiyaa kan dhugomsan waan ta’eef mootummaan deegarsa barbaachisaa ni taasisa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015