Pirojektoonni naannoo Oromiyaatti bara kana xumuuramuun eebbifaman amantaa uumanni mootummaa irratti qabu kan cimse jedhame

72


Finfinnee Waxabajji 22/2012(TOI)_Pirojektoota bara kana xumuuramuun eebbifaman harki caalaan pirojektoota misooma baadiyyati jedhan sadarkaa Pirezedaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilastara Baadiyyaa Dr.Girmaa Amantee
Dr.Girmaan raawwii pirojektoota kanaa irratti miidiyaaf ibsa kennan.
Barri 2012 bara xumuura pirojektoota eegalamanii jennee hojiitti galle kan jedhan Dr Girmaan, pirojektoonni kun dameelee 3 qoodamuu jedhan.
Inni duraa pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu , baayyinaan pirojektii 1358 yoo ta'an birrii biliyoona 1.2tu itti bahe jedhan.
Pirojktiin kunneen uummata miliyoona 1.5 faayadas jedhame.
Pirojektiin2ffaan kilastara kanaan hojjetamaa ture pirojektii daandiif riqichaa yoo ta'u riqicha 35 fi daandii 1 birrii miliyoona 473 akka hojjetaman ibsan Dr.Girmaan.
Pirojetii 3ffaan damee kanaan xumuuramuun eebbifaman pirojektoota jallisii birrii biliyoona 1.5 hojjetaman uummata kuma 48 fayyaduu danda'as Jedhame.
Ammas pirojektoonni hanga dhuma waxabajjii xumuuraman jiraachuu kan eeran Dr.Girmaan, milkaahina kanaaf kallattii ifa ta'e , karoora yeroon qopheessuu fi uummata hanga dhumaa hirmaachisuudha jedhame.
Pirojektoonni kunneen amantaa uummanni mootummaa irratti qabu kan cimse jedhan.
Pirojektoonni eebbifaman maallaqaanis ta'ee baayyinaan kanneen misooma baadiyyaa akka ta'e ibsame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015